Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:56

[1] Abrahaam haadha manaa kan biraa fuudhe; maqaan ishees “Qexuuraa” jedhama ture.

[2] Isheen ijoollee,“Zimraan, Yokshaan, Medaan, Miidiyaan, Ishbaak, Shuwaa” jedhaman in deesseef.

[3] Yokshaan immoo Sheebaa fi Dedaanin dhalche; ilmaan Dedaan, Ashuriim, Letushiim, Le'umiim;

[4] ilmaan Miidiyaan immoo, Efaa, Efer, Henok, Abiidaa, Elda'aa turan; isaan kun hundinuu ijoollee warra Qexuuraan hortee dha.

[5] Abrahaam wanta qaba ture hundumaa Yisihaqiif in kenne.

[6] Ijoollee saajjatoota isaatiif garuu Abrahaam fayyaatti utuu jiruu kennaa kekkenneefii, ilma isaa Yisihaq irraa kaasee, gara boruutti biyya ba'a-biiftuutti isaan erge.

[7] Barri Abrahaam jiraate waggaa dhibbaa fi torbaatamii shan ture.

[8] Abrahaam in obbaafate; ba'eessa godhee dulloomee baras quufee in du'e, gara saba isaattis in sassaabame.

[9] Yisihaqii fi Ishmaa'el ilmaan isaa, holqa Makfelaa maasii Efron ilma Zohaar Heetichaa, isa Mamree irraa gara ba'a-biiftuutti hafu sana keessatti, isa in awwaalan.

[10] Maasichi isa Abrahaam ijoollee Heet irraa bitee ture; Abrahaam haadha manaa isaa Saaraa biratti achitti awwaalame.

[11] Abrahaam erga du'ee, Waaqayyo Yisihaqin ilma Abrahaam in eebbise; Yisihaqis “Be'er-Lahaayi-Ro'i” iddoo jedhamu in taa'e.

[12] Hiddi dhaloota sanyii Ishmaa'el isa Aggaar xomboreen Saaraa isheen nama biyya Gibxii sun Abraamiif deesse, kanatti fufee in lakkaa'ama;

[13] maqaan ilmaan Ishmaa'el akkuma tarree dhaloota isaaniitti, Nabaayot ilma Ishmaa'el isa angafa, Qedaar, Adbi'el, Miibsaam,

[14] Miishmaa, Dumaa, Maasaa,

[15] Hadaad, Temaa, Yetuur, Nafiish, Qedimaas ture.

[16] Ilmaan Ishmaa'el isaan kana turan; gandi isaaniif lafti buufata isaanii maqaa isaanii kanaan in waamamu; akka gosa isaaniittis gurguddoota kudha lama qabu.

[17] Barri Ishmaa'el jiraate waggaa dhibbaa fi soddomii torba ture; Ishmaa'el in obbaafate, gara sanyii isaattis in sassaabame.

[18] Inni fuullee obboloota isaa hundumaa qabatee waan tureef, ijoolleen isaa lafa “Awiilaa fi Shuur” jedhaman gidduu taa'an; innis lafa yeroo gara biyya Asoritti adeeman fuullee Gibxiitti mul'atuu dha.

[19] Hiddi dhaloota sanyii Yisihaq ilma Abrahaam kanatti fufee in lakkaa'ama; Abrahaam Yisihaqin dhalche.

[20] Yisihaq nama waggaa afurtamaa yeroo ta'e, Ribqaa in fuudhe; isheen intala Batu'el nama Aaram isa Phaadaan-Aaram sanaa ti; isheen obboleettii Laabaan nama Aaram turte.

[21] Yisihaq waa'ee haadha manaa isaa ishee dhabduu turteef Waaqayyoon kadhate; Waaqayyos wanta inni kadhate waan dhaga'eef, Ribqaan haati manaa Yisihaq in ulfoofte.

[22] Ijoolleen garaa ishee keessatti wal in dhidhiitu turan; isheenis,“Erga akkas ta'ee, kun maal anaaf godha ree?” jette; kanas Waaqayyoon gaafachuu in dhaqxe.

[23] Waaqayyos isheedhaan, “Gadameessa kee keessa saba lamatu jira; gosoonni lamaan si irraa dhalatanis gargar in hiramu; gosa isa tokkotu isa kaan irra jabaata; isa angafatu isa quxisuudhaaf ergama!” jedhe.

[24] Yeroon da'uu ishee yommuu ga'e, kunoo lakkuun gadameessa ishee keessa turan.

[25] Inni duraa diimaa, dhagni isaa hundinuus akka uffata dabbasaa qabuu rifeensa'aatu as ba'e; maqaas isaa “Esaawuu” jedhaniin.

[26] Isa booddeedhaan immoo obboleessi isaa as ba'e; harki isaa koomee Esaawuu qabatee ture; maqaan isaas “Yaaqoob” jedhame; yeroo isaan dhalatan Yisihaq nama waggaa jaatamaa ture.

[27] Ijoolleen kunis in guddatan; Esaawuun nama akka itti adamsu beeku, nama bakkee oolu ta'e; Yaaqoob garuu nama amal-toleessa qe'ee keessa oolu ture.

[28] Yisihaq wanta inni adamsee fidu nyaachuun waan itti toluuf, Esaawuu in jaallata ture; Ribqaan garuu Yaaqoobin in jaallatte.

[29] Gaaf tokko utuu Yaaqoob nyaata tolchuutti jiruu, Esaawuun bakkeedhaa dhufee ol gale; isas uruuriin dha'ee ture.

[30] Esaawuun yommus Yaaqoobiin,“Amma uruuriin na dha'eraa, nyaata diimaa sana akkan nyaadhuuf anaaf kenni!” jedhe; kanaafis maqaan isaa “Edoom” jedhame; [“Edoom” jechuun “Diimticha” jechuu dha].

[31] Yaaqoob immoo,“Ati dura angafummaa kee anatti gurguri kaa!” jedheen.

[32] Esaawuunis,“Anoo amma du'uu ga'e, angafummaan kun maal anaaf godha ree?” jedheen.

[33] Yaaqoob immoo,“Dura anaaf kakadhu!” jedhe; innis in kakateef; akkasittis angafummaa isaa Yaaqoobitti in gurgure.

[34] Yommus Yaaqoob buddeenaa fi ittoo misiraa sana Esaawuuf in kenne; innis nyaatee, dhugee, ka'ees karaa isaa irra in bu'e; Esaawuun akkasitti angafummaa isaa in tuffate.

Seera Uumamaa — Chapters