[1] Ergamoonni Waaqayyoo lamaan galgala gara Sodoom in dhufan; Looxis karra kellaa Sodoom dura in taa'a ture; Loox yeroo isaan arge, simachuudhaaf ka'ee itti adeemee, hamma mataan isaa lafa ga'utti qoomma'eefii,
[2] “Gooftolii koo, gara mana garbicha keessaniitti as gortanii, miilla keessan dhiqattanii akka bultaniif isinan kadhadha! Bariidhaanis kaatanii karaa keessan irra in buutu” jedhe; isaan immoo,“Hin ta'u, nuyi bakkee kana in bulla!” jedhan.
[3] Inni garuu cimsee waan isaan giddisiiseef, gara mana isaatti in goran; inni immoo buddeena caariggii tolchisiisee irbaata isaaniif in qopheessise, isaanis in nyaatan.
[4] Utuu isaan gad hin cicciisin dura, kunoo warri mandara sanaa, namoonni Sodoom, dargaggoonni, jaarsoliinis hundinuu tokko illee utuu hin hafin, dhufanii manicha in marsan.
[5] Jarris Looxin waamanii,“Namoonni galgala kana gara kee dhufan meerree” Akka isaan gadheessinutti gara keenyatti gad baasi!” jedhanii in wacan.
[6] Yommus Loox gara jaraatti gad ba'ee balbalas of duubaan in cufe;
[7] jaraanis,“Hadaraa yaa obboloota ko, waan jal'aa akkasii hin hojjetinaa!
[8] Kunoo, ani durba lama warra kanaan dura dhiirri bira hin ga'in qaba, isaan gad isiniif nan baasa, waan gaarii ta'ee isinitti mul'atu isaan irratti raawwadhaa! Namoonni kun garuu bantii mana koo jalatti waan dheessaniif, waan tokko illee isaan hin godhinaa!” jedhe.
[9] Jarri garuu,“Asii badi!” jedhaniin; itti dabalaniis,“Namichi tokkichi galaa ta'ee as dhufe kun, dubbii keenya keessa lixee seera nuuf baasaa ree” Amma immoo isaan sana caalaa si irratti hamaa in hojjenna” jedhaniin; yommus Looxin humnaan walitti cafaqanii, balbalicha cabsuu bira ga'an.
[10] Garuu namoonni warri keessummoonni sun harka isaanii gad baasanii, Looxin gara isaaniitti ol galchanii, balbalicha cufan.
[11] Jarreen ala turan sana immoo isa xinnaadhaa hamma isa guddaatti dha'ichaan jaamaa isaan in godhan; jarris balbalicha barbaachaan of in dadhabsiisan.
[12] Kana booddee namoonni warri keessummoonni sun Looxiin,“Addanaa nama kan biraa qabdaa” Ati soddoota kee, ilmaan kee, intaloota kee, mandara kana keessaa kan kee kan ta'an hundumaa iddoo kanaa baasi!
[13] Nuyi iddoo kana balleessuuf jenna; iyyanni warra iddoo kana jiraatan irratti gara Waaqayyootti dhi'aate guddaa waan ta'eef, Waaqayyo mandara kana akka balleessinuuf nu ergeera” jedhan.
[14] Yommus Loox dhaqee, soddoota isaa warra intaloota isaa fuudhuuf jiranitti dubbatee,“Ka'aa, Waaqayyo mandara kana balleessuuf jedhaa, iddoo kanaa ba'aa!” jedheen; soddoota isaatti garuu waan inni taphaaf isaanitti dubbate itti fakkaate.
[15] Yommuu boruun baqaqes ergamoonni sun Looxiin,“Ka'i, mandara cubbuu isheetiif adabamtu keessatti akka hin balleeffamneef, haadha manaa kee, intaloota kee warra addana jiran lamaanis fudhadhuu ba'i!” jedhanii lubbuutti qaban.
[16] Inni garuu qaqqabachaa ture; haa ta'u iyyuu malee, Waaqayyo waan isa baraareef, namoonni sun isa, haadha manaa isaa, intaloota isaa lamaanis harka qabanii baasanii mandarattii duubaan in ga'an;
[17] erga gad isaan baasaniis, inni tokkoo,“Lafa lubbuu kee oolfatutti baqadhu, of booddee hin mil'atin; naannoo kana keessaas iddoo tokko illee hin dhaabatin! Ati akka hin balleeffamnetti, gara roga tullootaatti ol baqadhu!” jedheen.
[18] Loox immoo,“Achi miti, yaa gooftaa ko!
[19] Kunoo, garbichi kee fuula kee duratti ayyaana argateera, lubbuu koo oolchuudhaanis gaarummaa guddaa ana argisiifteetta; garuu ani gara roga tullootaatti baqadhee jalaa ba'uu waanan hin dandeenyeef, wanti balleessu kun karaatti na qaqqaba, anis nan du'a;
[20] kunoo, mandarri fuullee jirtu kun itti baqachuudhaaf dhi'oo dha, xinnoo dhas, isheen xinnoo dha mitii ree” Achitti baqadhee lubbuun koo akka oolu anaaf godhi!” jedhe.
[21] Ergamichis,“Kunoo, ani isa kanaafis faara sitti nan tola, mandara ati waa'ee ishee dubbattu kanas gara hin galchu.
[22] Hamma ati achi geessutti, ani waanan ergameef sana gochuu hin danda'u; ariifadhuu achitti baqadhuu jalaa ba'i!” jedheen; mandarattiin immoo xinnoo waan taateef, maqaan ishee“Zo'aar” jedhame.
[23] Akkuma aduun lafa irratti baateen, Loox mandara Zo'aar in ga'e.
[24] Yommus Waaqayyo bantii waaqaa keessaa dhagaa boba'u, ibiddas mandaroota Sodoomii fi Gomoraa irratti gad in roobse.
[25] Inni mandaroota sana, guutummaa lafa naannoo sanaa, warra mandaroota sana keessa jiraatan hundumaa, wanta lafa sana irratti biqilus in barbadeesse.
[26] Haati manaa Loox garuu dugda isaa duubaa gara booddee ishee mil'attee, utubaa soogiddaa taate.
[27] Abrahaam ganama bariidhaan ba'ee, lafa itti fuula Waaqayyoo dura dhaabatee ture sana in dhaqe.
[28] Inni gara mandaroota Sodoomii fi Gomoraa, gara guutummaa lafa naannoo sanaa ilaalee, kunoo, aarri akka aara iddoo ibiddaa irraa ka'utti lafaa utuu ol aaruu in arge.
[29] Waaqayyo mandaroota lafa naannoo sanaa in balleesse; Waaqayyo yeroo mandaroota Loox keessa jiraachaa ture barbadeessetti Abrahaamin yaadatee, Looxin gara-gaggaluu sana keessaa in baase.
[30] Loox amma Zo'aar keessa jiraachuu waan sodaateef, intaloota isaa lamaan fudhatee Zo'aar keessaa gara tullootaatti ol ba'e; achitti intaloota isaa wajjin holqa keessa in taa'e.
[31] Gaaf tokkos intalli isaa isheen angafni ishee quxisuudhaan,“Abbaan keenya dulloomaa dha, akkuma guutummaa biyya lafaatti ta'utti, namni nu bira ga'u immoo tokko illee biyya kana hin jiru;
[32] kanaaf amma kaanee abbaan keenya daadhii waynii akka dhugu goonee, sanyiin abbaa keenya irraa godhannu lafa irratti akka hafu gochuudhaaf isaa wajjin in ciifnaa!” jette.
[33] Gaafuma sana galgala abbaa isaanii daadhii waynii obaasanii, intalli isheen angafni ol galtee abbaa ishee wajjin in ciifte; inni immoo yeroo isheen dhaqxee ciifte, yeroo isheen kaates hin beekne.
[34] Guyyaa lammaffaatti immoo intalli isheen angafni ishee quxisuudhaan,“Kunoo ani eda abbaa koo wajjin nan ciise, har'a galgalas immoo daadhii waynii isa in obaafna; sanyiin abbaa keenya irraa godhannu lafa irratti akka hafu gochuudhaaf, atis ol galii isaa wajjin ciisi!” jette.
[35] Isaan galgala sanas abbaa isaanii daadhii waynii in obaasan; intalli isheen quxisuun immoo kaatee dhaqxee isaa wajjin in ciifte; inni garuu yeroo isheen dhaqxee ciifte, yeroo isheen kaates hin beekne.
[36] Akkasitti intaloonni Loox lachuu abbaa isaaniitiif in ulfaa'an.
[37] Isheen angafni ilma deessee, maqaa isaa “Mo'aab” jettee moggaafte; inni abbaa Mo'aabota ammaa kana in ta'e.
[38] Isheen quxisuunis ilma deessee, maqaa isaa “Ben-Amii” jettee moggaafatte; inni immoo abbaa Amoonota ammaa kana in ta'e.