[1] Yommus Yoseef warra isa bira dhaabatan hundumaa duratti of qabuu hin dandeenye; kanaaf guddisee,“Namoota hundumaa gad anaaf baasaa!” jedhe; yeroo Yoseef obboloota isaatti of mul'ise namni biraa tokko iyyuu isa biratti hin hafne.
[2] Warri Gibxii hamma dhaga'anitti, warri mana mootichaas hamma dhaga'anitti inni guddisee in boo'e.
[3] Yoseef obboloota isaatiin,“Ani Yoseef, abbaan koo jiraa?” jedhe; obboloonni isaa garuu fuula isaa dura dhaabachuu isaaniitiif na'anii waan raafamaniif, deebii isaaf deebisuu hin dandeenye.
[4] Yoseef kana booddee obboloota isaatiin,“Maaloo as gara kootti dhi'aadhaa!” jedhe; isaanis isatti in dhi'aatan; inni immoo,“Ani Yoseef obboleessa keessan, isa isin biyya Gibxiitti gurgurattanii dha;
[5] ammas lubbuu oolchuudhaaf isin dura asitti kan na erge Waaqayyo waan ta'eef, isin isa na gurgurtaniif yaadaan hin dhiphatinaa, ofittis hin aarinaa!
[6] Waggaa lamaan kana biyyicha keessatti beelli bu'eera, amma iyyuu immoo kan itti hin qotamne, hin haamamnes waggoota shantu hafe;
[7] Waaqayyo hambaa lafa irratti isiniif qusachuudhaaf, warra baay'atanii hofkalanis fayyaatti isiniif jiraachisuudhaaf, isin dura na erge.
[8] Egaa Waaqayyo malee, isintu as na erge miti; inni mootichaaf abbaa, mana isaa hundumaa irratti gooftaa, guutummaa biyya Gibxii irrattis bulchaa biyyaa na godhe.
[9] “Ammas ariitiidhaan gara abbaa kootti ol ba'aatii, ilmi kee Yoseef,“Waaqayyo, guutummaa biyya Gibxii irratti gooftaa na godheera, kanaaf hin turiniitii ana bira kottu!
[10] Ati biyya Gooshen in teessa; ati, ijoolleen kee, ijoolleen ijoollee kee, bushaayeen kee, saawwan kee, wanti ati qabdu hundinuus anatti in dhi'aatu;
[11] amma illee waggoonni beelaa shan waan hafaniif, ati, warri mana kee keessa jiranis wanta qabdan hundumaa dhabdanii akka hin hiyyoomnetti, ani achitti waan barbaachisu akka argattu nan godha, siin jedheera” jedhaatii itti himaa!
[12] Ammas ani afaan kootiin kana akkan isinitti dubbadhu, iji keessan argeera, iji obboleessa koo Benyaamiinis argeera.
[13] Egaa ulfina guutuu ani biyya Gibxii keessatti qabu, waan argitan hundumaas abbaa kootti himaa! Dafaatii abbaa koos as fidaa!” jedhe.
[14] Kana booddee morma obboleessa isaa Benyaamiinitti kufee itti in boo'e; Benyaamiinis morma isaa irratti marmee in boo'e.
[15] Obboloota isaa hundumaas dhudhungatee isaanitti marmee in boo'e; obboloonni isaas kana booddee isaa wajjin in haasa'an.
[16] Oduun,“Obbolaan Yoseef in dhufan” jedhu, mana mootichaatti in dhaga'ame; kun mootichaa fi hojjetoota isaatti in tole.
[17] Mootiin Gibxii yommus Yoseefitti dubbatee,“Wanta obboloonni kee gochuun ta'u itti himi,“Horii keessan fe'adhaatii deebi'aa gara biyya Kana'aan dhaqaa!
[18] Abbaa keessan, warra mana keessan jiranis fudhadhaatii na bira kottaa! Ani biyya Gibxii keessaa isa caalu isiniif nan kenna, isinis cooma lafichaa in nyaattu” jedhi!
[19] Dabalaniis waan gochuun ta'u isaan abboomi,“Biyya Gibxii keessaa ijoollota keessaniif, dubartoota keessaniifis konkolaataa fudhadhaatii abbaa keessan fidaa kottaa!
[20] Wanta guutummaa biyya Gibxii keessatti argamu keessaa inni caalu kan keessan waan ta'eef, waa'een mi'a keessanii isin hin dhibin!?” jedhe.
[21] Ilmaan Israa'el akkuma jedhame in godhan; Yoseef akkuma mootiin Gibxii isa abboometti konkolaataa isaaniif in kenne; karaadhaafis galaa in laateef.
[22] Inni hundumaa isaaniif adda addaan uffata manaa kenneef; Benyaamiiniif garuu meetii dhibba sadii fi uffata manaa guutuu shan in kenneef.
[23] Abbaa isaatiif immoo wanta gaggaarii biyya Gibxiitti argamu fe'isa harree kudhanii, dabalees midhaanii fi buddeena, galaa karaatti abbaa isaatiif barbaachisus harroota dhaltuu kudhanitti feesisee ergeef.
[24] Akkasitti obboloota isaa in erge; yeroo isaan karaa irra bu'anis,“Karaatti immoo dubbii walitti hin kaasinaa!” isaaniin jedhe.
[25] Yommus isaan biyya Gibxii keessaa ba'anii, biyya Kana'aanitti gara Yaaqoob abbaa isaanii in dhufan.
[26] Isaanis,“Yoseef amma illee jira, guutummaa biyya Gibxii irratti isatu seerrata” jedhanii Yaaqoob abbaa isaaniitti in himan; inni garuu na'ee waan jedhu in wallaale, waan isaan dubbatanis hin amanne;
[27] haa ta'u iyyuu malee, yeroo isaan dubbii Yoseef isaanitti dubbate hundumaa itti himan, biyya Gibxiitti akka ittiin isa fidaniif, konkolaattota Yoseef ergeefis yommuu arge, lubbuun isatti in deebi'e.
[28] Israa'el yommus,“Yoseef ilmi koo fayyaa jiraachuun isaa na ga'a, ani utuun hin du'in dhaqee isa nan arga” jedhe.