[1] Yaaqoob karaa isaa itti fufee, gara biyya warra ba'a-biiftuu ga'e;
[2] achitti bakkee keessatti boolla bishaanii tokko arge; bushaayeen bishaan boolla sana keessaa buddiqfamu waan dhuganiif, kunoo, karri sadii bukkee boollichaa in cicciisu turan; dhagaan guddaan tokkos afaan boollichaa irra ture.
[3] Yeroo karri hundinuu achitti dacha'an, tiksoonni dhagicha afaan boollichaa irraa gara galchanii bushaayee in obaasu, booddees dhagicha iddoo isaatti deebisanii afaan boollichaa irra in kaa'u turan.
[4] Yaaqoob tiksoota sanaan,“Obboloota ko, isin warra eessaa ti?” jedhe; isaan immoo,“Nuyi warra Kaaraan” jedhan.
[5] Inni itti dabalee,“Laabaan ilma Naahor beektuu?” jedhe; isaan immoo,“Nuyi isa in beekna” jedhaniin.
[6] Innis,“Qe'een isaa nagaa dhaa?” jedhe; isaanis,“Nagaa dha, kunoo, Raahel intalli isaa iyyuu, bushaayee fiddee dhufuutti jirti” jedhaniin.
[7] Innis,“Kunoo, amma iyyuu guyyaa dha, yeroo itti horiin walitti qabamanis miti; bushaayee bishaan obaasaatii dhaqaa dheechisaa!” jedhe.
[8] Isaan immoo,“Hamma karri hundinuu walitti qabamanii, dhagichis afaan boollichaa irraa gara galfamutti, nuyi kana gochuu hin dandeenyu; isa booddee bushaayee bishaan in obaafna” jedhan.
[9] Utuu inni isaanii wajjin haasa'aa jiruus, Raahel tiksituu waan turteef, bushaayee abbaa isheetii fiddee dhufte;
[10] Yaaqoobis Raahelin intala Laabaan obboleessa haadha isaatii, bushaayee Laabaanis yommuu arge, itti dhi'aatee dhagicha afaan boollichaa irraa gara galchee, bushaayee eessuma isaatii sana bishaan obaase;
[11] Yaaqoob yommus Raahelin dhudhungatee, gammachuu irraa kan ka'es in boo'e.
[12] Yaaqoob aantii abbaa ishee ilma Ribqaas akka ta'e Raahelitti in hime; isheenis fiigdee dhaqxee abbaa isheetti himte.
[13] Laabaan oduu Yaaqoob ilma obboleettii isaatii yeroo dhaga'e, isa simuudhaaf gara isaatti fiigee, morma isaatti marmee, dhudhungate; gara mana isaattis isa in geesse; Yaaqoobis wanta ta'e hundumaa itti in hime.
[14] Laabaan immoo,“Ati dhuguma foon koo ti, dhiiga koo tis!” ittiin jedhe; Yaaqoobis ji'a tokkoof akkasumatti isa bira ture.
[15] Laabaan kana booddee Yaaqoobiin,“Ati sababii aantii koo taateef tola anaaf hojjettaa ree” Gatiin dadhabbii kee maal ta'uutu irra jira” Anatti himi!” jedhe.
[16] Laabaan durboota lama qaba ture; maqaan ishee guddoo Liyaa, maqaan ishee xinnoo immoo Raahel ture.
[17] Liyaan nama ija lasii turte; Raahel garuu dhaabbii tolti, ija namaattis in miidhagdi turte.
[18] Yaaqoob waan Raahelin jaallateef, Laabaaniin,“Raahel intala kee ishee quxisuuf, ani waggaa torba siif nan hojjedha” jedhe.
[19] Laabaan deebisee,“Ani nama biraatiif kennuu koo irra, ishee siif kennuu in wayya; kanaaf ana bira turi!” jedheen.
[20] Yaaqoob akkasitti Raaheliif jedhee, waggaa torba in hojjete; inni waan ishee jaallateef, waggoonni kun guyyoota muraasa isatti fakkaatan.
[21] Yaaqoob kana booddees Laabaaniin,“Egaa yeroon dhaabaa koo waan raawwatameef, ani ishee bira akkan ga'uuf kaadhima koo anaaf kenni!” jedhe.
[22] Kana irratti Laabaan namoota iddoo sanaa hundumaa walitti qabee cidha in godhe.
[23] Galgala garuu intala isaa Liyaa fuudhee Yaaqoobitti geesse; innis ishee bira dhaqe.
[24] Laabaan xomboree isaa Zilfaa, xomboree akka taatuufitti, intala isaa Liyaadhaaf in kenne.
[25] Yeroo bari'es kunoo, isheen Liyaa ta'uun ishee in barame; Yaaqoob yommus Laabaaniin,“Wanti ati ana irratti hojjette kun maali” Ani Raaheliif jedhee siif hin hojjennee” Yoos ati maaliif haxxummaa ana irratti hojjette ree?” jedhe.
[26] Laabaan immoo deebisee,“Biyya keenyatti ishee angafa dura ishee quxisuu hin kennan;
[27] ishee kanaaf torban misirrummaa raawwadhu, yommus ishee kaanis siif in kennina; ati garuu deebitee waggaa torba anaaf in hojjetta!” jedhe.
[28] Yaaqoobis akka inni jedhe in godhe; torban misirrummaa ishees in raawwate; Laabaan immoo yeroo sanatti intala isaa Raahelin isatti in heerumsiise.
[29] Laabaan xomboree isaa Bilhaa, intala isaa Raaheliif xomboree akka taatuuf in kenneef.
[30] Yaaqoob, Raahel biras in dhaqe; inni Liyaa caalaatti Raahelin in jaallate; kana booddees waggaa torba dabalee Laabaaniif in hojjete.
[31] Liyaan akka hin leelifamin Waaqayyo yommuu arge, dhala godhachuu ishee in dandeessise; Raahel garuu dhabduu turte.
[32] Liyaan ulfooftee, ilma in deesse; isheen,“Waaqayyo gad deebi'uu koo waan ilaaleef, amma dhuguma abbaan manaa koo ana in jaallata” jettee, maqaa isaa Ruubenitti in moggaafte.
[33] Ammas ulfooftee, ilma deessee,“Waaqayyo akka ani hin leelifamin dhaga'ee, ilma isa kanas immoo anaaf kenne” jettee, maqaa isaa Shimi'oonitti in moggaafte.
[34] Ammas ulfooftee, ilmas deesse; isheen,“Amma ilmaan sadii waanan isaaf godhadheef, abbaan manaa koo alana anatti in maxxana!” jette; kanaafis maqaa isaa “Lewwii” jette in moggaafte.
[35] Ammas ulfooftee, ilmas deesse; isheen,“Alana Waaqayyoon nan jajadha!” jette; kanaafis maqaa isaa “Yihudaa” jettee moggaafte; [“Yihudaa” jechuun “Galataa” jechuu dha]; kana booddees da'uu in dhaabde.