[1] Bantiiwwan waaqaa, lafti, wanti isaan keessatti argaman hundinuus egaa in raawwataman.
[2] Waaqayyo guyyaa torbaffaa dura hojii isaa isa hojjechaa ture in raawwate; guyyaa torbaffaattis Waaqayyo waan hojjechaa ture hundumaattii in boqote.
[3] Waaqayyo waan uume hundumaa raawwatee guyyaa torbaffaatti waan boqoteef, guyyaa torbaffaa sana in eebbise, in qulqulleesses.
[4] Seenaan uumamuu waaqaa fi lafaa akka kana ture. Yeroo Waaqayyo lafa, bantiiwwan waaqaas uume,
[5] namni laficha irratti hojii hojjetu waan hin turiniif, Waaqayyo gooftaan amma illee bokkaa hin roobsifne, huuxxiin bakkeetti argamu lafa irra hin turre, biqiltuun maasii keessaas hin biqille.
[6] Bishaan lafa keessaa ol ba'ee guutummaa irra lafaa in obaasa ture.
[7] Waaqayyo gooftaan biyyoo lafaattii nama tolche, hafuura jireenya itti godhu funyaan isaatti in baafate; akkasitti namni uumama lubbuu qabaatee jiraatu ta'e.
[8] Yommus Waaqayyo gooftaan biyya gara ba'a-biiftuu keessaa Eedenitti iddoo dhaabaa tokko in dhaabe; nama isa tolche sanas achi keessa in kaa'e.
[9] Waaqayyo gooftaan mukkeetii ija namaa hawwatan garaa garaa, iji isaaniis nyaataaf ba'eessa ta'an lafa keessaa in biqilche; mukti ija isaa nyaatanii jireenya namaaf kennu, mukti hamaa fi gaarii ittiin beekanis iddoo dhaabaa sana walakkaa turan.
[10] Iddoo dhaabaa sana obaasuudhaaf Eeden keessaa bishaan in burqe; bishaanichis achii ba'ee, gargar hiramee laga afur in ta'e.
[11] Maqaan isa duraa Phiishon, innis guutummaa biyya Hawiilaa lafa warqeen jirutti naanna'ee in yaa'a.
[12] Warqeen biyya sanaas ba'eessa; hapheen urgaa'u, sardoniiksis achii in argamu.
[13] Maqaan laga isa lammaffaas Giihon, innis guutummaa biyya Kuushitti naanna'ee in yaa'a.
[14] Maqaan laga isa sadaffaas Xegros, inni immoo fuullee mandara Asor gara ba'a-biiftuutiin in yaa'a; lagni inni afuraffaan immoo Efraaxiis jedhama.
[15] Waaqayyo gooftaan namicha fuudhee iddoo dhaabaa Eeden sana akka tottolchuuf, akka eeguufis achi keessa in kaa'e.
[16] Yommus Waaqayyo gooftaan namicha abboomee,“Ija mukkeetii iddoo dhaabaa kana keessa jiran hundumaa irraa in nyaatta;
[17] ija mukicha nyaatanii hamaa fi gaarii ittiin beekan sana irraa garuu hin nyaatin! Gaafa isa irraa nyaatte garuu dhuguma in duuta” jedhe.
[18] Ergasii Waaqayyo gooftaan,“Namichi kophaa isaa ta'uun gaarii miti; kan akka isaatii kan isa gargaartu, ani isaaf nan tolcha” jedhe.
[19] Waaqayyo gooftaan biyyoo irraa bineensa bakkee hundumaaf, warra qilleensa keessa balali'an hundumaafis bifa tolche, maal jedhee akka inni isaan waamu ilaaluudhaaf gara namichaatti isaan fide; wanti namichi uumama lubbuu qabaatee jiraatu ittiin waame hundinuu immoo maqaa in ta'eef.
[20] Namichis horii qe'ee hundumaaf, warra qilleensa keessa balali'aniif, bineensa bakkee hundumaafis maqaa in baase; namichaaf garuu kan akka isaatii, kan isa gargaartu hin argamne.
[21] Waaqayyo gooftaan namichi rafee akka of wallaalu godhe; utuu namichi rafuu lafee cinaacha isaa keessaa tokko fuudhee iddoo isaatti foon in guute.
[22] Waaqayyo gooftaan lafee cinaachaa isa namicha keessaa fuudhe sana irraa dubartii tolchee namichatti in geesse.
[23] Namichis,“Amma reefuu ta'e; isheen kun lafeen ishee lafee koo keessaa, foon ishees foon koo irraa fuudhame; isheen kun namattii waan argamteef, “Namee” jedhamtee haa waamamtu!” jedhe.
[24] Kanaafis dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa, haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in ta'u.
[25] Namichii fi haati manaa isaa qullaa isaanii turan, lamaanuun isaanii garuu wal hin saalfatan.