Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 7:20

[1] Yaaqoob karaa irra bu'ee utuu adeemaa jiruu, ergamoonni Waaqayyoo isatti dhufan.

[2] Yommuu isaan argees Yaaqoob,“Kun buufata Waaqayyoo ti!” jedhee, maqaa iddoo sanaa Mahanaayimitti in moggaase; [“Mahanaayim” jechuun “Buufata lama” jechuu dha].

[3] Yaaqoobis biyya Se'iir, bakkee Edoomitti gara Esaawuu obboleessa isaatti namoota of dura in erge;

[4] Yaaqoob warra erge sana abboomee,“Gooftaa koo Esaawuu,“Ani garbichi kee hamma ammaatti akka nama biyya ormaatti Laabaan bira jraachaan ture;

[5] ani hojjetoota dhiiraa fi dubartii, sangoota, harroota, bushaayees qaba; ati faara tolaadhaan akka na ilaaltuuf, si gooftaa kootti nan himadha” jedheera Yaaqoob jedhaa!” jedhe.

[6] Warri ergamanis deebi'anii dhufanii Yaaqoobiin,“Nuyi obboleessa kee Esaawuu bira dhaqneerra, inni sitti adeemuuf ka'eera; namoonni dhibbi afuris isa duukaa jiru” jedhan.

[7] Yaaqoobis baay'ee sodaatee, yaadaan dhiphate; namoota isa bira jiran, bushaayee, saawwan, gaalotas iddoo lama akka buufatanitti gargar hire;

[8] inni,“Esaawuun buufata isa tokkotti dhufee yoo rukute, buufanni inni kaan hafee jalaa in ba'a” jedhee in yaade.

[9] Kanaaf Yaaqoob,“Yaa Waaqayyo isa kan Abrahaam akaakayyuu koo tii, Waaqayyo isa kan Yisihaq abbaa koo tii, yaa gooftaa ko, situ,“Ati biyya keetti lammii keetti deebi'i, anis gaarii siifan godha” naan jedhe.

[10] Gaarummaanii fi amanamummaan ati ana garbicha kee argisiifte kun hundinuu anatti in guddate; anoo yommuun ba'e ulee koo kana duwwaa qabadheen Yordaanos kana ce'e; amma garuu buufata lama guutuu nan ta'e.

[11] Amma immoo,“Inni dhufee ana, haadhotii, ijoollees in rukuta” jedhee waanan sodaadhuuf, ati harka obboleessa koo harka Esaawuu akka na oolchituuf sin kadhadha!

[12] Ati iyyuu,“Ani gaarii siif nan godha, sanyii kees akka cirracha galaanaa isa baay'ina isaa irraa kan ka'e lakkaa'amuu hin dandeenye nan godha” jetteetta” jedhe.

[13] Yaaqoob halkan sana achuma bule; obboleessa isaa Esaawuuf kennuudhaafis waanuma harka isaatti dhufe in fuudhe;

[14] waan inni kennaadhaaf fuudhes, re'oota dhaltuu dhibba lama, korbeeyyii digdama, hoolota dhaltuu dhibba lama, korbeeyyii hoolaa digdama;

[15] gaalota hoosisan soddoma ilmoo isaanii wajjin, saawwan afurtama, korommii kudhan, harree dhaltuu digdama, harree wadala kudhan turan.

[16] Innis isaan kana kutata kutataan kophaatti baasee hojjetoota isaatti kennee,“Ana dura darbaa, kutata horii gidduuttis lafa hambisaa!” jedhe.

[17] Isa fuula dura jiruun,“Esaawuun obboleessi koo sitti dhufee,“Ati kan eenyuu ti” Eessa dhaqxa” Horiin ati ooftee adeemtus kan eenyu ti?” jedhee si gaafata ta'a;

[18] yommus ati deebiftee,“Isaan kan Yaaqoob garbicha keetii ti; kennaa Esaawuu gooftaa kootiif ergamanii dha; kunoo, inni iyyuu booddeen keenya dhufaa jira” in jetta” jedhe.

[19] Isa lammaffaadhaan, isa sadaffaadhaan, warra kutata horii oofan hundumaanis,“Isinis Esaawuu yoo argitan, dubbiidhuma kana itti himaa!

[20] Itti dabalaas,“Kunoo Yaaqoob garbichi kee booddee keenyaan dhufaa jira” jedhaan!” jedhee gorse; Yaaqoob,“Kennaa ani of dura ergeef kanaan fuula isaa nan ibsa, booddee immoo fuula isaatti nan mul'adha, innis ol na qaba ta'a” jedhee kana yaade.

[21] Inni kennaa sanas of dura dabarsee, ofii isaatii immoo halkan sana iddoo buufata isaa bule.

[22] Yaaqoobis halkanuma sana ka'ee dubartoota isaa lamaan, xomboree warra fuudhe sana lamaan, ijoollee isaa kudha tokkonuus fuudhee malkaa Yaaboq in ce'e;

[23] isaan kana erga gamaan ga'ee immoo, deebi'ee waan qabu hundumaa in ceesise.

[24] Inni lafa turetti deebi'ee achitti kophaa isaa hafe; namni tokkos hamma boruun baqaqutti Yaaqoobin wal'aansoo qabe.

[25] Namichis Yaaqoobin akka hin dandeenye yommuu arge, walga'ii luka isaa jabeessee in qabe; Yaaqoobis amma iyyuu namicha wal'aansoo qabutti utuu jiruu cuuphiin isaa iddoodhaa kaate.

[26] Namichis, Yaaqoobiin “Boruun baqaqeera, gad na dhiisi!” jedhe; Yaaqoob immoo deebisee,“Yoo ana eebbifte malee, ani gad si hin dhiisu” jedhe.

[27] Namichis,“Maqaan kee eenyu?” jedhee isa gaafate; innis deebisee,“Maqaan koo Yaaqoob” jedhe.

[28] Yommus namichi,“Ati Waaqayyotti, namattis marmitee gad dhiisuu didde dhaabachuu dandeesseetta; kanaafis si'achi maqaan kee Israa'el haa jedhamu malee, Yaaqoob hin jedhamin!” jedhe; [“Israa'el” jechuun “Waaqayyo wajjin wal'aansoo kan qabu” jechuu dha].

[29] Yaaqoobis namichaan,“Hadaraa maqaa kee anatti himi!” jedhe; namichis,“Maqaa koo maaliif gaafatta?” jedhee, yommusuma achitti isa eebbise;

[30] yommus Yaaqoob,“Ani Waaqayyoon fuulleetti nan arge, garuu lubbuun koo ooleera” jedhe; kanaaf maqaa iddoo sanaa “Pheeni'el” jedhee moggaase; [“Pheeni'el” jechuun,“Fuula Waaqayyoo” jechuu dha].

[31] Yeroo biiftuun baatetti, Yaaqoob iddoo “Pheeni'el” jedhamu keessa darbaa ture; inni cuuphiin isaa iddoodhaa waan kaateef in hokkola ture.

[32] Namichi foon sulluudaa isa walga'ii luka isaa irra jiru jabeessee qabee waan butucheef, namoonni Israa'el hamma har'aatti foon sulluudaa isa walga'ii lukaa irratti argamu hin nyaatan.

Seera Uumamaa — Chapters