Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:59

[1] Bara sanatti Amraafel mootiin biyya Shiinaar, Aryook mootiin biyya Elaasaar, Kador-Laa'omer mootiin biyya Elaam, Tidaal mootiin biyya saba baay'ee mootummaa irra turan.

[2] Isaan Beraa mootii Sodoom, Birishaa mootii Gomoraa, Shanaab mootii Aadimaa, Shemeber mootii Zebo'iim, mootii Belaa, mandara isa “Zo'aar” jedhamee beekame sanaa loluudhaaf ba'an.

[3] Warri booddee kanaa shanan dachaa Siidiim isa amma “Galaana soogiddaa” jedhamee beekamutti wal ga'anii walitti hidhatan.

[4] Kador-Laa'omerin waggaa kudha lama gabbaranii, waggaa kudha sadaffaa keessa immoo isa irratti in ka'an.

[5] Kador-Laa'omer, mootonni isaa wajjin turanis waggaa kudha afuraffaatti dhufanii warra Refaa'iim iddoo “Ashtaarot-Karnaayim” jedhamutti, warra Zuziim iddoo “Ham” jedhamutti, warra Emiimis bakkee Kiriiyat-Aayimitti rukutan.

[6] Warra Hooris roga tulluu Se'iir irraa kaasanii hamma El-Phaaraan isa daarii lafa onaatti duukaa bu'anii in rukutan.

[7] Isa booddee immoo deebi'anii gara En-Miishphaat isa “Qaadesh” jedhamee beekamu dhufanii, biyya warra Amaaleqootaa, Amoorota warra Haazezon-Taamaar jiraatanis in balleessan.

[8] Kana irratti mootiin Sodoom, mootiin Gomoraa, mootiin Aadimaa, mootiin Zebo'iim, mootiin Belaa isa “Zo'aar” jedhamu, ba'anii isaan loluudhaaf dachaa Siidiim keessa in dhaabatan.

[9] Warri isaan itti duulanis, Kador-Laa'omer mootii biyya Elaam, Tidaal mootii biyya saba baay'ee, Amraafel mootii biyya Shiinaar, Aryook mootii biyya Elaasaar turan; mootonni warri duraa shan ta'anii isaan kana arfanitti duulan.

[10] Dachaan Siidiim boolla suphee gurraachaatiin guutuu ture; mootiin Sodoomii fi mootiin Gomoraa utuu baqatanii boollatti kukkufan; warri hafan immoo gara tulluutti baqatan.

[11] Warri isaan ari'an sunis, qabeenya warra Sodoomii fi Gomoraa, midhaan isaanii hundumaas fudhatanii adeeman.

[12] Loox ilma obboleessa Abraam isa Sodoom keessa jiraachaa tures qabeenya isaa wajjin fudhatanii adeeman.

[13] Namni baqatee ba'e tokko, Abraam Ibricha bira dhufee kana itti hime; yommus Abraam mukkeetii qilxuu Mamree Amorichaa bira in jiraata ture; Mamreen immoo obboleessa Eshkolii fi Aner ture; isaan kun kakuudhaan Abraamii wajjin walitti hidhatanii turan.

[14] Abraam booji'amuu ilma obboleessaa isaatii yommuu dhaga'e, namoota dhibba sadii fi kudha saddeet warra mana isaatti dhalatanii lolaaf ga'an birmachiisee, warra booji'e sana hamma Daanitti hordofe.

[15] Namoota isaa warra gargar hire adeemsisuu wajjinis, halkaniin jara sana irra ba'ee isaan rukutee, hamma Hobaa isa Damaasqoo irraa gara harka bitaa jirutti isaan ari'e.

[16] Qabeenya isaan fudhatanii turan hundumaa, Loox ilma obboleessa isaa, qabeenya isaa, dubartoota, namoota warra kaanis deebisee in galche.

[17] Abraam Kador-Laa'omerii fi mootota isaa wajjin turan rukutee utuu deebi'aa jiruu, mootiin Sodoom dachaa Shaawwee isa “Dachaa mootii” jedhamutti itti adeemuudhaaf ba'e.

[18] Malkiisedeq mootiin Saalem lubni Waaqayyo isa hundumaa gara irraa jiruus, Abraamiif buddeenaa fi daadhii waynii fide;

[19] isa eebbisees, “Waaqayyo inni hundumaa gara irraa jiru, inni waaqaa fi lafa uume, Abraamin haa eebbisu!

[20] Waaqayyo inni hundumaa gara irraa jiru, inni diinota kee harka kee keessa buuse, haa jajamu!” jedhe. Abraam immoo wanta hundumaa irraa kudhan keessaa tokko isaaf in kenne.

[21] Mootiin Sodoomis Abraamiin,“Namoota booji'amanii turan deebisii anaaf kenni, qabeenya kan ta'e immoo ati fudhadhu!” jedhe.

[22] Abraam garuu mootii Sodoomiin,“Ani harka koo gara Waaqayyo gooftaa isa hundumaa gara irraa jiruu fi isa waaqaa fi lafa uumetti ol nan kaasa;

[23] kanaanis ati,“Anatu Abraamin sooromse” akka hin jenneef, waanuma kan kee ta'e keessaa fo'aa yookiis teepha ittiin kophee hidhatan illee akkan hin fudhanne kakadhee sitti nan hima.

[24] Kan koo haa hafu, garuu wanti namoonni koo nyaatan, ga'aan Aner Eshkolii fi Mamree warra anaa wajjin dhaqanii haa kennamuuf; isaan ga'aa isaanii haa fudhatan!” jedhe.

Seera Uumamaa — Chapters