Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:44

[1] Bineensa bakkee Waaqayyo gooftaan uume hundumaa keessaa bofni caalaa haxxee ture; innis dubartittiidhaan,“Dhuguma Waaqayyo,“Ija mukkeetii iddoo dhaabaa kana keessa jiran hundumaa irraa hin nyaatinaa!” isiniin jedhee?” jedhe.

[2] Dubartittiin immoo bofichaan,“Nuyi ija mukkeetii iddoo dhaabaa kana keessa jiran irraa nyaachuu in dandeenya;

[3] garuu muka isa iddoo dhaabaa kana walakkaa jiru duwwaa, Waaqayyo,“Ija isaa irraa hin nyaatinaa, isattis hin bu'inaa! Kanaa achi in duutu” jedheera” jette.

[4] Bofichi immoo deebisee dubartittiidhaan,“Hin duutan;

[5] isin ija mukichaa irraa yeroo nyaattan iji keessan akka banamu, hamaa fi gaarii beekuudhaanis akka Waaqayyo akka isin taatan, Waaqayyo in beeka” jedheen.

[6] Dubartittiinis iji mukichaa nyaataaf gaarii ta'uu isaa, ija namaatti kan tolu, ogeessa nama gochuudhaafis gomjaasisaa ta'uu isaa argitee, ija isaa irraa kutattee in nyaatte; abbaa manaa ishee isa ishee wajjin tureefis immoo in laatte, innis in nyaate.

[7] Yommus lamaanuu iji isaanii in baname, qullaa ta'uu isaaniis in beekan; kana irratti isaan baala harbuu walitti hulluuqsisanii marxoo isaa hojjetatan.

[8] Kana booddee namichii fi haati manaa isaa yeroo qilleensi qabbanaa'aan qilleensa'utti Waaqayyo gooftaan iddoo dhaabaa sana keessa utuu adeemuu sagalee dhaga'an; isaan Waaqayyo gooftaa duraa mukkeetii iddoo dhaabaa sanaa gidduu in dhokatan.

[9] Waaqayyo gooftaan garuu namicha waamee,“Eessa jirta?” jedheen.

[10] Namichis,“Ani sagalee miilla kee iddoo dhaabaa keessatti dhaga'ee, qullaa koo waanan tureef nan sodaadhe, nan dhokadhes” jedheen.

[11] Waaqayyos,“Qullaa kee akka turte eenyu sitti hime” Sila'oo ija mukichaa isa ani“Hin nyaatin!” jedhee si abboome sana irraa nyaattee ree?” jedhe.

[12] Namichis,“Dubartittii ishee ati naa wajjin akka jiraattuuf naaf laattetu ija mukichaa naaf kenne, anis nan nyaadhe” jedhe.

[13] Yommus Waaqayyo gooftaan dubartittiidhaan,“Wanti ati goote kun maal inni?” jedhe; dubartittiinis,“Bofichi na sosobnaanan nyaadhe” jette.

[14] Waaqayyo gooftaanis bofichaan, “Kana waan gooteef, ati horii hundumaa, bineensa bakkee hundumaa keessaas abaaramaa in taata; ati garaa keetiin lafa irra in loota, bara jireenya kee hundumaatti biyyoo in nyaatta.

[15] Ani si'ii fi dubartittii gidduu, sanyii isheetii fi sanyii kee gidduus diinummaa nan buusa; inni mataa kee in buruqsa, atis koomee isaa in iddita” jedhe.

[16] Dubartittiidhaan immoo,“Yeroo ati ulfooftutti ani rakkina kee guddaa nan baay'isa; ciniinsuudhaanis mucaa in deessa; kana keessaa immoo abbaa manaa kee in hawwita, innis aboo si irratti in qabaata” jedhe.

[17] Waaqayyo amma immoo namichaan,“Ati dubbii haadha manaa keetii waan dhageesseef, ija mukichaa isa ani“Hin nyaatin!” jedhee si abboomes waan nyaatteef, lafti sababii keetiif abaaramaa in ta'a; atis bara jireenya kee hundumaatti itti dadhabdee isa irraa in nyaatta.

[18] Inni qoraattiidhaa fi baalaanwaraantee siif in biqilcha, atis biqila lafaa in nyaatta.

[19] Ati biyyoo dha, deebitees biyyoo in taata; ati biyyoo lafaattii waan kutamteef gara isaatti hamma deebi'ituttis, dhamaatee dafqitee buddeena in nyaatta” jedhe.

[20] Namichi Addaam jedhames haati manaa isaa haadha warra jiraatan hundumaa waan taateef, maqaa ishee“Hewwaan” jedhee moggaase; (innis “Jiraattuu” jechuu dha).

[21] Waaqayyo gooftaan Addaamii fi haadha manaa isaatiif uffata gogaa irraa hojjetee isaanitti in uffise.

[22] Ergasii Waaqayyo gooftaan,“Kunoo, namni hamaa fi gaarii beekuu isaatiin nu keessaa akka isa tokkoo ta'eera; ammas harka isaa hiixatee ija muka jireenyaa immoo fudhatee nyaachuun, bara baraanis jiraachuun isaaf hin ta'u!” jedhe.

[23] Kanaafis Waaqayyo gooftaan nama iddoo dhaabaa Eeden sana keessaa gad baase; namichis lafa isa ofii isaatii biyyoo isaa irraa kutame sana akka qotu in godhe.

[24] Waaqayyo nama gad oofee, karaa isa gara muka jireenya kennutti geessu sanas in eegsise; isa eegsisuudhaaf bukkee iddoo dhaabaa Eeden gara ba'a-biiftuutiin Kiruubelii fi billaa akka ibiddaa boba'u isa gara hundumaatti nanaanna'u in dhaabe.

Seera Uumamaa — Chapters