Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 8:00

[1] Ergasii Yoseef gara mootii Gibxiitti ol galee,“Abbaan koo, obboloonni koos, bushaayee isaanii, saawwan isaanii, waan qaban hundumaa wajjin biyya Kana'aanii dhufaniiru; isaan amma biyya Gooshen keessa jiru” jedhee itti hime.

[2] Inni obboloota isaa keessaa namoota shan geessee mootii Gibxii duratti isaan dhi'eesse.

[3] Mootichi,“Hojiin keessan maali?” jedhee obboloota Yoseef in gaafate; isaanis,“Nuyi garboonni kee akkuma abboota keenya durii, tiksituu bushaayee ti” jedhanii mootichaaf deebii in kennan.

[4] Itti dabalaniis mootichaan,“Biyya Kana'aanitti beelichi waan jabaateef, bushaayee garboota keetiif margi dhibnaan, nuyi biyya kanatti galaa taanee dhufneerra,“Nuyi garboonni kee biyya Gooshen akka teenyu nuuf godhi!” jennee si kadhanna” jedhan.

[5] Mootiin Gibxii yommus Yoseefiin,“Abbaan kee fi obboloonni kee siif dhufaniiru!

[6] Biyyi Gibxii kunoo si dura jira, abbaa kee fi obboloota kee biyyicha keessaa iddoo caalu qubsiisi! Biyya Gooshen haa jiraatan! Isaan keessaa namoota danda'an yoo beekte immoo eegduu warra horii koo tiksanii godhi!” jedhe.

[7] Yoseef ergasii Yaaqoobin abbaa isaa ol galchee mootii Gibxii dura in dhaabachiise; Yaaqoobis mootii Gibxii in eebbise.

[8] Mootiin Gibxii immoo Yaaqoobiin,“Barri jireenya kee waggaa meeqa?” jedhe.

[9] Yaaqoob immoo mootii Gibxiin,“Barri ani kara-adeemtummaadhaan itti jiraadhe waggaa dhibba tokkoo fi soddoma; barri jireenya koo kunis muraasa, hamaas ture; innis hamma bara abaabiliiwwan koo kara-adeemtummaadhaan itti jiraatanii hin ga'u” jedhe.

[10] Yaaqoob ergasii mootii Gibxii eebbisee, isa biraa gad in ba'e.

[11] Yommus Yoseef akkuma mootiin Gibxii abboometti, abbaa isaa fi obboloota isaa in qubsiise; biyya Gibxii keessaa lafa isa caalu, handhuuraa isaanii akka ta'uuf, naanna'aa Raamsesii in kenneef;

[12] Yoseef akkasuma immoo abbaa isaa fi obboloota isaaf, warra mana abbaa isaatii hundumaaf, akkuma lakkoobsa nama harka isaanii eeggatutti, nyaata barbaachisu isaaniif qooda in baase.

[13] Guutummaa biyyichaa keessa wanti nyaatamu hin turre; beelli bu'e sun baay'ee jabaa waan tureef, biyya Gibxii fi biyya Kana'aan in dadhabsiise.

[14] Yoseef horii isa namoonni biyya Gibxii fi namoonni biyya Kana'aan ittiin midhaan bitan hundumaa walitti qabee fidee mana mootummaa mootii Gibxiitti in galche.

[15] Horiin warri biyya Gibxii fi warri biyya Kana'aan baasuu danda'an erga dhumee booddee, warri Gibxii hundinuu gara Yoseef dhufanii,“Nuyi maaliif utuu ati nu ilaaltuu duuna ree” Silaa horiin keenya dhumeera, ati nyaata nuuf kenni!” jedhan.

[16] Yoseef immoo,“Horiin callaan erga isin duraa dhumee, horii qe'ee fidaa! Ani immoo geddaraa isaanii midhaan isiniif nan kenna!” jedhe.

[17] Kanaaf isaan horii lubbuu qabu qe'ee isaaniitii gara Yoseef in fidan; Yoseef immoo geddaraa fardeenii, bushaayee, saawwanii, harrootaas midhaan isaaniif kenne, waggaa sanas geddaraa horii isaanii warra lubbuu qabanii hundumaa midhaan isaaniif hiruudhaan isaan geggeesse.

[18] Waggichi in dhume; waggaa isatti aanuttis gara isaa dhufanii,“Horiin keenya akka dhume, horiin lubbuu qabu qe'ee keenyaas kan gooftaa keenyaa akka ta'e, si gooftaa keenya hin dhoksinu; ammas ati gooftaan keenya akkuma argitu iyyuu namummaa keenyaa fi lafa keenya malee, wanti hafe tokko illee hin jiru.

[19] Nuyi, biyyi keenyas attamitti utuma ati ilaaltuu dhumna ree” Nuun, lafa keenyas midhaaniin bitadhu, nuyis lafa keenyaa wajjin mootii Gibxii fi garba in taana; amma nuyi akka hin dhumnetti, lafti keenyas onaa akka hin taanetti, sanyii midhaanii nuuf kenni, akka jiraannus godhi!” jedhan.

[20] Warri Gibxii hundinuu beelli isaanitti jabaannaan lafa isaanii hundumaa waan gurguraniif, Yoseef lafa biyya Gibxii hundumaa mootii Gibxiif in bite; lafichis kan mootii Gibxii in ta'e.

[21] Namoota garuu daarii biyya Gibxii gar tokko kaasee hamma gara isa kaaniitti, mootii Gibxii gabbaranii akka jiraatan godhe.

[22] Inni lafa kan warra luboota biyya sanaa duwwaa hin binne; isaan qooda muramaa mootii Gibxii irraa argatan waan qabaniif, qooda isa mootiin Gibxii isaaniif kenne sana nyaatan malee, lafa isaanii hin gurgurre turan.

[23] Yommus Yoseef saba sanaan,“Kunoo, ani har'a lafa keessanii wajjin mootii Gibxiif isin biteera; sanyiin immoo as isiniif jira, lafichatti facaasaa!

[24] Yeroo midhaan galutti harka shan keessaa harka tokko mootiidhaaf in kennitu; harka afur isa hafu immoo ofii keessanii sanyii facaafachuuf, nyaata ofii fi warra manaa keessaniif, ijoollee keessaniif in galfattu” jedhe.

[25] Isaan deebisanii,“Ati lubbuu nu keessatti qabdeetta; si gooftaa keenya duratti faara argachuun keenya haa ta'u malee, nuyi mootiidhaaf garba in taana” jedhan.

[26] Akkasitti Yoseef waa'ee lafa biyya Gibxiif harka shan keessaa harki tokko mootiidhaaf akka galu seera godhee dhaabe; inni ammuma iyyuu ittiin in hojjetama; lafti warra lubootaa duwwaan garuu kan mootii hin taane.

[27] Akkasitti namoonni Israa'el biyya Gibxii keessa, kutaa biyya Gooshen in jiraatan; isaan achitti qabeenya in argatan, in horan, guddaas in baay'atan.

[28] Yaaqoob biyya Gibxii keessa waggaa kudha torba jiraate; kanaaf barri Yaaqoob, waggoonni jireenya isaas waggaa dhibbaa fi afurtamii torba ture.

[29] Israa'el yeroon du'a isaa yommuu dhi'aate Yoseefin ilma isaa waamee,“Yoo dhuguma faara tolaadhaan na ilaalta ta'e, harka keetiin gudeeda koo gidduu qabi! Ati gaarummaadhaa fi amanamummaa na argisiisi malee, biyya Gibxii keessatti akka ana hin awwaalle anaaf kakadhu!

[30] Yommuu ani akkuma abboota kootii boqodhu, ati biyya Gibxii keessaa fuudhii na baasi, lafa awwaala isaaniittis ana awwaali!” jedheen; inni immoo deebisee,“Ani akka ati jette nan godha” jedhe.

[31] Abbaan isaas,“Anaaf kakadhu!” jedheen; innis in kakateef; yommus Israa'el mataa dura siree isaa irratti gad gugguufee Waaqayyoof in sagade.

Seera Uumamaa — Chapters