Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:25

[1] Kun erga ta'ee booddee, Waaqayyo qoree isa ilaaluudhaaf“Abrahaam!” jedhee waame; Abrahaamis,“Kunoo asan jira!” jedhee deebise.

[2] Waaqayyos,“Yisihaq ilma kee isa tokkicha isa jaallattu fuudhii biyya Moriiyaa dhaqi! Tulloota keessaa isa ani sitti argisiisu tokko irratti qalma gubamu godhii isa anaaf dhi'eessi!” jedhe.

[3] Abrahaamis ganama barii ka'ee, qoraan qalmi ittiin gubamu falaxee, harree isaas fe'ee, dargaggoota isaa keessaa lama, Yisihaqin ilma isaas fudhatee, lafa Waaqayyo isatti hime dhaquudhaaf karaa irra bu'e.

[4] Gaafa guyyaa sadaffaa Abrahaam ol ilaalee, iddoo sana fagootti in arge.

[5] Yommus Abrahaam dargaggoota isaatiin,“Isin harrichaa wajjin asuma turaa! Anii fi mucichi immoo achi garas dhaqnee in saganna; isa booddees gara keessanitti in deebina” jedhe.

[6] Akkasitti Abrahaam qoraan qalmi ittiin gubamu Yisihaq ilma isaa baachisee, ofii isaatii immoo ibiddaa fi haaduu harkatti baate; lamaanuus walii wajjin in adeeman.

[7] Takka erga adeemanii Yisihaq, Abrahaam abbaa isaatiin,“Abbaye!” jedhe; innis,“Maal jette ilma ko?” jedhe; Yisihaqis,“Ibiddii fi qoraanoo kunoo ti, qalma gubamu sanaaf immoo hoolaan meerre ree?” jedhe.

[8] Abrahaam deebisee,“Waaqayyo ofii isaatii qalma gubamuu fi hoolaa in arga yaa ilma ko” jedhe; isaan lamaanuus walii wajjin in adeeman.

[9] Isaanis gara iddoo isa Waaqayyo itti himee ture sanaa yommuu ga'an, Abrahaam achitti iddoo itti aarsaa dhi'eessu ijaaree, qoraanis tooraan irra naqe; Yisihaqin ilma isaa hidhee iddoo aarsaa irra qoraanicha gubbaa in ciibse.

[10] Abrahaam kana booddee ilma isaa qaluudhaaf hiixatee haaduu in fudhate.

[11] Battala sanatti garuu ergamaan Waaqayyoo bantii waaqaa keessaa guddisee,“Abrahaam! Abrahaam!” jedhe; innis,“Kunoo asan jira!” jedhe.

[12] Ergamichis,“Mucicha irratti harka kee ol hin fudhatin, waan tokkos isa hin godhin! Ati ilma kee isa tokkicha isaaf waan hin mararsiifatiniif, ati Waaqayyoon akka sodaattu ani amma beekeera” jedhe.

[13] Abrahaamis ol ilaalee, kunoo, dugda isaa duubaan korbeessa hoolaa gaanfa isaatiin arangamaa keessatti qabame tokko arge; achumaan dhaqee korbeessicha fuudhee, qooda ilma isaatii qalma gubamu isa in dhi'eesse.

[14] Abrahaamis maqaa iddoo sanaa,“Yaahwee yir'ee” jedhee moggaase; [akkas jechuun,“Waaqayyo in arga” jechuu dha]; namoonni amma iyyuu, waa'ee isaa yeroo dubbatan,“Inni tulluu isa Waaqayyo irratti waa argamsiisuu dha” jedhu.

[15] Ergamaan Waaqayyoos bantii waaqaa keessaa si'a lammaffaa guddisee Abrahaamin waamee,

[16] “Waaqayyo,“Ati kana waan gooteef, ilma kee isa tokkicha anaaf waan hin mararsiifatiniif, ani maqaa kootiin kakadheera;

[17] ani eebba kootiin sin eebbisa, sanyii kees akka urjoota waaqaa, akka cirracha qarqara galaanaas guddisee nan baay'isa; sanyiin kees karra kellaa diinota isaa qabatee, mandaroota isaanii kan isaa in godhata.

[18] Ati waan anaaf abboomamteef, sabni biyya lafaa irraa hundinuu sanyii keetiin in eebbifamu” jedhee dubbateera” jedhe.

[19] Ergasii Abrahaam gara dargaggoota isaatti deebi'ee, isaanii wajjin ka'ee gara mandara Bersheebaa dhaqee mandaricha keessas in jiraate.

[20] Kana booddees dhaamsi Abrahaamiif in dhufe; innis,“Kunoo! Miilkaanis immoo Naahor obboleessa keef ilmaan godhatte;

[21] warri isheen deesses, inni angafni Us, obboleessi isaa Buus, inni Aaramin dhalche immoo Qamu'el,

[22] Kesed, Hazoo, Fiildaash, Yiidlaa fi Batu'el jedhamu” kan jedhu ture.

[23] Batu'el Ribqaa dhalche; Miilkaan isaan kana saddeettan Naahor obboleessa Abrahaamiif godhatte.

[24] Naahor saajjatoo “Ri'umaa” jedhamtu tokkos qaba ture; isheenis ijoollee“Xebaa, Gaaham, Tahash, Ma'akaa” jedhaman deesseef.

Seera Uumamaa — Chapters