Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:46

[1] Abraam nama waggaa sagaltamii sagalii yeroo ta'etti Waaqayyo isatti mul'atee,“Ani El-Shaadaayii dha” [“El-Shaadaayi” jechuun “Waaqayyo isa hundumaa danda'u” jechuu dha];“Balleessaa kan hin qabne ta'i, fuula koo dura deddeebi'i!

[2] Anis kakuu koo anaa fi si gidduu nan dhaaba, hamma malees sin baay'isa!” jedheen.

[3] Yommus Abraam fuula isaatiin lafatti gad in gombifame; Waaqayyos isatti in dubbate;

[4] inni,“Kunoo, kakuun ani sii wajjin gale, ati saba sonaan baay'eedhaaf abbaa akka taatuu dha;

[5] maqaan kee si'achi“Abraam” hin jedhamu, ani saba sonaan baay'eedhaaf abbaa waanan si godhuuf, maqaan kee“Abrahaam” in jedhama; [“Abrahaam” jechuun “Abbaa saba baay'ee” jechuu dha].

[6] Ati sonaan baay'iftee akka hortu nan godha; sabni baay'een si keessaa akka argaman, mootonnis si keessaa akka ba'an nan godha;

[7] ani siif Waaqayyo ta'ee, si booddeedhaanis sanyii keetiif Waaqayyo ta'uufiif kakuu koo ofii koo fi si gidduutti, dhaloota si booddee jiran, sanyii isaanii hundumaa gidduuttis kakuu bara baraa godhee, cimsee nan dhaaba.

[8] Biyya ati amma galaa itti taate, biyya Kana'aan hundumaa siif, si booddeedhaanis sanyii keetiif, dhaala bara baraa godhee nan kenna; isaaniifis Waaqayyo nan ta'a” jedhe.

[9] Waaqayyo yommus Abrahaamiin,“Ati immoo karaa kee kakuu koo eegi, sanyiin kee dhaloonni si booddeedhaan dhufu kakuu koo haa eegu!

[10] Ammas kakuun koo inni anaa fi si gidduutti, namoota kee gidduutti, si booddeedhaanis sanyii kee gidduutti eeguun isiniif ta'u,“Isin keessaa dhiirri hundinuu dhagna haa qabamu!” isa jedhuu dha.

[11] Isin gogaa foon keessan haguuge dhagna qabadhaa! Kunis kakuu isa anaa fi isin gidduutti dhaabateef milikkita in ta'a.

[12] Dhaloota hundumaa keessatti dhiira ta'ee mana kee keessatti kan dhalatu, sanyii kee keessaa utuu hin ta'in kan isa orma irraa horiidhaan bitames, dhalatee guyyaa saddeetitti dhagna haa qabamu!

[13] Inni mana kee keessaa dhalates, inni horii keetiin bitames dhagna haa qabamu! Kakuun koo inni milikkinni isaa foon keessan irratti mul'atu kakuu bara baraa in ta'a.

[14] Dhiirri tokko illee dhagna kan hin qabamin, inni gogaa isa foon isaa haguuge dhagna hin qabatin, kakuu koo waan cabseef saba isaa keessaa baafamee jireenyi isaa in balleeffama” jedhe.

[15] Waaqayyo ammas Abrahaamiin,“Waa'ee haadha manaa kee Saaraayif immoo, maqaa ishee“Saaraayi” jettee hin waamin, maqaan ishee si'achi“Saaraa” haa jedhamu!

[16] Ani ishee nan eebbisa, ilmas immoo ishee irraa siif nan kenna; ani ishee nan eebbisa, isheenis saba baay'eedhaaf haadha in taati; mootonni saba garaa garaa ishee irraa in argamu” jedhe.

[17] Yommus Abrahaam fuula isaatiin gad in gombifame; garuu in kolfe; ofii isaas,“Jaarsa waggaa dhibbaaf mucaan in dhalataafii” Saaraan isheen waggaa sagaltamaa immoo mucaa in deessii?” jedhee gaafate.

[18] Abrahaamis Waaqayyoon,“Ishmaa'el illee utuu fuula kee dura jiraachuu danda'e, in ga'a ture!” jedhe.

[19] Waaqayyo immoo deebisee,“Waawuu, haadha manaa kee Saaraatu ilma siif da'a malee, atis maqaa isaa “Yisihaq” jettee in moggaafta; ani kakuu koo, akka kakuu isa booddeedhaan sanyii isaatiif bara baraan jiraatutti, isaa wajjin nan jabeessa.

[20] Waa'ee Ishmaa'eliif immoo ani siif dhaga'eera; kunoo, isa nan eebbisa, akka inni horu, sonaanis akka inni baay'atu nan godha; inni gurguddoota biyyaa kudha lamaaf abbaa in ta'a; isas saba guddaa nan godha.

[21] Kakuu koo garuu Yisihaq isa Saaraan bara-eger yowwana siif deessu wajjin nan jabeessa” jedheen.

[22] Waaqayyo erga Abrahaamii wajjin dubbatee raawwatee booddee, isa biraa ol sokke.

[23] Abrahaam immoo ilma isaa Ishmaa'elin, hojjetoota mana isaa keessatti dhalatan hundumaa, warra horii isaatiin bitaman hundumaas, namoota mana isaa keessa jiran keessaa dhiira kan ta'e hundumaa fuudhee, gaafasuma akkuma Waaqayyo isaan jedhetti, gogaa isa foon isaanii haguuge dhagna qabe;

[24] Abrahaam gogaa isa foon isaa haguuge yeroo dhagna qabate, nama waggaa sagaltamii sagalii ture.

[25] Ishmaa'el ilmi Abrahaam gogaa isa foon isaa haguuge yeroo dhagna qabate, nama waggaa kudha sadii ture;

[26] Gaafasuma Abrahaamii fi ilmi isaa Ishmaa'el dhagna qabatan;

[27] akkasumas namoonni mana isaa jiran, warri mana isaatti dhalatan, warri orma irraa horiidhaan bitamanis isaa wajjin dhagna qabatan.

Seera Uumamaa — Chapters