[1] Yisihaqis Yaaqoobin waamee, eebbisee, isa abboomee,“Durboota warra Kana'aan keessaa hin fuudhin!
[2] Ka'i gara biyya Phaadaan-Aaram mana Batu'el abbaa haadha keetii dhaqi! Achii immoo intaloota Laabaan obboleessa haadha keetii keessaa tokko fuudhi!
[3] Waaqayyo inni hundumaa danda'u si haa eebbisu, sanyii siif haa kennu si haa baay'isus! Ati saba guddaa in taata;
[4] inni eebba Abrahaamin eebbise siif, si booddees sanyii keetiif haa kennu! Biyya ati galaa taatee amma keessa jirtu, isa inni ofii isaatii Abrahaamiif kenne kana, akka ati qabattu haa godhu!” jedhe.
[5] Yisihaqis akkasitti Yaaqoobin achi erge; Yaaqoobis gara biyya Phaadaan-Aaram, mana Laabaan ilma Batu'el nama biyya Aaram dhaqe; Laabaan obboleessa Ribqaa ishee Yaaqoobii fi Esaawuu deesse ture.
[6] Yisihaq amma immoo Yaaqoobin eebbisee, eebba isaa keessattis,“Ati durboota warra Kana'aan keessaa niitii hin fuudhin!” jedhee abboome, biyya Phaadaan-Aaram dhaqee achii akka fuudhuuf isa erge; Esaawuunis kana yaadaan in qabe;
[7] akkasumas Yaaqoob abbaa isaatii fi haadha isaatiif abboomamee, Phaadaan-Aaram dhaquu isaa in hubate;
[8] durboonni warra Kana'aan Yisihaq abbaa isaa duratti akka hin jaallataminis in arge.
[9] Kana booddees Esaawuun gara Ishmaa'el ilma Abrahaam dhaqee, intala isaa ishee“Mahilaat” jedhamtu obboleettii Nabaayot, dubartoota dur qabu irratti dabalee in fuudhe.
[10] Yommus Yaaqoob Bersheebaadhaa ba'ee gara Kaaraanitti adeeme.
[11] Inni iddoo tokko ga'ee aduun linnaan achi bule; dhagoota iddoo sana jiran keessaa tokko fuudhee, mataa isaa jala kaa'atee iddoodhuma sana ciise.
[12] Inni achitti abjuu abju'atee, yaabbannoo hundeen isaa lafa dhaabate, fiixeen isaa bantii waaqaa bira ga'u tokko in arge; kunoo, ergamoonni Waaqayyoo isa irra ol in ba'u, gadis in bu'u turan.
[13] Waaqayyo immoo isa gara irraa dhaabatee,“Ani Waaqayyo gooftaa isa kan Abrahaam abbaa kee tii, Waaqayyo isa kan Yisihaq; lafa ati irra ciiftu kanas siif, sanyii keetiifis nan kenna;
[14] sanyiin kees akka biyyoo lafaa in ta'a; gara lixa-biiftuutti, ba'a-biiftuutti, harka bitaatti, harka mirgaattis in bali'fata; qomoon biyya lafaa irraas hundinuu sababii keetiif, sababii sanyii keetiifis in eebbifamu.
[15] Kunoo! Ani sii wajjinan jira, iddoo ati dhaqxu hundumaatti sin eega; biyya kanatti sin deebisa, waan ani sitti dubbadhe siifan raawwadha malee, si hin gatu!” jedhe.
[16] Achumaanis Yaaqoob hirribaa dammaqee,“Waaqayyo dhuguma iddoo kana jira! Ani garuu kana hin beekne” jedhe.
[17] Innis sodaatee,“Iddoon kun attam sodaachisaa dha! Mana Waaqayyoo malee, homtuu as hin jiru, kun balbala bantii waaqaa ti!” jedhe.
[18] Yaaqoob ganama obboroodhaan ka'ee, dhagicha mataa isaa jala kaa'atee ture sana fuudhee, utubaa seenaa godhee ol qajeelchee dhaabe, dhadhaa ejersaa isa irratti dhangalaase in dibe.
[19] Yaaqoobis maqaa iddoo sanaa “Bet'el” jedhee moggaase; duraan garuu maqaan mandara sanaa “Luz” jedhama ture; [“Bet'el” jechuun “Mana Waaqayyoo” jechuu dha].
[20] Yaaqoob wareega wareegee,“Waaqayyo anaa wajjin ta'ee, karaa ani irra deemu kana irratti ana yoo eege, buddeena ani nyaadhu, uffata ani uffadhus yoo anaaf kenne,
[21] nagaattis mana abbaa kootti yoon deebi'e, Waaqayyo inni kun, anaaf Waaqayyo, gooftaas in ta'a;
[22] dhagaan inni ani utubaa seenaa godhee dhaabe kunis, iddoo mana Waaqayyoo in ta'a; yaa Waaqayyo, wanta ati anaaf kennitu hundumaa keessaas kudhan keessaa tokko siifan baasa” jedhe.