Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:53

[1] Kun erga ta'ee booddee, Waaqayyo mul'ata keessa gara Abraam dhufee, “Yaa Abraam, hin sodaatin! Ani gaachana kee ti, gatiin kee baay'ee guddaa in ta'a” jedheen.

[2] Abraam garuu,“Yaa Waaqayyo gooftaa, utuu ani dhala dhabee jiruu, maal anaaf kennuuf jirta” Namni mana koo dhaalus Elii'ezaar nama Damaasqoo kana” jedhe.

[3] Abraam ammas,“Kunoo, ati dhala naaf hin laanne, hojjetaan mana kootii ana dhaaluuf jira” jedhe.

[4] Yommus dubbiin Waaqayyoo gara isaa dhufee,“Namichi kun si hin dhaalu, ilma ofii keetii dhalchitutu si dhaala” jedheen.

[5] Abraamin alatti gad baasees,“Gara bantiiwwan waaqaa ol ilaali, urjootas yoo lakkaa'uu dandeesse lakkaa'i!” jedheen; kana booddee immoo,“Sanyiin kees akkasuma in ta'a!” jedheen.

[6] Abraam Waaqayyotti amane, inni immoo qajeelummaatti in lakkaa'eef.

[7] Waaqayyo ergasii Abraamiin,“Ani Waaqayyo biyya kana dhaala akka godhattuuf siif kennuuf, isa Ur biyya Kaldootaatii si baasee dha!” jedhe.

[8] Abraam garuu,“Yaa Waaqayyo gooftaa, ani biyyicha dhaala koo godhachuuf akkan jiru maaliinan beeka?” jedhe.

[9] Waaqayyo immoo kana irratti,“Goromsa waggaa sadii, reettii dhaltuu waggaa sadii, korbeessa hoolaa waggaa sadii, gugee horaa, gugee kan biraa sookkee tokkos anaaf fiddi!” jedheen.

[10] Abraamis isaan kana hundumaa gara Waaqayyootti fidee, iddoo lama lamatti kukkutee, walakkaa qixa walakkaa isa kaanii wal ilaalchisee kaa'e; gugeewwan garuu iddoo lama lamatti hin kukkunne.

[11] Yeroo allaattiin raqaa raqicha irratti bubbu'an immoo, Abraam irraa in oofe.

[12] Utuu aduun gad lixaa jirtuu, hirribni ulfaataan Abraamin qabee, naasuun guddaan lafa itti dukkaneessus isatti in dhufe.

[13] Waaqayyo yommus Abraamiin,“Sanyiin kee biyya kan isaanii hin ta'in keessatti galaa ta'uuf, achittis garbummaatti hojjechuudhaaf, waggaa dhibba afur cunqurfamuuf akka jiran dhugaa isaa beeki!

[14] Garuu ani saba isaan hojjetaniif sanatti adaba nan fida, booddees qabeenya guddaa fudhatanii achii in ba'u.

[15] Waa'ee ofii keef immoo, ati dulloomtee bara quuftee nagaadhaan in boqotta, in awwaalamtas.

[16] Yakki warra Amoorotaa amma iyyuu safara isaa guutee waan hin raawwataminiif, sanyiin kee immoo dhaloota afuraffaatti deebi'anii in dhufu” jedhe.

[17] Aduun lixxee erga dukkanaa'ee immoo, kunoo qodaan ibiddaa aaru, gucci boba'aanis foon gargar hirame sana gidduu in darbe.

[18] Waaqayyo gaafas Abraamii wajjin kakuutti galee,“Ani biyya kana laga Gibxii jalqabee hamma laga guddichaa laga Efraaxiisitti sanyii keetiif nan kenna!

[19] Kunis biyya Qenootaa, Qeniizotaa, Qadimonootaa,

[20] kan Heetotaa, Pheriizotaa, Refaa'otaa,

[21] Amoorotaa, Kana'aanotaa, Girgaashotaa, kan Yibusootaas of keessaa qaba” jedhe.

Seera Uumamaa — Chapters