Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:35

[1] Yommus Yaaqoob ol ilaalee, kunoo, Esaawuun namoota dhibba afurii wajjin utuu dhufuutti jiruu arge; kanaaf ijoollee Liyaa, Raahelii fi xomboreewwan lamaan gidduutti gargar hire.

[2] Xomboreewwan lamaan ijoollee isaanii wajjin fuula dura buusee, Liyaa fi ijoollee ishee itti aansee, Raahelii fi Yoseefin immoo hundumaa booddee buuse.

[3] Ofii isaatii immoo hunduma isaanii dura bu'ee, itti adeemee hamma obboleessa isaatti dhi'aatutti si'a torba lafa ga'ee qoomma'e.

[4] Esaawuun garuu isa simachuutti fiigee, morma isaa irratti kufee ammatee in dhudhungate; isaan lachuu walitti boo'an.

[5] Esaawuun ol ilaalee dubartootaa fi ijoollee yommuu argee,“Isaan kun maal kee ti?” jedhe; Yaaqoobis,“Isaan ijoollee Waaqayyo ayyaana isaatiin ana garbicha keetiif kennee dha” jedheen.

[6] Yommus xomboreewwan itti dhi'aatan; isaanis, ijoolleen isaaniis in qoomma'aniif.

[7] Liyaanis akkasuma ijoolleen ishees itti dhi'aatanii in qoomma'aniif; dhuma irratti Yoseefii fi Raahel itti dhi'aatanii isaanis in qoomma'aniif.

[8] Esaawuun immoo,“Kutata buufate ani arge sana hundumaa immoo maaliif yaadde?” jedhe; Yaaqoobis deebisee,“Faara gooftaa koo ittiin argachuudhaaf nan yaade” jedhe.

[9] Esaawuun garuu,“Ani baay'een qaba, yaa obboleessa ko, kan kee si'umaaf haa ta'u!” jedhe.

[10] Yaaqoob immoo,“Hin ta'u, ani akka nama fuula Waaqayyoo arguutti fuula kee argeera, ati immoo fuula ifaadhaan na simatteetta; ammas ani fuula kee duratti faara ergan argadhee, kennaa koo kana ana harkaa fudhadhu!

[11] Ammas sin kadhadha, Waaqayyo gaarummaa anatti argisiisee, anis wanta na ga'u waanan argadheef, harka-fuudhaa isa siif dhi'aate kana fudhadhu!” jedhee isa giddisiise; Esaawuunis in fudhate.

[12] Yommus Esaawuun,“Kottaa kaanee karaa keenya itti fufnaa, ani si dura nan adeema” jedhe.

[13] Yaaqoob garuu deebisee,“Ijoolleen akka dadhaban, bushaayee fi saawwan warri hoosisanis akka na yaadeessan, gooftaan koo in beeka; isaan guyyuma tokkoof illee sardama yoo oofaman, bushaayeen hundinuu in dhumu;

[14] gooftaan koo darbee garbicha isaa dura haa adeemu; anis suutuma jedhee, adeemsa horii warra na dura jiraniif, adeemsa ijoolleef akka ta'utti, hamman Se'iiritti si gooftaa koo bira dhufutti nan adeema” jedhe.

[15] Kana booddee Esaawuun,“Namoota anaa wajjin jiran keessaa kaan si biratti dhiisee nan adeema” jedhe; inni garuu,“Fuula gooftaa koo duratti faara argachuu malee, kun maaliif barbaachisa?” jedhe.

[16] Gaafas Esaawuun karaa isaa irra gara Se'iiritti deebi'e;

[17] Yaaqoob garuu gara iddoo isa “Suukoot” jedhamee moggaafametti adeeme, ofii isaatiif godoo, horii isaatiifis gaaddisa ijaare; kanaafis maqaa iddoo sanaa “Suukoot” jedhee moggaase [“Suukoot” jechuun “Gaaddisa” jechuu dha].

[18] Yaaqoobis Phaadaan-Aaramii yommuu deebi'e, nagaadhaan gara mandara Sheekem ishee biyya Kana'aan keessaa dhufe; mandarattii fuula duras in buufate.

[19] Ijoollee Hamoor abbaa Sheekemis irraa laficha isa godoo isaa irra dhaabbate sana akka meetii dhibbaan in bite.

[20] Achitti iddoo aarsaa tokkos ijaaree, isas “Waaqayyo, Waaqayyo isa kan Israa'el” jedhee moggaase.

Seera Uumamaa — Chapters