[1] Waaqayyo gaaf tokko Abraamiin,“Biyya kee keessaa, lammii kee keessaa, maatii abbaa kee keessaas ba'iitii gara biyya ani si argisiisuu dhaqi!
[2] “Ani saba guddaa sin godha, sin eebbisa, maqaa kee nan guddisa, eebbas in taata?.
[3] Warra si eebbisan nan eebbisa, warra si salphisan nan abaara, qomoon biyya lafaa irraa hundinuu sababii keetiif in eebbifamu” jedhe.
[4] Kana irratti Abraam akkuma Waaqayyo isatti dubbatetti ka'ee in adeeme; Looxis isaa wajjin dhaqe; Abraam biyya Kaaraanii yommuu ba'e nama waggaa torbaatamii shanii ture.
[5] Abraam Saaraayin haadha manaa isaa, Looxin ilma obboleessa isaa, qabeenya Looxii wajjin qabanii fi hojjetoota biyya Kaaraanitti kan isaanii godhatan hundumaa fudhatee ba'e; isaanis biyya Kana'aan dhaquudhaaf ka'anii, achi in ga'an.
[6] Warri Kana'aan yommus biyya sana keessa turan; Abraam immoo biyya sana keessa darbee hamma iddoo “Sheekem” jedhamutti, achi keessaas hamma qilxuu Mooreetti in adeeme.
[7] Waaqayyo yommus Abraamitti mul'atee,“Ani biyya kana sanyii keetiif nan kenna” jedhe; Abraamis iddoo Waaqayyo isatti mul'ate sanatti iddoo aarsaa Waaqayyoof in ijaare.
[8] Achii immoo ka'ee gara biyya tulluun itti baay'atu isa Bet'el irraa gara ba'a-biiftuutti argamu dhaqe; godoo isaas Bet'elin gara lixa-biiftuutti, Aayin gara ba'a-biiftuutti hambisee gidduu dhaabbate; achittis iddoo itti Waaqayyoof aarsaa dhi'eessu ijaaree, maqaa Waaqayyoo waammate.
[9] Achiis immoo buqqifatee irraa jalaan gara biyya gara mirgaatti in qajeele.
[10] Biyyicha inni itti gale sanatti beelli jabaan waan bu'eef, Abraam biyya Gibxii keessa takka taa'uudhaaf gad in bu'e.
[11] Biyya Gibxiitti lixuuf yeroo jedhanitti, inni Saaraayi haadha manaa isaatiin,“Ati dubartii miidhagduu ta'uu kee ani beeka;
[12] warri Gibxii yommuu si argan,“Kun haadha manaa isaa ti” jedhanii ana in ajjeesu, si immoo fayyaatti in hambifatu.
[13] Egaa waa'ee keetiif anatti akka tolutti, sababii keetiif ani immoo akkan jiraadhutti,“Ani obboleettii isaa ti” jedhi!” jedhe.
[14] Abraam biyya Gibxiitti yommuu lixe, warri Gibxii dubartittiin baay'ee miidhagduu akka taate argan.
[15] Gurguddoonni mootii Gibxii (Fara'oon) yommuu ishee argan, isatti ishee jajan; yommus isheen mana mootichaatti in geeffamte.
[16] Mootichis isheef jedhee Abraamitti akka tolu godhe, hojjetoota dhiiraa fi dubartii, bushaayee, saawwan, harroota kormaa fi dhaltuu, gaalotas kenneef.
[17] Waaqayyo garuu waa'ee dubbii Saaraayi haadha manaa Abraam irratti mootichaa fi warra mana isaa keessa jiran dha'icha guddaadhaan dha'e.
[18] Mootichi yommus Abraamin waamee,“Waan ati ana irratti hojjette kun maali” Isheen haadha manaa kee akka taate maaliif anatti himuu didde”
[19] Anoo kanaafan akka isheen haadha manaa koo taatuuf ishee fuudhe, ati maaliif“Isheen obboleettii koo ti” jette ree” Ammas, haati manaa kee kunoo tii, fudhadhuutii adeemi!” jedhe.
[20] Mootichi waa'ee Abraamiif namoota in ajaje; isaanis isa, haadha manaa isaa, waan inni qabu hundumaas geggeessanii karaa irra buusan.