Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:55

[1] Akkasitti Abraam biyya Gibxii keessaa ba'e; inni, haadha manaa isaa, waan qabu hundumaas fudhatee biyya gara mirgaatti ol in ba'e; Looxis isaa wajjin ol in ba'e.

[2] Abraam nama badhaadhaa, horii qe'ee, meetii, warqees baay'ee qabu ture.

[3] Innis biyya gara mirgaatii ka'ee hamma Bet'elitti adeemee, Bet'elii fi Aayi gidduu lafa dura dunkaana isaa dhaabbatee ture tokko in ga'e.

[4] Kunis lafa inni dura iddoo aarsaa itti hojjetee ture; achittis maqaa Waaqayyoo in waammate.

[5] Loox inni Abraamii wajjin adeemes immoo bushaayee, saawwanii fi dunkaana kan ofii isaatii qaba ture.

[6] Qabeenyi isaanii guddaa waan baay'ateef, wal bira buufachuu isaan dadhabsiise; kanaafis walii wajjin jiraachuudhaaf lafichi isaan ga'uu hin dandeenye;

[7] yeroo sanatti Kana'aanonnii fi Pheriizonni biyya sana in jiraatu turan; warra horii Abraam tiksanii fi, warra horii Loox tiksan gidduutti qocollootu ture.

[8] Abraam yommus Looxiin,“Nuyi waliif obboloota, kanaaf si'ii fi ana gidduutti, warra horii kee tiksanii fi warra horii koo tiksan gidduuttis qocolloon hin ta'in!

[9] Kunoo, lafichi guutummaan isaa si dura jira mitii ree” Anattii gargar baafadhu! Ati gara harka bitaa yoo fudhatte, ani gara harka mirgaa nan dhaqa; ati gara harka mirgaa yoo fudhatte immoo, ani gara harka bitaa nan dhaqa” jedhe.

[10] Loox gara harka olii ilaalee, dachaan Yordaanos bishaan ba'eessa akka qabu, hamma mandara Zo'aarittis akka lafa dhaabaa Waaqayyoo, akka biyya Gibxiis akka ture in arge; kunis utuu Waaqayyo mandaroota Sodoomii fi Gomoraa hin balleessin ture.

[11] Akkasitti Loox dachaa Yordaanos hunduma isaa ofii isaatiif fo'atee, godoo isaa buqqifatee gara ba'a-biiftuutti in adeeme; isaanis akkasitti wal irraa gargar ba'an.

[12] Abraam biyya Kana'aan keessa taa'e; Loox garuu mandaroota dachaa Yordaanos gidduu taa'e; dunkaana isaas hamma mandara Sodoomitti achi butee dhaabbate.

[13] Namoonni Sodoom immoo jal'oota, cubbuu baay'eedhaanis Waaqayyoon kan yakkan turan.

[14] Loox erga isa irraa gargar ba'ee booddee Waaqayyo Abraamiin,“Ol jedhi, lafa amma jirtu kanaa gara bitaa, gara mirgaa, gara ba'a-biiftuu, gara lixa-biiftuus ilaali!

[15] Biyya ati argitu kana hundumaa ani kennaa bara baraa godhee siif, sanyii keetiifis nan kenna.

[16] Ani sanyii kee akka biyyoo lafaa nan godha; namni biyyoo lafaa lakkaa'uu yoo danda'e, sanyiin kees akkasuma lakkaa'amuu in danda'a;

[17] ani isa waanan siif kennuuf, ka'i, dheerina biyyichaa fi bal'ina isaa keessa adeemi!” jedhe.

[18] Abraamis dunkaana isaa buqqifatee, gara mukkeetii qilxuu Mamree warra mandara Kebroonitti dhi'oo bira dhufee taa'e; achittis Waaqayyoof iddoo aarsaa ijaare.

Seera Uumamaa — Chapters