Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 10:12

[1] Yisihaq dulloomee iji isaas bararisee yeroo arguu dhabetti, Esaawuun ilma isaa isa angafa waamee,“Yaa ilma ko!” jedheen; innis deebiseefii,“Kunoo asan jira!” jedhe.

[2] Abbaanis isaa,“Kunoo, ani amma dulloomeera, guyyaa du'a kootiis hin beeku;

[3] ammas mi'a kee, mann'ee xiyya keetii, iddaa kees fudhadhuu gara bakkeetti ba'i, bushaayee bakkees anaaf adamsi!

[4] Nyaata dham jedhu sanyii isa ani jaalladhu qopheessiitii, ani utuun hin du'in nyaadhee, garaan koo akka si eebbisutti anaaf dhi'eessi!” jedheen.

[5] Esaawuunis adamsee bushaayee bakkee fiduudhaaf in dhaqe; yeroo Yisihaq ilma isaa Esaawuu wajjin kana dubbatu immoo, Ribqaan in dhaggeeffatti turte.

[6] Kanaaf Ribqaan ilma ishee Yaaqoobiin,“Abbaan kee obboleessa kee Esaawuutti utuu dubbatuu ani dhaga'eera;

[7] inni,“Bushaayee bakkee adamsii anaaf fidi, anis nyaadhee utuun hin du'in Waaqayyo duratti akkan si eebbisuuf, nyaata dham jedhu anaaf qopheessi!” ittiin jedheera.

[8] Ammas yaa ilma ko, dubbii ani sitti himu kana keessatti waanan si abboomu dhaga'i!

[9] Amma gara karra bushaayee dhaqii, achiis ilmoolee reettii babba'eeyyii lama gara kootti fiddi! Anis isaan qalee nyaata dham jedhu, sanyii isa inni jaallatu, abbaa keetiif nan qopheessa;

[10] atis akka inni nyaatee utuu hin du'in dura si eebbisutti, abbaa keetiif in dhi'eessita” jette.

[11] Yaaqoob garuu deebisee Ribqaa haadha isaatiin,“Kunoo, obboleessi koo Esaawuun dhagni isaa rifeensa'aa dha, dhagni koo immoo mucucaataa dha;

[12] tarii abbaan koo qaqqabee yoo na ilaale, waanan isatti ga'ise nan fakkaadha; kanaanis eebba utuu hin ta'in, abaarsa of irratti nan fida” jedhe.

[13] Haati isaas deebiftee,“Yaa ilma ko, abaarsi kee anaaf haa ta'u! Waanan siin jedhu duwwaa dhaga'iitii, dhaqii isa ani siin jedhe sana anatti fidi!” jetteen.

[14] Innis dhaqee ilmoolee sana fuudhee, gara haadha isaatti isaan fide; haati isaa immoo nyaata dham jedhu sanyii isa abbaan isaa jaallatu in qopheessite;

[15] uffanni Esaawuu inni caalu haadha isaa bira mana ture; Ribqaan haati isaas uffata ilma ishee isa angafaa sana fuutee, Yaaqoob ilma ishee isa quxisuutti in uffifte;

[16] gogaa ilmoolee reettii sanas harka isaa fi morma isaa isa mucucaataatti uffifte;

[17] nyaata dham jedhaa, buddeena isa qopheessites harka Yaaqoob ilma isheetti in kennite.

[18] Yaaqoob lafa abbaan isaa turetti ol lixee,“Abbaye ko” jedheen; innis deebisee,“Kunoo, ani asan jira, eenyu ati, yaa ilma ko?” jedhe.

[19] Yaaqoob immoo abbaa isaatiin,“Ani Esaawuu ilma kee isa angafa; ani akka ati jette godheraa, ati ol jedhii taa'i, garaan kee akka na eebbisuttis isan adamsee fide nyaadhu!” jedhe.

[20] Yisihaq garuu ilma isaatiin,“Attamitti akkas daftee argatte” Ilma ko!” jedhe; innis deebisee,“Kana Waaqayyo kee gooftichatu ija kootti qabe” jedheen.

[21] Yisihaq yommus Yaaqoobiin,“Ani si qaqqabee, dhuguma ilma koo Esaawuu ta'uu kee fi hin taanee kee akkan ilaalutti, as dhi'aadhu!” jedhe.

[22] Yaaqoobis gara Yisihaq abbaa isaatti in dhi'aate; innis isa qaqqabee ilaalee,“Sagaleen isaa sagalee Yaaqoob, harki isaa garuu harka Esaawuu ti!” jedhe.

[23] Harki isaa rifeensa'aa akka harka obboleessa isaa Esaawuu waan tureef, abbaan isaa isa baruu hin dandeenye, kanaafis isa eebbisuuf jedhe.

[24] Abbaan isaa,“Ati dhuguma ilma koo Esaawuu dhaa?” jedhe; inni immoo deebisee,“Eyyee ana” jedhe.

[25] Yommus inni immoo,“Yaa ilma ko, isa ati adamsitee fidde nyaadhee, garaan koo akka si eebbisuuf, as anaaf dhi'eessi kaa!” jedhe; Yaaqoobis gara isaatti in dhi'eesse, innis in nyaate; daadhii waynii immoo in fideef, innis in dhuge.

[26] Kana booddee Yisihaq abbaan isaa,“As anatti dhi'aadhuu, na dhungadhu ilma ko!” jedhe.

[27] Innis itti dhi'aatee abbaa isaa in dhungate; abbaan isaas foolii wayyaa isaa in suufe, achumaanis isa eebbise, “Ilaa, fooliin ilma koo, akka foolii maasii Waaqayyo eebbisee ti!

[28] Waaqayyo waaqa irraa fixeensa, laficha irraas cooma, gobbina ija midhaanii fi waynii siif haa kennu!

[29] Sabni baay'een siif haa hojjetan, gosoonni lafa irraas siif haa qoomma'an! Obboloota kee irratti abboomaa ta'i, ilmaan haadha keetiis siif haa qoomma'an! Namni si abaaru haa abaaramu, namni si eebbisu immoo haa eebbifamu!” jedhe.

[30] Yisihaq akkuma Yaaqoobin eebbisee fixeen, Yaaqoobis fuula Yisihaq abbaa isaa duraa gad ba'een, Esaawuu obboleessi isaa adamoodhaa dhufee ol gale.

[31] Innis immoo nyaata dham jedhu qopheessee abbaa isaatiif in fide; abbaa isaatiinis,“Abbaye ko, ka'ii! Garaan kee akka na eebbisuttis isa ani ilmi kee adamsee fide nyaadhu!” jedhe.

[32] Yisihaq abbaan isaa immoo,“Eenyu ati?” jedhe; innis deebiseef,“Ana Esaawuu ilma kee isa angafa” jedhe.

[33] Yommus Yisihaq na'ee guddaa hollatee,“Yoos immoo inni bushaayee bakkee adamsee gara kootti fide sun eenyu ture ree” Anoo hunduma isaa nyaadhee, utuu ati hin dhufin dura isa eebbiseera; eyyee, inni eebbifamaa in ta'a!” jedhe.

[34] Esaawuun waan abbaan isaa dubbate erga dhaga'ee, dubbiin isaa itti hammaannaan sagalee isaa guddisee in iyye; abbaa isaatiinis,“Abbaye ko,“Anas eebbisi!?” jedhe.

[35] Inni garuu,“Obbooleessi kee haxxummaadhaan dhufee, eebba kee fudhatee in sokke” jedhe.

[36] Esaawuunis,“Akkuma iyyuu maqaan isaa Yaaqoob jedhame mitii ree” Inni kanaan si'a lammaffaa haxxummaadhaan qooda koo fudhachuu isaa ti! Dura angafummaa koo ana irraa fudhate, amma immoo kunoo, eebba koo ana irraa fudhate” jedhe; kana booddee immoo abbaa isaatiin,“Ati eebba tokko illee anaaf hin hambifnee?” jedhe.

[37] Yisihaq immoo deebisee Esaawuudhaan,“Kunoo, ani si irratti abboomaa isa godheera; obboloonni isaa isaaf akka hojjetaniif kenneeraaf, midhaanii fi wayniis isa argachiiseera; egaa siif immoo maal godhu, yaa ilma ko?” jedhe.

[38] Esaawuun immoo kana irratti abbaa isaatiin,“Yaa abbaa ko, ati eebba tokkicha duwwaa qabdaa” Anas immoo eebbisi malee, yaa abbaa ko!” jedhe; Esaawuunis sagalee isaa ol fudhatee in boo'e.

[39] Yommus Yisihaq abbaan isaa,“Kunoo, lafti jireenya keetii iddoo cooma lafaa irraa fagaate, ol gubbaadhaas fixeensa waaqa irraattii kan fagaate in ta'a.

[40] Ati billaa keetiin in jiraatta, obboleessa keetiifis in hojjetta; garuu yeroo diddee jalaa sosochootutti waanjoo isaa boquu kee irraa in buufta” jedheen.

[41] Esaawuun sababii eebba abbaan isaa ittiin isa eebbiseef jedhee, Yaaqoobitti haaloo qabate; Esaawuun garaa isaatti yaadee,“Yeroon itti abbaa kootiif gaddan dhi'aateera; yommus ani Yaaqoobin obboleessa koo nan ajjeesa” jedhee dubbate.

[42] Dubbiin Esaawuu ilma ishee isa angafaa Ribqaatti yommuu himames, Yaaqoob ilma ishee isa quxisuutti ergitee waamsiftee,“Kunoo Esaawuun obboleessi kee si ajjeesee garaa ciibsachuuf jedha;

[43] kanaaf yaa ilma ko, amma waanan sitti himu dhaga'i! Ka'ii, Laabaan obboleessa koo isa Kaaraan jiru biratti baqadhu!

[44] Aariin obboleessa kee inni boba'aan hamma irraa gallutti, takka isa bira taa'i!

[45] Qarri dheekkamsa isaa si irraa deebi'ee, waan ati isa goote hamma inni irraanfatutti achi turi! Isa booddee ani ergee, achii sin fichisiisa; kanaa achi ani maaliifan guyyaa tokkotti isin lachuu dhaba ree?” jetteen.

[46] Kana booddee Ribqaan Yisihaqiin,“Sababii durboota Heet kanaaf, ani jireenya koo nan jibbe; Yaaqoobis immoo durboota Heet sanyii durboota biyya kanaa keessaa niitii yoo fuudhe, jireenyi maal anaaf godha ree?” jette.

Seera Uumamaa — Chapters