[1] Waaqayyo yommus Nohiin,“Dhaloota kana keessaa, ati na duratti qajeelaa akka taate waanan argeef, ati warra mana kee hundumaa wajjin markabichatti gali!
[2] Horii qe'ee fi horii alaa warra akka qullaa'ootti ilaalaman hundumaa keessaa cimdii torba torba, kormaa fi dhalaa, warra akka qullaa'ootti hin ilaalamin keessaas cimdii tokko tokko, kormaa fi dhalaa of duukaa galchi!
[3] Simbirrootaa fi allaattii qilleensa keessa balali'an keessaas akkasuma cimdii torba torba, kormaa fi dhalaa galchi! Kanas sanyiin isaanii lafa irratti hafee akka jiraatuuf in goota.
[4] Ani guyyaa torba booddee guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama lafa irratti bokkaa nan roobsa; uumama lubbuu qabu ani uume hundumaa lafa irraa nan haxaa'a!” jedhe.
[5] Nohis kana hundumaa akkuma Waaqayyo isa abboometti in raawwate.
[6] Yeroo bishaan badiisaa lola'ee lafa fudhate sana, Nohi nama waggaa dhibba ja'aa ture;
[7] bishaan badiisaa jalaa ba'uudhaafis Nohi, haadha manaa isaa, ilmaan isaa, dubartoota ilmaan isaa wajjin markabichatti in gale.
[8] Horii qe'ee fi horii alaa warra akka qullaa'ootti ilaalaman, warra akka qullaa'ootti hin ilaalamne, simbirrootaa fi allaattii, waanuma lafa irra munyuuqan keessaas,
[9] lama lama kormaa fi dhalaatu akkuma Waaqayyo Nohin abboometti, Nohi duukaa markabichatti gale.
[10] Guyyaan torban sun erga darbanii, bishaan badiisaa lola'ee lafa in fudhate.
[11] Kunis bara jireenya Nohi waggaa dhibba ja'affaa, ji'a lammaffaa, ji'icha keessaa guyyaa kudha torbaffaatti ture; gaafas burqituuwwan callabboo gurguddaa in futta'an, ittifni bishaanii bantii waaqaa keessaa in banaman.
[12] Bokkaanis guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama lafa irratti yandoo buuse.
[13] Guyyaadhuma jedhame sanatti Nohi, haati manaa Nohi, ilmaan isaa Seem, Kaam, Yaafetis, dubartoonni ilmaan isaa, sadanis isaa wajjin markabichatti galan.
[14] Isaan kun, bineensonni akka qomoo qomoo isaaniitti, horiin qe'ee akka qomoo qomoo isaaniitti, wanti lafa irra munyuuqu akka qomoo qomoo isaatti, simbirroonnii fi allaattiin akka qomoo qomoo isaaniitti, wanti baal'eedhaan ka'us hundinuu,
[15] uumamni foon uffatee, hafuuras qabaatee jiraatu hundinuu, lama lamaan Nohi duukaa markabichatti galan.
[16] Warri achitti ol galan foon kan uffatan hundumaa keessaa kormaa fi dhalaa turan; isaan akka Waaqayyo Nohin abboomee turetti achitti galan; kana booddee dugda isaa duubaan Waaqayyo balbala in cufe.
[17] Bishaan badiisaa guyyaa afurtama itti fufee lola'ee lafa in fudhate; bishaanichi lafa irra guutee, markabicha ol in fuudhe; innis lafa gara irraa hamma oolutti ol ka'e.
[18] Bishaanichi humna godhatee, caalchisee lafa irra in guute; markabichi immoo bishaanicha irra in adeema ture.
[19] Bishaanichi lafa irratti humna godhatee, tulloota dhedheeroo guutummaa bantii waaqaa jala jiran hundumaa in dhokse.
[20] Bishaanichi tulloota irra iyyuu dhundhuma kudha shan ol darbuudhaan isaan in dhokse.
[21] Uumamni foon uffatee lafa irra socho'u hundinuu, simbirroonni, allaattiin, horiin qe'ee, bineensonni, munyuuqaan lafa irraa munyuuqu hundinuu, namoonni hundinuus in dhuman.
[22] Wanti bakkee lafaa irra jiraatee, funyaan isaatiin hafuura baafatu hundinuu in du'e.
[23] Bishaanichis wanta uumamee lafa irra jiraatu, nama, horii qe'ee, wanta munyuuqu, warra bantii waaqaa jala balali'anis hundumaa haxaa'ee in balleesse; isaan lafa irraa in haxaa'aman; Nohii fi warra isaa wajjin markabicha keessa turan duwwaatu hafe.
[24] Bishaanichi guyyaa dhibbaa fi shantama irra lafaa guutee taa'e.