Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 7:16

[1] Yommus Yihudaan obboloota isaa biraa ba'ee utuu adeemuu, mana namicha mandara Adulaam, maqaan isaa “Hiiraa” jedhamu tokkotti in gore;

[2] achitti intala nama biyya Kana'aan isa maqaan isaa “Shuwaa” jedhamu tokko in argate; intalattii in fuudhe, ishee biras in ga'e.

[3] Isheen ulfooftee ilma in deesse; maqaa isaas “Eer” jettee in moggaafte.

[4] Ammas ulfooftee ilma in deesse; maqaa isaas “Onaan” jettee in moggaafte.

[5] Dabaltees ilma in deesse; maqaas isaa “Shelaa” jettee in moggaafte; isheen mucicha biyya Kiziibitti in deesse.

[6] Yihudaan kana booddee immoo Eer ilma isaa isa angafa intala “Taamaar” jedhamtu tokko in fuusise.

[7] Eer ilmi Yihudaa inni angafni garuu, Waaqayyo duratti nama jal'aa ture; kanaaf Waaqayyo akka inni du'u godhe.

[8] Yihudaan yommus Onaaniin,“Gara haadha manaa obboleessa keetii dhaqi, barcuma isaa qajeelchi, obboleessa keefis sanyii kaasi!” jedhe.

[9] Onaan garuu sanyiin kan isaa ti akka hin jedhamne waan beekuuf, obboleessa isaa sanyii malee hambisuudhaaf, yeroo haadha manaa obboleessa isaa bira ga'u, isa sanyii ta'u sana lafatti naqee in balleessa ture.

[10] Wanti inni hojjete kun Waaqayyo duratti jal'aa ta'ee argame; kanaaf Waaqayyo innis immoo akka du'u godhe.

[11] Yommus Yihudaan,“Ilmi koo akkuma obboloota isaa du'innaa laata” jedhee waan yaadeef, Taamaar haadha manaa ilma isaatiin,“Hamma Shelaan ilmi koo ga'utti, akka gursummaatti mana abbaa kee taa'i!” jedhe; Taamaaris kana irratti dhaqxee mana abbaa ishee in teesse.

[12] Bara baay'ee booddee, haati manaa Yihudaa intalli Shuwaa in duute; Yihudaan gadda isaa erga dhiisee, ka'ee fira isaa isa “Hiiraa” jedhamu nama mandara Adulaam sanaa wajjin gara Tiimnaa lafa hoolota isaa irraa rifeensa murmuran in dhaqe.

[13] Yommus namoonni,“Kunoo, abbiyyuun kee hoolota isaa irraa rifeensa murmursiifachuuf Tiimnaatti ol in ba'a” jedhanii Taamaaritti in himan.

[14] Shelaan fuudha ga'e ture, isheen garuu isatti akka hin heerumsiifamin argitee, uffata dubartii abbaan manaa irraa du'e isa uffachaa turte ofittii baaftee, wayyaa biraa ofitti martee shaashiis haguuggattee, karaa Tiimnaa dhaqu irra balbala kellaa Enaayim dura in teesse.

[15] Taamaar fuula isheetti haguuggattee waan teessuuf, Yihudaan ejjituu ishee se'e malee ishee hin hubanne.

[16] Isheen haadha manaa ilma isaa ta'uu ishee waan hin beekiniif, gara lafa isheen karaa bukkee teessutti goree,“Mee kottu, ani si bira nan ga'aa!” jedhe; isheen immoo,“Ati na bira ga'uudhaaf, maal anaaf kennita?” jetteen.

[17] Inni deebisee,“Bushaayee keessaa korbeessa reettii xobbee tokko siif nan erga” jedhe; isheen immoo,“Hamma anaaf ergitutti immoo, qabsiisa yoo anaaf kennite in ta'a!” jette.

[18] Yommus inni,“Qabsiisaaf maal siif kennu ree?” jedhe; isheen immoo deebiftee,“Amartii mallattoo kee maataba isaa wajjin, ulee qabattee adeemtu kanas anatti kenni!” jette; innis kana kenneefii, ishee bira in ga'e; isheen isaaf in ulfoofte.

[19] Isheenis kaatee achii adeemtee, shaashii fuulatti haguuggatte sana of irraa fuutee, uffata ishee isa dubartiin abbaan manaa irraa du'e uffattu sanas deebiftee in uffatte.

[20] Yeroo muraasa booddee Yihudaan qabsiisa sana dubartittii harkaa fudhachuudhaaf, korbeessa reettii xobbee tokko, karaa fira isaa nama mandara Adulaam sanaa in ergeef; inni garuu ishee arguu hin dandeenye.

[21] Inni,“Gaalamoonni isheen karaa mandara Enaayim bukkee turte amma eessa jirti?” jedhee namoota iddoo sanaa iyyaafate; isaan immoo,“Lakkii, gaalamoonni as hin turre!” jedhan.

[22] Yommus inni deebi'ee Yihudaa bira dhufee,“Ani dubartittii arguu hin dandeenye; namoonni iddoo sanaa immoo,“Gaalamoonni as hin turre” naan jedhan” jedhe.

[23] Yihudaan deebisee,“Ani kunoo korbeessa xobbee sana isheedhaaf ergeera, ati garuu ishee arguu hin dandeenye; ammas namni nutti hin kolfin duwwaa malee, isheen mee isuma qabde sana haa fudhattu!” jedhe.

[24] Akka ji'a sadii booddee,“Taamaar haati manaa ilma keetii ejjiteetti, amma kunoo isheen ejjummaadhaan ulfoofteetti” jedhanii Yihudaatti himan; Yihudaan deebisee,“Gad ishee baasaa, haa gubamtu!” jedhe.

[25] Yeroo gad ishee baasanitti, nama tokko abbiyyuu isheetti ergitee,“Ani abbaa amartii mallattoo maataba isaa wajjin jiru kanaaf, abbaa ulee kanaaf nan ulfaa'e” jette; itti dabaltees,“Amma isaan kun kan eenyu akka ta'an mee hubadhuu ilaali!” jettee itti in dhaamte.

[26] Yihudaan kana hubatee erga ilaalee,“Ishee ilma koo Shelaatti waan ani hin heerumsiisiniif, anatu isheetti balleesse, isheen dhugaa qabdi” jedhe; inni ergasii deebi'ee ishee bira hin geenye.

[27] Yeroon da'uu ishee yommuu ga'e, kan isheen garaatti baattu lakkuu ta'ee argame;

[28] utuu isheen da'umsa irra jirtuu, inni tokko harka isaa gad baafate; deessiftuunis qabdee,“Isa kanatu dura lafa ga'a” jettee, fo'aa diimaa harka isaatti hiite.

[29] Yeroo inni harka isaa ol deebifatetti immoo, obboleessi isaa isa dura lafa ga'e; deessiftuunis,“Ati maal maal humnaan karaa ciratte!” jette; kanaaf maqaa isaa Faaresitti moggaasan.

[30] Obbooleessi isaa inni fo'aa harka isaattii qabu sun, isa booddeedhaan lafa ga'e; maqaa isaa immoo “Zaaraa” jedhanii moggaasan.

Seera Uumamaa — Chapters