Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 12:09

[1] Waggaan lama erga darbee booddee, mootiin Gibxii abjuu abju'ate; abjuu isaatiinis qarqara laga Abbayyaa dhaabatee ture;

[2] kunoo, saawwan cululuqoo fi gabbatoonni torba laga Abbayyaa keessaa ol ba'anii, jajjaba keessa in dheedu turan.

[3] Ammas kunoo, saawwan kan biraa jibbisiisonnii fi huqatoonni torba isaan booddeedhaan laga Abbayyaa keessaa ol ba'anii, saawwan warra duraa bira qarqara lagichaa dhaabatan.

[4] Saawwan warri jibbisiisonnii fi huqatoonni sun, warra cululuqoo fi gabbatoo torban sana in liqimsan; kana booddee mootiin Gibxii hirribaa in dammaqe.

[5] Mootiin Gibxii ammas deebi'ee rafee, lammaffaa abjuu abju'ate; kunoo, mataan midhaanii torba iji isaa gugguute, tolees somaa tokko irratti guddatee ture;

[6] isaan booddeedhaan immoo kunoo, mataan midhaanii iji isaa xooxaree qilleensi ba'a-biiftuu gube torba ol ba'an.

[7] Mataan midhaanii warri xooxaran, warra gugguutuu gurguddaa sana torban in liqimsan; mootiin Gibxiis in dammaqe; kunis abjuu ture.

[8] Yommuu bari'es mootiin Gibxii yaadni isaa waan raafameef, warra ayyaana heddanii fi beektota Gibxii ofitti waamsisee, abjuu isaa isaanitti in hime; garuu isaan keessaa namni abjuu sana hiikuu danda'e hin turre.

[9] Yommus eegduun warra dhugaatii dhi'eessanii mootichaan,“Ani balleessaa koo har'a nan yaadadhe;

[10] al tokko ati dheekkamtee anaa fi eegduu warra buddeena tolchanii sana, eegdota mana hidhaatti kennitee nu hiisiftee turte.

[11] Nuyi halkanuma tokkicha abjuu abju'anne; inni, anis abjuu hiikaa adda addaa qabu mata mataatti abju'anne.

[12] Achi Ibrichi dargaggeessi garbichi ajajjuu warra eegdotaa tokko nu bira ture; abjuu keenya yeroo isatti himanne inni adduma addaan akkuma abjuu keenyaatti hiikaa isaa nuuf kenne;

[13] akkuma inni abjuu keenya nuuf hiike ta'e, ani lafa hojii kootti nan deebi'e, eegduun warra buddeena tolchanii immoo in rarraafame” jedhe.

[14] Kana irratti mootiin Gibxii ergee Yoseefin in waamsise; isaan boolla mana hidhaa sana keessaa ariifachiisanii isa fidan; inni haadatee, uffata isaas erga diddiiratee, gara mootii Gibxiitti in dhi'aate.

[15] Mootiin Gibxii yommus Yoseefiin,“Ani abjuu abjodheen ture, garuu namni tokko illee anaaf hiikuu hin dandeenye; ati garuu abjuu yoo sitti himan hiikuu in dandeessa jechuu nan dhaga'e” jedhe.

[16] Yoseef deebisee, mootii Gibxiin,“Waaqayyotu deebii nagaa isa siif ta'u kenna malee, ana miti” jedhe.

[17] Yommus mootiin Gibxii,“Kunoo, ani abjuu kootiin qarqara laga Abbayyaa dhaabadheen ture;

[18] saawwan gabbatoo fi cululuqoonni torba laga Abbayyaa keessaa ol ba'anii, jajjaba keessa dheedu turan.

[19] Isaan booddeedhaan immoo saawwan jooroo, baay'ee jibbisiisoo fi huqatoonni torba ol ba'an; ani saawwan saakachaa'oo akka isaanii takkaa guutummaa biyya Gibxii keessatti argee hin beeku.

[20] Saawwan huqatoo fi jibbisiisoonni sun, saawwan gabatoo torban duraa sana in liqimsan.

[21] Erga isaan liqimsanii booddee garuu, amma iyyuu akkuma isaanii duraa jibbisiisoo waan ta'aniif, saawwan sana liqimsuu isaanii namni tokko illee beekuu hin danda'u ture; kana booddee ani hirribaa nan dammaqe.

[22] “Akkasumas ani abjuu koo isa kaan keessatti mataan midhaan torbaa iji isaa gurgudatee kan tole, somaa tokko irratti utuu guddatuu nan arge.

[23] Isaan booddeedhaan immoo kunoo, mataan midhaanii iji isaa colligee, xooxaree, qilleensi ba'a-biiftuu gube torba ol ba'an.

[24] Mataan midhaanii warri xooxaran sun immoo mataa midhaanii warra iji isaanii tole torban sana in liqimsan; ani kana warra ayyaana heddanitti nan hime; garuu tokko illee kana kan anaaf ibsu hin argamne” jedhe.

[25] Yoseef yommus mootii Gibxiin,“Abjuun kee tokkichuma, Waaqayyo wanta gochuudhaaf jedhu sitti mul'iseera;

[26] saawwan nama mararan torban, waggoota torba; mataan midhaanii tolan torbanis waggootuma torban sana; abjuun kee lachanuu tokkichumatti in hiikama.

[27] Saawwan huqatoo fi jibbisiisoonni isaan sana booddeedhaan ol ba'an torban, akkasumas mataan midhaanii ija hin qabne qilleensi ba'a-biiftuu isaan gube torban waggoota torba; waggoonni kun torban waggoota beelaa ta'uuf jiru.

[28] Dubbichi akkuma ani sitti himee dha yaa mootii! Waaqayyo wanta gochuudhaaf jedhu sitti argisiiseera.

[29] Yeroon itti guutummaa biyya Gibxii irratti quufni guddaan isaa ta'u, kunoo, waggoonni torba dhufuuf jiru.

[30] Isaan booddeedhaan garuu waggoonni beelaa torba in dhufu; quufni biyya Gibxiitti ta'e sun hundinuu in irraanfatama; beelichis biyyicha in fixa.

[31] Beelichi inni isatti aanu baay'ee cimaa waan ta'uuf, waggoonni quufaa sun biyyicha keessatti deebi'anii hin yaadataman.

[32] Abjuun kee lama ta'uun isaa dubbichi Waaqayyo biraa akka cite, Waaqayyo yeroo gabaabaa keessatti kana gochuuf akka jiru in argisiisa.

[33] “Ammas ati nama hubataa, nama ogeessas ilaalii, biyya Gibxii irratti aboo irra kaa'i!

[34] Itti dabaltees namoota dubbicha duukaa bu'anii ilaalan, waggoota quufaa torban keessas wanta biyya Gibxii irraa galu keessaa harka shan keessaa harka tokko fuudhan, biyyicha irra kaasii, aboos kenniif!

[35] Isaan midhaanicha hundumaa waggoota gaarii dhufuuf jiran kana keessa walitti haa qaban! Nyaataafis mandaroota keessa tuulanii, harka kee jalatti haa eegan!

[36] Biyyichi beelaan akka hin badnetti, midhaan kun biyyaaf akka ta'utti, waggoota torban yeroo itti beelli biyya Gibxii irra bu'uuf jiru sanaaf haa kaa'amu!” jedhe.

[37] Yaadni dhi'aate kun mootii Gibxii fi hojjetoota isaa biratti gaarii ta'ee mul'ate.

[38] Mootiin Gibxii ergasii hojjetoota isaatiin,“Nuyi nama hafuurri Waaqayyoo keessa jiru akkasii kana argachuu in dandeenyaa?” jedhe.

[39] Mootiin Gibxii yommus Yoseefiin,“Erga Waaqayyo kana hundumaa akka ati beektu godhee, namni hubataanii fi ogeessi akka keetii hin jiru;

[40] ati mana koo irratti gooftummaa in fudhatta, sabni hundinuu akka ati ajajjutti in abboomamu, ani immoo teessoo mootummaa koo duwwaadhaanan si gara irraa jira” jedhe.

[41] Mootiin Gibxii ammoo Yoseefiin,“Kunoo, ani guutummaa biyya Gibxii irratti aboo siif kenneera” jedhe.

[42] Kana booddee mootiin Gibxii amartii mallattoo isaa harka isaattii baasee, harka Yoseefitti in kaa'e; uffata quncee talbaa ba'eessa irraa hojjetames itti in uffise; dirata warqees morma isaatti kaa'eef.

[43] Konkolaataa isa kan isaatti aanu irras isa teessise; warri fuula isaa duraa labsanis,“Gad jedhaa, qoomma'aa!” in jedhu turan; mootichi akkasitti Yoseefin guutummaa biyya Gibxii irra kaa'ee, aboos kenneef.

[44] Inni Yoseefiin,“Ani mootiin Gibxii mootummaa koo hin dhiisu! Garuu fedha kee malee, namni tokko illee guutummaa biyya Gibxii keessatti harka isaa yookiis miilla isaa hin sokoksiisu!” jedhe.

[45] Mootiin Gibxii,“Zaafenaat-Phane'aa” jedhee Yoseefiif maqaa in kenne; Asenaat intala Phoxii-Feraa luba On immoo isatti in heerumsiise; kana booddee Yoseef biyya Gibxii irra in naanna'e.

[46] Yoseef fuula Fara'oon mootii Gibxii duratti dhi'aatee yommuu hojii irra dhaabame, nama waggaa soddomaa ture; Yoseef fuula mootichaa duraa ba'ee guutummaa biyya Gibxii keessa naanna'e.

[47] Waggoota quufaa torban sana keessa lafti midhaan baay'ee hammas hin jedhamne in kenne.

[48] Yoseef midhaan waggoota sana biyya Gibxiitti argame keessaa isa walitti sassaabame hundumaa mandaroota keessatti galche; midhaan inni mandara tokkotti galche isa maasii naannoo isaa jiru irraa walitti sassaabame ture.

[49] Yoseef midhaan akka cirracha galaanaa guddaa baay'atu in tuule; safaruun isaa waan hin danda'amneef, isa safaruu dhiise.

[50] Waggoonni beelaa utuu hin dhufin dura Yoseef ilmaan lama godhate; isaanis Asenaat intala Phoxii-Feraa luba On sanatu da'eef.

[51] Yommus Yoseef,“Waaqayyo rakkina koo hundumaa, mana abbaa koo hundumaas na irraanfachiiseera” jedhee, ilma isaa isa angafa Minaaseetti moggaase [“Minaasee” jechuun “Irraanfachiisuu” jechuu dha];

[52] isa lammaffaa immoo,“Waaqayyo biyya ani itti gad deebi'e keessatti akkan horu godhe” jechuudhaan,“Efreem” jedhee moggaase; [“Efreem” jechuun “Horuu” jechuu dha].

[53] Waggoonni biyyi Gibxii quufa itti argattee turte torban in raawwataman;

[54] akkuma Yoseef dubbatee ture waggoonni beelaa torban dhufuu jalqaban; biyya kan biraa hundumaatti beelli in bu'e, guutummaa biyya Gibxii keessa garuu nyaanni jira ture.

[55] Ergasii guutummaan biyya Gibxii beela'uu jalqabnaan, sabni nyaataaf mootii Gibxiitti iyyate; mootichi immoo warra Gibxii hundumaan,“Gara Yoseef dhaqaatii, waan inni isiniin jedhu godhaa!” jedhe.

[56] Beelli jabaatee guutummaa biyya Gibxii irra yeroo ga'etti, Yoseef gombisaa hundumaa banee warra Gibxiitti midhaan in gurgure.

[57] Beelichi biyya lafaa hundumaa irratti waan jabaateef, namoonni biyya hundumaattii midhaan bitachuudhaaf Yoseef bira gara biyya Gibxii in dhufan.

Seera Uumamaa — Chapters