[1] Kana booddee immoo Yoseef, kunoo, abbaan isaa akka dhukkubsatu dhaga'ee, ilmaan isaa lamaan Minaasee fi Efreemin fudhatee in dhaqe.
[2] Yoseef ilmi isaa isa bira akka dhufe Yaaqoob yommuu dhaga'e, of jajjabeessee, ol jedhee siree isaa irra in taa'e.
[3] Yaaqoob yommus Yoseefiin,“Waaqayyo inni hundumaa danda'u biyya Kana'aan keessaa iddoo “Luz” jedhamutti anatti mul'atee ana eebbise;
[4] inni,“Ati akka hortu, akka baay'attu, tuuta sabaa akka taatu nan godha; biyya kana si booddeedhaan sanyii keetiif dhaala bara baraa godhee nan kenna” naan jedhe.
[5] Ammas ilmaan kee lamaan warri utuu ani as si bira hin dhufin, ati biyya Gibxii kanatti godhatte, kan kootti haa lakkaa'aman; Efreemii fi Minaaseen akkuma Ruubenii fi Shimi'oon haa ta'an!
[6] Warri ati isaan kana booddee godhatte immoo kan kee haa ta'an! Dhaala isaanii immoo maqaa obbolaa isaanii Efreemii fi Minaaseetiin haa argatan!
[7] “Yeroo ani Phaadaan-Aaramii deebi'utti immoo biyya Kana'aan keessaa Efraataa ga'uudhaaf karaan muraasi hafee utuu jiruu, Raahel karaatti na duraa duunaanan, karaa Efraataa dhaqu irratti ishee awwaale” jedhe; Efraataan amma “Betlihem” jedhama.
[8] Israa'el ilmaan Yoseef yommuu arge,“Isaan kun eenyufa'i?” jedhee gaafate.
[9] Yoseef deebisee abbaa isaatiin,“Isaan ilmaan koo warra Waaqayyo as biyya kanatti anaaf kennee dha” jedhe; Yaaqoob immoo Yoseefiin,“Ani akkan eebbisutti mee gara kootti isaan fidi!” jedhe.
[10] Yoseef yommus gara abbaa isaatti isaan in dhi'eesse; inni immoo isaan dhungatee isaan ammate; Israa'el dulloomee iji isaa dadhabeera, hubachuus hin danda'u ture.
[11] Israa'el ammas Yoseefiin,“Ani deebi'ee fuula kee nan arga jedhee hin yaanne, Waaqayyo garuu kunoo, ijoollee kee iyyuu na argisiiseera” jedhe.
[12] Yoseef yommus jilba abbaa isaa irraa achi isaan butee, ofii immoo mataan isaa hamma lafa ga'utti in qoomma'e.
[13] Kana booddees Yoseef isaan lachuu fudhatee, Efreem isa harka isaa mirgaa ture gara harka Israa'el isa bitaatti, Minaasee isa harka isaa bitaa ture gara harka Israa'el isa mirgaatti dhi'eesse.
[14] Minaaseen angafa ta'ee utuu jiruu, Israa'el harka isaa wal jala dabarsee, isa mirgaa mataa Efreem isa quxisuu irra kaa'ee, harka isaa isa bitaa immoo mataa Minaasee irra kaa'e.
[15] Inni ilmaan Yoseef yommuu eebbise, “Waaqayyo inni akka Abrahaamii fi Yisihaq abboonni koo itti deddeebi'aa turan ilaale, Waaqayyo inni dhaloota kootii jalqabee hamma ammaatti na tikse,
[16] Waaqayyo inni karaa ergamaa isaa hamaa hundumaa na oolche, ijoollee kana haa eebbisu! Isaan maqaa koo, maqaa Abrahaamii fi maqaa Yisihaq abboota kootii haa waamsisan! Irra lafaattis wal horanii haa baay'atan!” jedhe.
[17] Yoseef yeroo abbaan isaa harka isaa mirgaa mataa Efreem irra kaa'uu isaa arge, kun ija isaatti hin tolle; kanaaf inni harka abbaa isaatii mataa Efreem irraa gara mataa Minaaseetti dabarsuudhaaf in qabe.
[18] Yoseef,“Yaa abbaa ko akkas miti, inni kun angafa waan ta'eef, harka kee mirgaa mataa isaa irra kaa'i!” jedhee abbaa isaatti in dubbate.
[19] Abbaan isaa garuu didee,“Anuu beeka yaa ilma ko, anuu beeka, inni kunis guddatee saba tokko in ta'a; haa ta'u iyyuu malee, obboleessi isaa inni quxisuun isa caalaa in guddata, sanyiin isaas saba baay'ee in ta'a” jedhe.
[20] Inni guyyaa sana yommuu isaan eebbise, “Warri Israa'el,“Waaqayyo akka Efreemii fi akka Minaasee si haa taasisu!” jedhanii maqaa keetiin nama in eebbisu” jedhe; akkas godhee Efreemin Minaasee dura aanse.
[21] Israa'el ergasii Yoseefiin,“Kunoo! Ani du'uufan jedha, Waaqayyo sii wajjin ta'ee biyya abboota keetti si in deebisa.
[22] Ani kan obboloota keetii caalaatti gooba lafaa isa ani billaa kootii fi iddaa kootiin warra Amoorotaa irraa fudhadhe siif nan kenna” jedhe.