Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:54

[1] Waaqayyo yommus Yaaqoobiin,“Ka'ii gara Bet'elitti ol ba'i, achi taa'i! Ana Waaqayyo isa yeroo ati Esaawuu obboleessa kee duraa baqattetti sitti mul'ateef, iddoo aarsaa ijaari!” jedhe.

[2] Kana irratti Yaaqoob warra mana isaa fi namoota isaa wajjin turan hundumaan,“Waaqayyolii ormaa kan qabdan of gidduudhaa baasaa, of qulleessaa, uffata keessanis geddaradhaa!

[3] Kottaa gara Bet'el in dhaqnaa! Ani achitti Waaqayyo isa guyyaa rakkina kootti deebii anaaf kenne, karaa koo hundumaatti anaa wajjin tureef, iddoo aarsaa nan ijaara” jedhe.

[4] Yommus isaan waaqayyolii ormaa warra isaan harka turan, amartii gurra isaanii isa qorichummaadhaaf kaa'atanis, fidanii Yaaqoobitti kennan; inni immoo qilxuu isa Sheekemitti dhi'oo jiru jala in awwaale.

[5] Yeroo isaan ka'anii adeemanitti, namni tokko illee akka isaan hin hordofnetti, naasisuun Waaqayyoo mandaroota naannoo sana turan hundumaa irra in bu'e.

[6] Yaaqoobis namoota isa bira turan hundumaa wajjin gara Luz dhufe; innis Bet'el isa biyya Kana'aan keessaa ti.

[7] Achitti iddoo aarsaa tokko ijaare; yeroo inni obboleessa isaa duraa baqatee adeemetti, Waaqayyo achitti isatti mul'atee waan tureef, iddoo sana “El-Bet'el” jedhee moggaase [innis “Waaqayyo isa kan Bet'el” jechuu dha].

[8] Yeroo sanatti Deboraan, guddiseen Ribqaa duutee, Bet'el godaa qilxuu tokko jalatti in awwaalamte; kanaafis qilxuun sun,“Qilxuu boo'ichaa” jedhamee moggaafame.

[9] Yeroo Yaaqoob Phaadaan-Aaramii dhufetti, Waaqayyo deebi'ee isatti mul'atee, isa eebbises.

[10] Waaqayyo,“Maqaan kee Yaaqoob, si'achi garuu maqaan kee“Israa'el” jedhama malee,“Yaaqoob” hin jedhamu” jedheen; kanaaf akkuma Waaqayyo isa moggaasetti maqaan isaa “Israa'el” jedhame.

[11] Waaqayyo yommus,“Ani Waaqayyo isa hundumaa danda'uu dha; hori, baay'adhus! Sabni, tuuti sabaas si irraa in argamu, mootonnis mudhii kee keessaa in ba'u;

[12] biyya isa ani Abrahaamii fi Yisihaqiifis kenne, siif nan kenna, si booddeedhaanis biyyicha sanyii keetiif nan kenna” jedheen.

[13] Kana booddee Waaqayyo iddoo isatti dubbate sanatti isa dhiisee biraa ol ba'e;

[14] Yaaqoob dhagaa tokko utubaa seenaa godhee ol qajeelche, iddoo itti Waaqayyo isatti dubbate sana dhaabee, kennaa dhugaatii irratti dhangalaasee, dhadhaa ejersaas dibe.

[15] Kanaaf Yaaqoob maqaa iddoo itti Waaqayyo isatti dubbate sana “Bet'el” jedhee moggaase.

[16] Isaan Bet'elii ka'anii in adeeman; biyya Efraataa ga'uudhaaf amma illee waa hafe utuu jiruu, Raahel da'uudhaaf in ciniinsifatte, ciniinsuun ishees jabaa ture.

[17] Utuu isheen da'uudhaaf ciniinsuu jabaa sana keessa jirtuu, deessiftuun ishee,“Ammas immoo ilma dabalachuuf waan jirtuuf hin sodaatin!” ittiin jette.

[18] Raahel du'uudhaaf yeroo lubbuun ishee ba'uuf jettetti, maqaa mucichaa “Ben-Onii” jettee moggaafte; abbaan isaa garuu“Benyaamiin” jedhee moggaase; [“Ben-Onii” jechuun “Ilma gadda koo” jechuu yommuu ta'u,“Benyaamiin immoo?“Ilma mirga koo” jechuu dha].

[19] Raahel duutee, karaa Efraataa dhaqu irratti in awwaalamte; inni amma “Betlihem” jedhama.

[20] Yommus Yaaqoob utubaa tokko awwaala ishee irra in dhaabe; inni utubaa awwaala Raahel isa hamma har'aatti iyyuu achuma jiruu dha.

[21] Israa'el achii adeemee, riqaa Edar garasitti godoo dhaabbate.

[22] Israa'el iddoo sana buufatee utuu jiruu, Ruuben gara Bilhaa saajjatoo abbaa isaa dhaqee, ishee wajjin ciise; Israa'elis waa'ee kanaa in dhaga'e. Ilmaan Yaaqoob kudha lama turan;

[23] ilmaan Liyaan deesseef, Ruuben ilma Yaaqoob isa angafa, Shimi'oon, Lewwii, Yihudaa, Yisaakor, Zebuloon;

[24] ilmaan Raahel immoo Yoseef, Benyaamiin;

[25] ilmaan Bilhaa xomboree Raahel, Daan, Niftaalem;

[26] ilmaan Zilfaa xomboree Liyaa immoo Gaadi, Asheer; ilmaan Yaaqoob warri Phaadaan-Aaramitti dhalataniif isaan kana turan.

[27] Yaaqoobis mandara Mamreetti Kiriiyat-Arbaa isa “Kebroon” jedhamutti, abbaa isaa Yisihaq bira dhufe; kunis iddoo Abrahaamii fi Yisihaq akka ormaatti buufatan ture.

[28] Barri Yisihaq jiraate waggaa dhibbaa fi saddeettama ture;

[29] Yisihaqis dulloomee, baras quufee du'e, gara saba isaattis in sassaabame; ilmaan isaa Esaawuu fi Yaaqoob isa in awwaalan.

Seera Uumamaa — Chapters