[1] Waaqayyo immoo ammas Nohin, horii qe'ee fi bineensota warra isaa wajjin markabicha keessa jiran hundumaa in yaadate; Waaqayyo qilleensa lafa irra in dabarse, bishaanichis gad gale.
[2] Burqituuwwan callabboo, hulaan bishaan bantii waaqaa in cufame, bokkaan waaqa keessaa roobus in ittifame.
[3] Bishaanichis guyyaa dhibbaa fi shantama booddee irraa jalaan lafa irraa gad galaa adeemee, in hir'ates.
[4] Markabichi ka'ee ji'a torbaffaa isaatti ji'icha keessaas guyyaa kudha torbaffaatti tulluu Araaraat gubbaa in buufate.
[5] Bishaanichi hamma ji'a kurnaffaatti ittumaa gad galaa adeeme; guyyaa jalqaba ji'a kurnaffaa irratti roggeen tullootaa in mul'atan.
[6] Guyyaa afurtama booddee Nohi qaawwa isa markabichatti baasee ture sana cufaa isaa bane;
[7] qurruu tokko in erge, innis hamma bishaan lafa irraa gogutti in ba'a, deebi'ees in gala ture.
[8] Nohi kana booddee bishaan lafa irraa akka gad xinnaate ilaaludhaaf gugee tokko of biraa erge;
[9] bishaanichi garuu amma iyyuu lafa hundumaa irra waan jiruuf, gugeen sun lafa qubattu dhabdee, gara markabichaatti deebitee isa bira dhufte; inni immoo harka isaa gad baasee qabee, markabicha keessa lafa ofii jirutti ol ishee galche.
[10] Guyyaa torba turee, ammas gugee tokko markabicha keessaa gad baasee erge;
[11] gugeettiin immoo galgala gara isaatti yommuu deebite kunoo, xobbee baala ejersaa afaanitti in baatti turte; kana irratti Nohi bishaanichi lafa irraa akka gad xinnaate in bare.
[12] Ammas immoo guyyaa torba turee, gugeettii in erge; isheen ergasii gara isaatti hin deebine.
[13] Nohi dhalatee waggaa dhibba ja'aa fi tokkoffaatti, ji'a jalqabaatti, ji'icha keessaa immoo guyyaa tokkoffaatti bishaanichi irra lafaatii goge; Nohis bantii markabichaa irraa fuudhee yeroo ilaale, kunoo, irri lafaa gogaa ta'uu isaa in arge.
[14] Ji'a lammaffaa keessaa guyyaa digdamii torbaffaatti immoo lafichi guutummaatti gogee argame.
[15] Waaqayyo yommus Nohitti in dubbate;
[16] inni,“Amma markabicha keessaa ba'i, haati manaa kee, ilmaan kee, dubartoonni ilmaan keetiis sii wajjin haa ba'an!
[17] Uumamni foon uffatee si bira jiru hundinuu allaattiin, simbirri, horiin qe'ee, bineensi, warri lafa irra munyuuqan hundinuu si duukaa akka ba'an godhi! Isaan lafa irratti gurmuu haa godhatan, wal horaniis lafa irratti haa baay'atan!” jedhe.
[18] Nohis gad ba'e; haati manaa isaa, ilmaan isaa, dubartoonni ilmaan isaatiis isaa wajjin gad ba'an.
[19] Uumamni jiraatan hundinuu, warri munyuuqan, warri baal'eedhaan ka'an, wanti lafa irra socho'u hundinuu akka qomoo qomoo isaaniitti markabicha keessaa in ba'an.
[20] Nohis iddoo itti Waaqayyoof aarsaa dhi'eessu ijaaree, horii qe'ee warra qullaa'ootti ilaalaman hundumaa, horii baal'eedhaan ka'an warra qullaa'ootti ilaalaman hundumaa keessaas fuudhee, iddoo aarsaa sana irratti aarsaa qalmaa in dhi'eesse.
[21] Waaqayyos foolii isa garaa ciibsu sana urgeeffatee yaada isaa keessatti,“Wanti namni mucummaa isaatii jalqabee garaa isaatti yaadu hamaa yoo ta'e iyyuu, sababii namaatiif ani deebi'ee laficha matumaa hin abaaru, deebi'ees akkan kanaan dura godhe uumama jiraatu hundumaa matumaa hin balleessu.
[22] Egaa hamma bara lafti kun itti jiraatutti, midhaan facaasuunii fi sassaabuun, dhaamochinii fi ho'i, bonnii fi ganni, guyyaanii fi halkan ittuma fufu malee hin dhaabatan” jedhe.