[1] Ilmaan Laabaan,“Kan abbaa keenyaa kan ture hundumaa Yaaqoobtu fudhate, kan abbaa keenyaa isa tureenis badhaadhummaa kana hundumaa argate” ittiin jechuu isaanii Yaaqoob in dhaga'e.
[2] Akkasumas Laabaan akka isaa durii akka faara itti hin tolle, Yaaqoob fuula isaa irraa in arge.
[3] Waaqayyo yommus Yaaqoobiin,“Gara biyya abboota keetti, gara lammii keettis deebi'i, anis sii wajjin nan ta'a!” jedhe.
[4] Yaaqoob kanaaf Raahelii fi Liyaatti ergee, gara bakkee lafa karri bushaayee isaa jiranitti in waamsise.
[5] Isaaniinis,“Abbaan keessan amma akka isaa durii akka faara anatti hin tolle, ani fuula isaa irraa nan arga; Waaqayyo inni kan abbaa kootii garuu anaa wajjin ta'eera.
[6] Ani humna koo guutuudhaan abbaa keessaniif akkan hojjedhe immoo, isin in beektu.
[7] Inni garuu na gowwoomsee gatii dadhabbii koo si'a kudhan geddare; haa ta'u iyyuu malee, Waaqayyo akka inni na miidhu hin goone.
[8] Yeroo Laabaan,“Warri xiiffeen gatii dadhabbii kee haa ta'an” jedhe, karri bushaayee hundinuu ilmoolee xiiffee in dhalu turan; yeroo inni,“Warri qaxxaamurroo qaban gatii dadhabbii kee haa ta'an” jedhes, karri bushaayee hundinuu qaxxaamurroo dhalan.
[9] Akkasitti Waaqayyo horii abbaa keessanii isa harkaa baasee, anaaf kenneera.
[10] “Yeroo bushaayeen korbeessa kajeelanitti, ani ol ilaalee abjuutti korbeeyyiin warri qaxxaamurroo qaban, xiiffeen, booxxoon, utuu bushaayee hobobsanii nan arge.
[11] Yommus ergamaan Waaqayyoo abjuutti,“Yaaqoob!” naan jedhe; anis,“Asan jira!” nan jedheen.
[12] Innis,“Ani wanta Laabaan si irratti hojjete waanan argeef, ol jedhi, korbeeyyiin warri bushaayee hobobsan hundinuu qaxxaamurroo kan qaban, xiiffee, booxxoos akka ta'an ilaali!
[13] Ani Waaqayyo isa Bet'el iddoo ati utubaa dibdee wareega itti anaaf wareegde sanatti sitti mul'atee dha; ammas ka'i, biyya kana keessaa ba'ii adeemi, gara biyya lammii keettis deebi'i!” naan jedhe” jedhe.
[14] Raahelii fi Liyaanis deebisanii,“Ga'aan, dhaallis mana abbaa keenyaa keessa nuuf jiraa ree”
[15] Nuyi isa biratti akka ormaatti ilaalamneerra mitii ree” Inni nu gurgureera, horii waa'ee keenyaaf kennames nyaatee fixe mitii ree”
[16] Badhaadhummaan inni abbaa keenya kana harkaa Waaqayyo baase immoo kan keenya, kan ijoollee keenyaa tis; kanaaf amma ati waanuma Waaqayyo siin jedhe godhi!” ittiin jedhan.
[17] Ergasii Yaaqoob ilmaan isaa fi dubartoota isaa gaala irra kaa'atee in ka'e;
[18] inni horii qe'ee hundumaa, mi'a manaa isa argate hundumaas, horii qe'ee qabeenya isaa keessaa warra Phaadaan-Aaramitti horate oofatee gara biyya Kana'aan, gara abbaa isaa Yisihaq dhaquudhaaf in ka'e.
[19] Laabaan hoolota irraa rifeensa murmurachuu dhaqee ture; Raahelis Waaqayyo tolfamaa isa kan abbaa ishee mana keessaa in hatte;
[20] Yaaqoob akka baqachuu yaade isatti himachuu dhiisuu isaatiin, Laabaanin namicha biyya Aaram sana garaa nyaachise.
[21] Inni wanta qabu hundumaa wajjin baqatee, laga Efraaxiis in ce'e; fuula isaas gara tulluu Giil'aaditti in qajeelfate.
[22] Yaaqoob akka baqate gaafa guyyaa sadaffaa Laabaanitti himame;
[23] inni yommus namoota aantii isaa fudhatee, guyyaa torba Yaaqoobin ari'ee, Giil'aad biyya tulluu gubbaatti isatti in dhi'aate.
[24] Waaqayyo garuu halkan abjuutti Laabaan nama biyya Aaram sana bira dhufee,“Gaarii malee hamaa Yaaqoobitti akka hin dubbanne of eeggadhu!” jedheen.
[25] Laabaan, Yaaqoobin in qaqqabe; Yaaqoob biyya tulluu gubbaa sana keessa dunkaana isaa dhaabbatee ture; Laabaanis namoota aantii isaa wajjin Giil'aad biyya tulluu gubbaa sana keessa dunkaana isaa in dhaabbate.
[26] Laabaan achitti Yaaqoobiin,“Ati na sossobdee, intaloota koos akka waan billaadhaan booji'amaniitti fudhattee sokkuu keetiin maal gochuu kee ti”
[27] Ati maaliif dhoksaatti baqatte” Maaliifis na sossobde” Ani gammachuudhaan, weedduudhaan, dibbeedhaa fi kiraaraan akkan si geggeessutti maaliif anatti himuu didde”
[28] Maaliifis akka ani intalootaa koo fi ijoollee koo dhudhungadhee nagaa itti hin dhaamne goote” Egaa kana ati gowwummaadhaan hojjette.
[29] Si, namoota kees miidhuu illee nan danda'an ture, garuu Waaqayyo inni kan abbaa keetii eda halkan,“Ati gaarii malee hamaa Yaaqoobitti akka hin dubbanne of eeggadhu!” naan jedhe;
[30] adeemuu illee ati mana abbaa kee baay'iftee waan yaaddeef adeemte ta'a, garuu waaqayyolii koo immoo maaliif hatte?” jedhe.
[31] Yaaqoob immoo deebisee,“Intaloota kee humnaan ana irraa fudhatta jedhee waanan sodaadheef, utuu sitti hin himin nan sokke;
[32] Yaaqoob akka Raahel waaqayyolii Laabaan hattee turte waan hin beekiniif, namni ati waaqayyolii kee biratti argattu hafee hin jiraatu; fuula aantii keenyaa kana duratti mi'a koo keessa ilaaltee, yoo argite fudhadhu!” jedheen.
[33] Laabaanis dunkaana Yaaqoob, dunkaana Liyaas lixee, darbees dunkaana xomboreewwan lamaanii lixe; garuu waaqayyolii isaa hin arganne; dunkaana Liyaa keessaa ba'ees kan Raahel in lixe.
[34] Raahel immoo waaqayyolii mana keessaa sana fuutee koraa gaalaa jala keessee irra teesse; Laabaanis waanuma dunkaanicha keessa ture hundumaa qaqqabee in ilaale; garuu waaqayyolii isaa hin arganne.
[35] Isheenis abbaa isheetiin,“Garaa dhukkubbiin anatti dhufnaan, siif ka'uu waanan dadhabeef, ati gooftaan koo anatti aartee hin boba'in!” jette; inni akkasitti yoo fonqolche iyyuu waaqayyolii mana keessaa sana hin arganne.
[36] Yommus Yaaqoob aaree, Laabaanitti ori'ee,“Maalan balleesse” Cubbuun koo inni ati faana dhooftee na ari'aa dhufteefis maali”
[37] Mi'a koo hundumaa keessa yoo fonqolchite iyyuu, mi'a mana kee hundumaa keessaa maalfaa argatte” Yoo jiraate, isaan nu lamaan gidduutti akka faradaniif, aantii koo fi aantii kee kana dura kaa'i!
[38] Ani waggoota digdaman si bira ture; kana keessatti hoolonnii fi re'oonni kee warri dhaltuun hin gatanne; korbeeyyii bushaayyee keetiis ani hin nyaanne.
[39] Horii warra bineensi caakkaa cabses, hir'ina isaa ofitti nan lakkaa'e malee, fidee sitti hin argisiifne; warra guyyaa butaman, warra halkan butamanis, ati harka koo keessaa eeggatte.
[40] Ani akkasitti nan ture; guyyaa ho'a isaa, halkanis qora isaatu na waxale; hirribnis ija koo irraa in baqate.
[41] Waggaa digdaman kana ani mana kee keessan ture; waggaa kudha afur intaloota kee lamaaniif, waggaa ja'a immoo bushaayyee keefan siif hojjedhe; atis kana keessatti gatii dadhabbii koo si'a kudhan geddarte.
[42] Waaqayyo inni kan abbaa kootii, Waaqayyo inni kan Abrahaam, inni Yisihaq safeeffatu utuu gara koo goruu dhabaatee, ati amma harka koo duwwaa na ergita turte; Waaqayyo garuu gad deebi'uu koo fi harkaan itti dadhabee hojjechuu koo argee, eda halkan si ifate” jedheen.
[43] Laabaan deebisee Yaaqoobiin,“Dubartoonni kun intaloota koo ti, ijoolleen kun ijoollee koo ti, bushaayeen kunis bushaayee koo ti, wanti ati argitu hundinuu kan koo ti; garuu ani har'a intaloota koo kanaa fi ijoollee isaanii warra isaan da'aniif maal gochuun danda'a”
[44] Kottu, ammas anii fi ati kakaadhaan walii in gallaa, innis sii fi ana gidduutti dhugaa ba'uudhaaf haa ta'u!” jedhe.
[45] Yaaqoobis dhagaa tokko fuudhee utubaa seenaa godhee ol qajeelchee in dhaabe;
[46] Yaaqoob aantii isaatiin,“Dhagaa walitti qabaa!” jedhe; isaanis dhagaa fidanii tuulanii, isa irratti in nyaatan.
[47] Laabaan afaan Aaramitti,“Yegaar-Sahadutaa” jedhee tuullaa sana in moggaase; Yaaqoob immoo afaan Ibrootaatti“Gaal-Ed” jedhee in moggaase.
[48] Laabaan,“Tuullaan kun har'a sii fi ana gidduutti dhuga-baatuu dha” jedhe; kanaaf“Gaal-Ed” jedhee isa moggaase.
[49] Akkasumas,“Waaqayyo yeroo nuyi walittii gargar baanutti, sii fi ana gidduutti eegduu haa ta'u!” waan jedheef,“Maqaan isaa Miisphaadhas” jedheera.
[50] Itti dabalees,“Ati intaloota koo kana yoo rakkifte, intaloota koo irratti yoo fuute, namni nu bira yoo jiraachuu dhabaate illee, Waaqayyo sii fi ana gidduutti akka dhugaa ba'u yaadadhu!” jedhe.
[51] Laabaan itti dabalee Yaaqoobiin,“Tuullaa kana, utubichas isa ani sii fi ana gidduu dhaabe ilaali!
[52] Tuullaan kun dhuga-baatuu dha, utubichis ani tuullaa kana akkan sitti hin darbine, ati miidhaadhaaf tuullaa kana, utubaa kanas akka anatti hin darbineef dhuga-baatuu dha.
[53] Waaqayyo inni kan Abrahaam, Waaqayyo inni kan Naahor, Waaqayyo inni kan abbaa isaanii nu gidduutti in farada” jedhe; Yaaqoob akkasitti isa abbaan isaa Yisihaq safeeffatuun in kakate.
[54] Yaaqoob biyya tulloota irratti aarsaa dhi'eessee, aantii isaas buddeena akka nyaataniif in waame; isaanis buddeena nyaatanii, halkan guutuu achi turan.
[55] Laabaan ganama bariidhaan ka'ee, ijoollee isaa, intaloota isaas dhudhungatee, isaan in eebbise; kana booddee Laabaan isaanittii gargar ba'ee gara iddoo isaatti in deebi'e.