Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 7:45

[1] Beelli amma iyyuu biyyicha irratti jabaatee ture.

[2] Midhaan isa biyya Gibxii fidan sana erga nyaatanii fixanii, abbaan isaanii,“Deebi'aa dhaqaatii midhaan xinnoo ishee nuuf bitaa!” jedheen.

[3] Yihudaan garuu,“Namichi sun,“Obbooleessi keessan isinii wajjin yoo dhufuu dhabaate deebitanii ija koo hin argitan!” jedhee cimsee nu qixaaxxateera;

[4] ati obboleessa keenya nu wajjin erguudhaaf qophoofteetta yoo ta'e, gad buunee midhaan siif in binna;

[5] ati isa erguudhaaf hin qophoofne yoo taate garuu, namichi sun,“Obbooleessi keessan isinii wajjin yoo dhufuu dhabaate, deebitanii ija koo hin argitan” waan nuun jedheef, nuyis gad hin buunu!” ittiin jedhe.

[6] Yommus Israa'el,“Isin maaliif akkas na miitan” Obbooleessa kan biraa akka qabdanis maaliif namichatti himtan?” jedhe.

[7] Isaan immoo deebisanii,“Namichi cimsee waa'ee ofii keenyaa fi waa'ee maatii keenyaa nu gaafatee,“Abbaan keessan amma iyyuu jiraa” Obbooleessa kan biraa qabduu?” nuun jedhe; egaa wanti nuyi isatti himne deebii gaaffii isaa kanaa ti; nu immoo inni,“Obbooleessa keessan as fidaa!” akka nuun jedhu karaa tokkoon illee beekuu dandeenyeerraa ree?” jedhaniin.

[8] Yihudaan kana irratti Israa'el abbaa isaatiin,“Nuyi ofii keenyaa ati, ijoolleen keenyas jiraannee du'a akka oollutti, ati gurbicha anaa wajjin ergi, nus achumaan kaanee in adeemnaa!

[9] Ani isaaf nan darba, ati immoo ana harkaa isa barbaaduu in dandeessa; ani gara keetti deebisee isa fuula kee dura yoon dhaabuu dhabaadhe bara koo guutuu akkan si yakketti nan hafa;

[10] nuyi utuu hamma yowwanaatti lafa irra hin harkifne ta'e, silaa yoona si'a lama deebineerra” jedhe.

[11] Yommus Israa'el abbaan isaanii,“Erga akkas ta'ee immoo, wanta fo'amoo biyya kanatti argaman, haphee dibataa xinnoo ishee, damma xinnoo ishee, urgooftuu, qumbii, ija lawuzii, ija meexxiis korojoo keessan keessa kaa'aatii namichaaf harka-fuudhaa geessaaf.

[12] Horiin inni deebi'ee afaan qalqala keessanii keessatti argames, tarii in dagatame ta'a, isa deebisaa geessaaf! Kanaaf horii harka lama fuudhaa dhaqaa!

[13] Obbooleessa keessanis fuudhaatii ka'aa deebi'aa gara namicha sanaa dhaqaa!

[14] Waaqayyo inni hundumaa danda'u, namichi sun oo'a akka isinitti argisiisu, obboleessa keessan isa tokko, Benyaamiininis akka gad dhiisu isiniif haa godhu! Ani immoo ijoollee malee yoon hafes, ijoollee malee nan hafa!” jedhe.

[15] Ergasii namoonni sun harka-fuudhaa sana, horii harka lama, Benyaamiininis fuudhanii, ka'anii gara biyya Gibxiitti gad bu'an; dhaqaniis fuula Yoseef dura in dhaabatan.

[16] Yoseefis Benyaamiinin isaan biratti yommuu arge, namicha isa hojii mana isaa keessaa adeemsisuun,“Jarreen kana gara manaatti geessi, isaan waareetti ana biraa waan nyaataniif, horii tokko qaliitii nyaanni akka qophaa'u godhi!” jedhe.

[17] Namichis akkuma Yoseef itti hime godhee, namoota sana gara mana Yoseefitti in geesse.

[18] Namoonni sun garuu mana Yoseefitti waan geeffamaniif sodaatanii,“Nuyi sababii horii isa yeroo duraa deebi'ee afaan qalqala keenyaa keessatti argame sanaaf asitti ol galfamne; inni nu rukutee nu mo'ee, harroota keenya qabatee, nuun immoo garboota isaa nu godhachuuf kana godhe” jedhan.

[19] Kanaaf isaan gara namicha hojii mana Yoseef adeemsisu sanaatti dhi'aatanii balbala manichaa duratti isaa wajjin dubbatan.

[20] Isaan yommus,“Yaa gooftaa ko, nuyi si'a duraa midhaan bitachuudhaaf as gad buunee turre;

[21] iddoo buufataa yeroo geenye nuyi qalqala keenya hiiknee, adduma addaan horiin keenya guutummaatti afaan qalqalloo keessa akka ture argine; amma isa deebifnee fidneerra;

[22] horii kan biraas amma ittiin midhaan bitachuudhaaf fidnee dhufneerra; nama horicha sana afaan qalqalloo keenyaa keessa kaa'es nuyi hin beeknu” jedhan.

[23] Inni immoo deebisee,“Yaadni keessan nagaa haa qabaatu, hin sodaatinaas! Waaqayyo keessan, Waaqayyo isa kan abbaa keessaniitu badhaadhummaa hin beekamne qalqala keessa isiniif kaa'e! Horiin keessan sun na ga'eera” jedhe; kana booddee Shimi'oonin gara isaaniitti gad baase.

[24] Namichi hojii mana isaa keessaa adeemsisu sun jara mana Yoseefitti ol galchee, miilla isaanii akka dhiqataniif bishaan kenneef; harroota isaaniifis nyaata kenneef.

[25] Jarri immoo achii buddeena akka nyaatan waan dhaga'aniif, harka-fuudhaa yeroo inni waareetti galutti Yoseefiif dhi'eessuuf in qopheeffatan.

[26] Yeroo Yoseef manatti galetti, jarri harka-fuudhaa isa mana keessaa of biraa qaban sana isaaf dhi'eessanii, hamma lafa ga'anittis isaaf in qoomma'an.

[27] Inni nagaa isaan gaafatee,“Abbaan keessan, jaarsichi inni isin waa'ee isaa anatti himtan nagaa dhaa” Inni lubbuudhumaan jiraa?” jedhe.

[28] Isaan immoo,“Garbichi kee, abbaan keenya nagaa dha, fayyaa dhas!” jedhaniin; ulfina isaatiifis baay'ee gad gugguufan.

[29] Inni immoo ol ilaalee, obboleessa isaa Benyaamiinin, haadhoo isaa argee,“Obbooleessi keessan inni quxisuun isin waa'ee isaa anatti himtan isa kanaa?” jedhe; mucichaan immoo,“Waaqayyo arjummaa isaa sitti haa argisiisu, ilma ko!” jedhe.

[30] Yoseef yommus obboleessa isaa argee obsuu waan dadhabeef, ariifatee gad ba'ee, lafa itti boo'u barbaade; gara kutaa mana isaatiitti galee achitti boo'e.

[31] Kana booddee fuula isaa dhiqatee as ba'ee, of qabuudhaan,“Nyaanni haa dhi'aatu!” jedhe.

[32] Isaaf qophaatti, jaraafis qophaatti, dhi'eessaniif; warri Gibxii Ibrootaa wajjin nyaachuun xuraa'ummaa waan isaanitti fakkaatuuf, Gibxoota warra Yoseef biraa nyaataniif kophaatti in dhi'eessaniif.

[33] Yommus jarri inni angafni akka angafummaa isaatti, inni quxisuun akka quxisummaa isaatti fuullee Yoseef tarreetti in taa'an; isaan dinqifatanii wal ilaalan.

[34] Yoseef maaddii isaa irraa adduma addaaf ga'aa isaa in kennisiiseef; ga'aan Benyaamiin garuu ga'aa warra kaaniitti harka shan in naanna'a ture; isaan akkasitti Yoseefii wajjin dhuganiis, isaanitti in ho'e.

Seera Uumamaa — Chapters