[1] Kana irratti Israa'el waan qabu hundumaa fudhatee ka'ee, Bersheebaa dhufee, Waaqayyo isa kan Yisihaq abbaa isaatiif aarsaa qalmaa in dhi'eesse.
[2] Waaqayyo mul'ata halkaniitti Israa'elitti,“Yaaqoob, Yaaqoob!” jedhee dubbate; inni immoo,“Kunoo asan jira” jedhe.
[3] Gooftaan,“Ani Waaqayyo, Waaqayyo isa kan abbaa keetii ti; ani achitti saba guddaa akka ati taatu waanan godhuuf, biyya Gibxiitti gad bu'uu hin sodaatin!
[4] Ani sii wajjin biyya Gibxiitti gad nan bu'a, deebisees ol sin fida; yommuu ati duutu Yoseef ija kee walitti siif in qaba” jedhe.
[5] Yaaqoob Bersheebaadhaa in ka'e; ilmaan Israa'elis Yaaqoobin abbaa isaanii, ijoollota isaanii, dubartoota isaaniis konkolaattota ittiin akka dhufaniif mootiin Gibxii ergeef in yaabsisan;
[6] Yaaqoobiif sanyiin isaa hundinuu walii wajjin horii horatan, qabeenya biyya Kana'aanitti argatan hundumaas fudhatanii gara biyya Gibxii in dhaqan.
[7] Yaaqoob akkasitti ilmaan isaa, ilmaan ilmaan isaa, intaloota isaa, intaloota ilmaan isaa, sanyii isaa hundumaas fidee biyya Gibxii in dhufe.
[8] Yaaqoobii fi ijoolleen isaa biyya Gibxii in dhaqan; kanatti aane ijoolleen Israa'el maqaa in dha'amu; ilmi Yaaqoob inni angafni Ruuben ture;
[9] ilmaan Ruuben, Henok, Faluu, Hezronii fi Karmii dha.
[10] Ilmaan Shimi'oon, Yimu'el, Yaamiin, Ohad, Yaakiin, Zohaarii fi Shaawul; Shaawulin durba warra Kana'aantu da'e.
[11] Ilmaan Lewwii, Gershoon, Qehaatii fi, Meraarii dha.
[12] Ilmaan Yihudaa, Eer, Onaan, Shelaa, Faaresii fi Zaaraa turan; Eerii fi Onaan biyya Kana'aanitti du'an; ilmaan Faares, Hezronii fi Hamul.
[13] Ilmaan Yisaakor, Tolaa, Fuwaa, Yobii fi Shimroon.
[14] Ilmaan Zebuloon, Sered, Eloonii fi Yaahile'el.
[15] Ilmaan Yaaqoob warri Liyaan haati manaa isaa Phaadaan-Aaramitti deesseef, ijoolleen ilmaan isaatiis isaan kana turan; akkasuma immoo Liyaan intala “Dhinee” jedhamtu tokko isaaf deesseetti; ijoolleen isaa warri kunii fi ijoolleen ijoollee isaa walumatti lubbuu soddomii sadii turan.
[16] Ilmaan Gaadi, Ziifiyon, Haagii, Shunii, Esbon, Erii, Arodii, Ar'elis.
[17] Ilmaan Asheer, Yiimnaa, Yishwaa, Yishwii fi Berii'aas; obboleettiin isaanii immoo Seraa; ilmaan Berii'aas, Heberii fi Malkii'el.
[18] Isaan kun ilmaan Zilfaa fi ijoollee ijoollee isheetii ti; Zilfaan ishee Laabaan intala isaa Liyaadhaaf kenne turte; ijoolleen isheen Yaaqoobiif deesse, ijoollee ijoollee ishee wajjin lubbuu kudha ja'a ta'an.
[19] Ilmaan Raahel haadha manaa Yaaqoob immoo Yoseefii fi Benyaamiin turan.
[20] Biyya Gibxiitti ilmaan lama Yoseefiif in dhalatan; isaanis Minaasee fi Efreem warra Asenaat intalli Phoxii-Feraa luba On deesseef turan.
[21] Ilmaan Benyaamiin, Bel'aa, Beker, Ashbel, Geraa, Na'aamaan, Ehii, Rosh, Mufiim, Hufiimii fi Ardi.
[22] Ilmaan Yaaqoob warri Raahel irraa dhalatan kun ijoollee isaanii wajjin walumatti lubbuu kudha afur ta'an.
[23] Ilmi Daan immoo Hushiim.
[24] Ilmaan Niftaalem, Yaahize'el, Gunii, Yezerii fi Shiilem.
[25] Isaan kun ilmaan Bilhaa fi ijoollee ijollee isheetii ti; Bilhaan ishee Laabaan intala isaa Raaheliif kenne turte; ijoolleen isheen Yaaqoobiif deesse, ijoollee ijoollee ishee wajjin walumatti lubbuu torba turan.
[26] Namoonni Yaaqoobii wajjin biyya Gibxii dhufan, dubartoota ilmaan isaa iyyuu utuu itti hin dabalin, sanyii isaa kan ta'an duwwaan lubbuu jaatamii ja'a turan.
[27] Ilmaan biyya Gibxiitti Yoseefiif dhalatan immoo lubbuu lama; walitti qabaan maatiin Yaaqoob warri gara biyya Gibxii dhufan lubbuu torbaatama guutan.
[28] Yoseef dhufa isaanii warra Gooshenitti himee akka qopheessuuf, Yaaqoob of dura Yihudaa gara isaatti erge; Yaaqoobii fi maatiin isaa akkasitti gara biyya Gooshen dhufan.
[29] Yommus Yoseef konkolaataa isaa fe'atee, Israa'elin abbaa isaa simuudhaaf gara Gooshen dhaqe; inni abbaa isaa yeroo arge, morma isaatti kufee, yeroo dheeraadhaaf in boo'e.
[30] Israa'el Yoseefiin,“Ani amma fuula kee argee fayyaatti jiraachuu kees ergan beekee, yoon du'e iyyuu du'e hin jedhu!” jedhee Yoseefitti in dubbate.
[31] Yoseef yommus obboloota isaatiin, warra mana abbaa isaatiinis,“Ani ol ba'ee mootichatti nan hima,“Obboloonni koo fi warri mana abbaa kootti warri biyya Kana'aan turan gara koo dhufaniiru;
[32] isaan namoota bushaayee tiksanii dha, duruma iyyuu horii horsiisaa turan; ammas bushaayee isaanii, saawwan isaanii, waanuma qaban hundumaas fidanii dhufaniiru” nan jedha.
[33] Mootichi isin waamee,“Hojiin keessan maali?” jedhee isin in gaafata;
[34] isin immoo,“Nuyi garboonni kee warra horii horsiisanii dha; abboonni keenya akkasuma waan turaniif, nus immoo mucummaa keenyaa jalqabnee hamma ammaatti isatti jirra” jedhaa! Warri Gibxii nama bushaayee tiksu hundumaa waan ciiga'aniif, biyya Gooshen taa'uun keessan hin oolu” jedhe.