[1] Beela isa bara Abrahaam biyyichatti bu'e malee, beelli ammas biyyichatti bu'ee ture; Yisihaqis gara mandara Geraar dhufee, Abiimelek mootii Filiisxiyaa bira dhaqe.
[2] Waaqayyo yommus Yisihaqitti mul'atee,“Biyya ani sitti himu keessa taa'i malee, biyya Gibxiitti gad hin bu'in!
[3] Biyya kanatti galaa ta'ii jiraadhu! Ani sii wajjin nan ta'a, sin eebbisas; anoo biyya kana hundumaa siif, sanyii keetiifis nan kenna; waanan kakuudhaan Abrahaam abbaa keef dhaabe nan jabeessa.
[4] Sanyii kee akka urjoota waaqaa nan baay'isa, lafa kana hundumaas sanyii keetiif nan kenna; sabni lafa irraa hundinuus sanyii keetiin in eebbifamu;
[5] Abrahaam dubbii koo waan dhaga'eef, ajaja koo, abboommii koo, seerrata koo, seera koos waan eegeef, ani kana siif nan jabeessa” jedhe.
[6] Akkasitti Yisihaq Geraar keessa in jiraate.
[7] Namoonni iddoo sanaa waa'ee haadha manaa isaatii yommuu isa gaafatan,“Isheen obboleettii koo ti” jedhe; isheen ija namaatti waan toltuuf, namoonni iddoo sanaa Ribqaaf jedhanii ana in ajjeesu jedhee yaade; kanaaf,“Isheen haadha manaa koo ti” jechuu in sodaate.
[8] Erga inni guyyaa baay'ee achi turees, gaaf tokko Abiimelek mootiin Filiisxiyaa karaa saaqaa manaa gad ilaale; Yisihaq kunoo, Ribqaa haadha manaa isaati utuu rigatuu arge.
[9] Innis Yisihaqin waamsisee,“Kunoo! Isheenoo haadha manaa kee ti! Attamitti,“Isheen obboleettii koo ti” jette ree?” jedhee isa gaafate; Yisihaqis deebisee,“Sababii isheef akkan hin duuneef kana nan jedhe” jedhe.
[10] Abiimelek,“Wanti ati nu irratti hojjette kun maali” Namoota keessaa tokko haadha manaa kee wajjin ciisuuf hamma xinnootti hafe; kanaanis yakka mataa keenya irratti in fidda turte” jedhe.
[11] Kana irratti Abiimelek abboommii baasee,“Eenyu illee namicha kana, haadha manaa isaas tuqee yoo argame, tokkichumaan haa ajjeefamu!” jedhee namoota hundumaa akeekkachiise.
[12] Yisihaq biyya sana midhaan facaasee, wagguma sana keessa dachaa dhibba in galfate; Waaqayyos isa in eebbise;
[13] inni hamma baay'ee nama guddaa ta'utti, ittuma guddachaa adeeme.
[14] Sababii inni hojjetoota baay'ee, bushaayee, saawwanis qabuuf, warri Filiisxiyaa isatti hinaafan.
[15] Kanaaf isaan boolla isa Abrahaam abbaan isaa utuma jiruu hojjetoonni isaa qotanii bishaan baasanii turan hundumaa duuchanii, biyyoo itti guutan.
[16] Abiimelekis Yisihaqiin,“Ati nu caalaa baay'ee jabaatteetta, nu gidduudhaa adeemi!” jedhe.
[17] Yisihaq kana irratti achii adeemee, godoo isaa dachaa Geraar keessa dhaabbatee, achi in taa'e.
[18] Yisihaqis boolla bishaanii isa hojjetoonni bara Abrahaam abbaa isaa qotanii, warri Filiisxiyaa immoo erga Abrahaam du'e duuchan, deebisee qochisiise; maqaa dur abbaan isaa itti moggaasee tures in deebiseef.
[19] Hojjetoonni Yisihaqis dachaa sana keessa qotanii burqituu bishaanii achitti argatan.
[20] Tiksoonni warra Geraar,“Bishaan kun kan keenya” jedhanii, tiksoota Yisihaqitti qocolloo kaasan; sababii isaan bishaanicha isatti falmaniif, Yisihaq maqaa boolla bishaanichaa “Eseeq” jedhee moggaase; [“Eseeq” jechuun “Falmaa” jechuu dha].
[21] Kana booddees hojjetoonni isaa boolla bishaanii kan biraa in qotan; isa irrattis immoo warri Geraar qocolloo in kaasan; Yisihaqis bishaanicha “Sixinaa” jedhee moggaase; [“Sixinaa” jechuun “Hamajaajii” jechuu dha].
[22] Yommus Yisihaq achii adeeme, boolla bishaanii kan biraa qochisiise, isa irratti garuu namni qocolloo hin kaafne; kana irratti inni,“Amma Waaqayyo iddoo bal'aa nuuf kenneera, nuyis biyyicha keessatti in baay'anna” jedhee maqaa boollichaa Rehobotitti moggaase; [“Rehobot” jechuun “Bal'ina” jechuu dha].
[23] Kana booddee Yisihaq iddoo sanaa ka'ee, mandara Bersheebaatti ol ba'e;
[24] Waaqayyo gaafuma sana halkan isatti mul'atee,“Ani Waaqayyo isa kan abbaa kee Abrahaam; ani sii wajjinan jira, ati immoo hin sodaatin! Garbicha koo Abrahaamiif jedhee sin eebbisa, sanyii kees nan baay'isa!” jedhe.
[25] Yisihaqis achitti iddoo aarsaa ijaaree, maqaa Waaqayyoo in waammate; godoo isaa achi dhaabbatee, hojjetoonni isaas boolla bishaanii in qotan.
[26] Gaaf tokko Abiimelek, Ahuzaat gorsituu isaa, Fikool abbaa duulaa isaa wajjin mandara Geraarii ba'ee Yisihaq bira in dhufe.
[27] Yisihaq isaaniin,“Ana jibbitanii of gidduudhaa erga na baaftanii, maaliif na bira dhuftan?” jedhe.
[28] Isaan immoo deebisanii,“Waaqayyo sii wajjin akka jiru ba'eessa goonee argineerra; kanaaf waliif kakachuudhaan walii galtee dhaabuu in yaadne;
[29] ati amma Waaqayyoon eebbifamteetta! Akkuma nuyi utuu si hin tuqin, gaarii malees homaa utuu si irratti hin hojjetin nagaadhaan gad si dhiifne, atis hamaa nu irratti hin hojjetin!” jedhan.
[30] Yisihaq nyaata isaaniif qophaa'e in dhi'eessiseef; isaanis in nyaatan, in dhuganis.
[31] Borumtaas bariidhaan ka'anii erga waliif kakatanii booddee, Yisihaq isaan geggeesse; isaanis nagaadhaan isa biraa ka'anii in adeeman.
[32] Gaafuma sana hojjetoonni Yisihaq dhufanii, waa'ee boolla bishaanii isa qotanii isatti himanii,“Nuyi bishaan arganneerra” jedhan.
[33] Innis boolla bishaanichaa “Sheebaa” jedhee moggaase; [“Sheebaa” jechuun “Kakaa” jechuu dha]; maqaan mandara sanaas sababii kanaaf hamma har'aatti“Bersheebaa” jedhamee beekame.
[34] Esaawuun waggaa afurtama erga jiraatee, Yodiit intala Berii nama gosa Heet akkasumas Basmaat intala Eloon nama gosa Heet in fuudhe.
[35] Isaanis Yisihaqiif Ribqaa garaa guban.