Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 7:59

[1] Yaaqoob yommus biyya Gibxii midhaan akka jiru baree ilmaan isaatiin,“Maaliif calluma jettanii wal ilaaltu”

[2] Biyya Gibxii midhaan akka jiru dhaga'eera, nuyi du'a akka oolluuf, gad bu'aatii achii midhaan nuuf bitaa!” jedhe.

[3] Obboloonni Yoseef kudhan ta'anii, midhaan bituudhaaf gara biyya Gibxiitti gad bu'an.

[4] Yaaqoob wanti hamaan akka isa irra hin geenyeef jedhee, Benyaamiinin obboleessa Yoseef obboloota isaa warra kaanii wajjin hin ergine.

[5] Biyya Kana'aan keessa beelli waan tureef, ijoolleen Israa'el warra midhaan bituu dhaqan sana keessa turan.

[6] Biyya Gibxii hundumaa inni bulchu, namoota biyya hundumaattis inni midhaan gurguru Yoseef ture; obboloonni Yoseefis dhufanii isa duratti dhi'aatanii, hamma mataan isaanii lafa ga'utti in qoomma'aniif.

[7] Yoseef yommuu isaan arge, obboloota isaa akka ta'an in bare; garuu akka nama isaan hin beeknetti afaan jabaa isaanitti dubbate; itti fufees,“Isin eessaa dhuftan?” jedhe; isaan immoo deebisanii,“Nuyi midhaan bitachuudhaaf biyya Kana'aanii dhufne” jedhan.

[8] Yoseef illee obboloota isaa bareera, isaan garuu isa hin barre.

[9] Yoseef abjuu isa waa'ee isaaniif abju'atee ture yaadatee isaaniin,“Isin gaadduu dha, biyyichi banamaa ta'uu isaa ilaaluudhaaf dhuftan” jedhe.

[10] Isaan immoo deebisaniifii,“Lakkii! Yaa gooftaa, nuyi garboonni kee midhaan bituu dhufne;

[11] nuyi hundumti keenya ilmaan abbaa tokkoo ti; nuyi garboonni kee namoota amanamoo dha malee, gaadduu miti” jedhan.

[12] Inni immoo isaaniin,“Lakkii! Biyyichi banamaa ta'uu isaa ilaaluudhaaf dhuftan” jedhe.

[13] Isaanis deebisanii,“Nuyi garboonni kee obbolaan kudha lamaanuu ilmaan nama biyya Kana'aan tokkoo ti. Ilaa! Obbooleessi keenya inni quxisuun amma abbaa keenya bira jira, inni tokko immoo hin jiru” jedhan.

[14] Yoseef immoo isaaniin,“Egaa akkuma ani isinitti dubbadhe ta'e; isin gaadduu dha!

[15] Isin amma kanaan qoramtanii in ilaalamtu; obboleessi keessan inni quxisuun hamma as dhufutti, mootiin haa du'u, asii hin baatan!

[16] Egaa of keessaa nama tokko ergaa, inni dhaqee obboleessa keessan haa fidu! Isin immoo wanti isin dubbattan dhugaa ta'uun isaa qoramee hamma ilaalamutti in hidhamtu; dubbiin keessan soba yoo ta'e garuu, mootiin haa du'u, isin gaadduu dha” jedhe.

[17] Hundumti isaanii iddoo tokkotti guyyaa sadii fi akka eegaman godhe.

[18] Guyyaa sadaffaattis Yoseef isaaniin,“Ani Waaqayyoon nan sodaadha, jireenya keessan oolfachuudhaaf wanta ani isinitti himu godhaa!

[19] Erga namoota amanamoo taatanii, obboleessi keessan tokko mana isin amma itti eegamtan kanatti haa hidhamu, isin immoo maatii keessan warra manaa beela'aa jiraniif midhaan fuudhaa dhaqaa!

[20] Obbooleessa keessan isa quxisuu na bira fidaa! Kanaan wanti isin dubbattan kun dhugaa ta'uun isaa in beekama, isinis du'a in ooltu” jedhe; isaanis akkuma inni isaanitti hime in godhan.

[21] Walii isaaniitiin immoo,“Nuyi dhuguma obboleessa keenyatti balleessineerra; lubbuun isaa isa keessatti dhiphachuu isaa utuma arginuu, utuma inni nu kadhatuus isa dhaga'uu dinne; kanaaf dhiphinni kun nutti dhufe” jedhan.

[22] Ruuben kana irratti isaaniin,“Ani,“Mucicha hin yakkinaa!” isiniin hin jennee” Isin garuu dhaga'uu in diddan; ammas kunoo, dhiigni isaa nu irraa in barbaadama” jedhe.

[23] Namni isaan gidduu dhaabatee afaan hiiku waan tureef, Yoseef akka isaan dhaga'u isaan hin barre.

[24] Yommus Yoseef isaan irraa achi gara galee in boo'e; deebi'ees isaanitti gara galee isaanitti in dubbate; isaan keessaa Shimi'oonin qabsiisee ija isaanii duratti in hiisise.

[25] Yoseef kana booddee qalqala isaanii midhaan guutanii, horii isaaniis deebisanii adduma addaan qalqala isaanii keessa akka kaa'aniif, karaadhaafis galaa akka kennaniif in abboome; warri abboomamanis kana isaaniif in godhan.

[26] Obbolaan Yoseef midhaan isaanii harree isaaniitti fe'atanii achii in adeeman.

[27] Lafa bulanitti isaan keessaa inni tokko harree isaatiif nyaata kennuudhaaf qalqala isaa hiikee, kunoo, horii ittiin midhaan bite afaan qalqala isaa keessatti in arge.

[28] Inni obboloota isaatiin,“Horiin koo anaaf deebi'eera; ilaa, inni qalqala keessa jira” jedhe; kana irratti garaan isaanii baqaqe, hollachaas walii isaaniitiin,“Wanti Waaqayyo nutti fide kun maali?” jedhan.

[29] Yommus isaan biyya Kana'aan Yaaqoob abbaa isaanii bira dhufanii, wanta isaan irra ga'e hundumaa isatti in himan.

[30] Isaan,“Namichi inni biyya sana irratti gooftummaa qabu, warra biyya gaadan nu se'ee, afaan jabaa nutti dubbate.

[31] Nuyi garuu,“Nuyi namoota amanamoo dha malee gaadduu miti,

[32] nuyi obbolaan kudha lama ilmaan abbaa tokkoo ti; kudha lama keessaa inni tokko hin jiru, inni quxisuun immoo amma abbaa keenya bira biyya Kana'aan jira” ittiin jenne.

[33] Namichi inni biyya sana irratti gooftummaa qabu sun immoo,“Amanamoo ta'uu keessan akkan ittiin beekutti, obboleessa keessan tokko ana biratti hambisaatii, isin maatii keessan warra manaa beela'aa jiraniif midhaan fuudhaa dhaqaa!

[34] Obbooleessa keessan isa quxisuu ana bira fidaa! Ani kana irratti isin namoota amanamoo malee, gaadduu akka hin ta'in, nan beeka; obboleessa keessan isa asitti hafes gad isiniif nan dhiisa, isinis biyyicha keessa asii fi achi adeemtanii in nagaddu” nuun jedhe” jedhan.

[35] Isaan qalqala isaanii keessaa yommuu gara galchan immoo kunoo, horiin isaanii adduma addaan akka gudunfametti qalqala tokko tokko isaa keessatti argame; isaan, abbaan isaaniis horii isaanii akka gudunfametti yommuu argan in na'an.

[36] Kana irratti Yaaqoob abbaan isaanii,“Ijoollee malee na hambiftan, Yoseef hin jiru, Shimi'oon hin jiru, Benyaamiinin immoo fudhachuuf jettu; kun hundinuu anuma irratti in raawwatame” isaaniin jedhe.

[37] Ruuben yommus abbaa isaatiin,“Ani mucicha deebisee gara keetti yoon fiduu dhabaadhe, ati ilmaan koo lamaan ajjeesuu in dandeessa; harka isaa qabii anatti kenni, anis harka keetti isa nan deebisa” jedhe.

[38] Yaaqoob garuu,“Ilmi koo isinii wajjin gad hin bu'u, obboleessi isaa du'eera, tokkicha kana duwwaatu hafe; karaa isin irra adeemtan iratti wanti hamaan yoo isa irra ga'e, dulluma koo keessa gaddaan gara iddoo lafa jalaatti akkan gad bu'u in gootu” jedhe.

Seera Uumamaa — Chapters