[1] Raahel ofii isheetii Yaaqoobiif ijoollee akka hin godhatin argitee, obboleettii isheetti in hinaafte; Yaaqoobiin immoo,“Ijoollee anaaf kenni, kanaa achi nan du'a!” jette.
[2] Yaaqoob yommus Raahelitti aaree boba'ee,“Anatu iddoo Waaqayyoo isa dhala si dhowwatee bu'ee ree?” jedhe.
[3] Raahel kana irratti Yaaqoobiin,“Bilhaa xomboreen koo kunoo ti! Isheen iddoo koo taatee anaaf deesse, ani immoo nama maqaa koo kaasu ishee irraa akkan argadhutti, ishee bira dhaqi!” jette,
[4] Bilhaa xomboree ishee akka haadha manaatti Yaaqoobiif in kennite; innis ishee bira ga'e.
[5] Bilhaanis ulfooftee Yaaqoobiif ilma deesse.
[6] Raahelis,“Waaqayyo dhugaa anaaf baaseera, sagalee himata koo dhaga'ee, ilma anaaf kenneera” jette; kanaafis maqaa isaa Daanitti in moggaafte.
[7] Bilhaa xomboreen Raahel ammas ulfooftee, Yaaqoobiif lammaffaa ilma deesse.
[8] Raahel kana irratti,“Ani jabeessee obboleettii koo wal'aansoo qabee, ishees harka nan caale” jettee, maqaa isaa Niftaalemitti in moggaafte.
[9] Liyaan garaan ishee akka dhaabate yommuu argite, Zilfaa xomboree ishee fuutee, akka haadha manaatti Yaaqoobiif in kennite.
[10] Zilfaan xomboreen Liyaas Yaaqoobiif ilma deesse.
[11] Liyaanis,“Maal ayyaanni akkasii!” jettee, maqaa isaa Gaaditti moggaafte.
[12] Zilfaa xomboreen Liyaa dabaltee Yaaqoobiif ilma in deesse.
[13] Liyaanis,“Attam nan gammade! Dubartoonnis “Baga gammadde!” naan jedhu” jettee, maqaa isaa Asheeritti in moggaafte.
[14] Yeroo qamadiin itti haamamutti Ruuben gaaf tokko bakkeetti ba'ee, ija mukaa “Hawwa jaalalaa kaasa” jedhamee beekame argatee, Liyaa haadha isaaf in geesse; Raahelis Liyaadhaan,“Ija mukaa ilmi kee fide sana irraa mee anaaf kenni!” jette.
[15] Liyaanis isheedhaan,“Inni ati abbaa manaa koo ana irraa fudhate sitti xinnaannaan, ija mukaa ilmi koo fide sana immoo fudhachuu kajeeltee?” jette; Raahel immoo,“Egaa qooda ija mukaa isa anaaf kennitu kanaa Yaaqoob edana si bira haa bulu!” jette.
[16] Galgala sana Yaaqoob lafa maasiitii utuu galuu, Liyaan gad itti baatee,“Ani ija mukaa ilmi koo fideen dugda si bitadheera; kanaaf ana bira dhufuutu siif ta'a!” jette; Yaaqoobis halkan sana ishee bira in bule.
[17] Waaqayyo immoo Liyaadhaaf in dhaga'e; isheenis ulfooftee Yaaqoobiif ilma shanaffaa deesse.
[18] Liyaan,“Ani xomboree koo abbaa manaa koof kenninaan, Waaqayyo gatii koo anaaf kenne” jettee, maqaa isaa Yisaakoritti moggaafte.
[19] Liyaan ammas ulfooftee Yaaqoobiif ilma ja'affaa deesse,
[20] “Waaqayyo kennaa gaarii anaaf kenneera, egaa ani ilma ja'a abbaa manaa koof waanan da'eef, inni si'achi ulfina anaaf in kenna!” jette; maqaa mucichaa immoo Zebuloonitti moggaafte.
[21] Isheen kana booddee durba deessee, maqaa ishee“Dhinee” jettee moggaafte.
[22] Waaqayyos Raahelin yaadatee, isheedhaaf dhaga'ee, dhala godhachuu ishee in dandeessise.
[23] Isheen ulfooftee ilma deessee,“Waaqayyo, wanta ani ittiin arrabsamaa ture ana irraa fuudhe” jette.
[24] Isheen,“Waaqayyo ilma kan biraa anaaf haa dabalu!” jechuudhaan, maqaa isaa Yoseef jettee in moggaafte.
[25] Raahel erga Yoseefin deessee, Yaaqoob immoo Laabaaniin,“Gara iddoo taa'umsa koo, gara biyya koos akkan dhaquuf gad na dhiisi!
[26] Ani hojii attamii akkan siif hojjedhe ati iyyuu beekta; ammas ani nan adeemaatii dubartoota koo fi ijoollee koo warra ani isaaniif jedhee siif hojjechaa ture anaaf kenni!” jedhe.
[27] Laabaan deebisee Yaaqoobiin,“Kun faara tolaadhaan yoo ta'e, ani kanaan dura iyyuu Waaqayyo sababii keef jedhee akka ana eebbise hooda arguudhaan bira ga'eera” jedhe.
[28] Itti dabalees,“Amma gatii dadhabbii keetti anatti himadhu, anis isa siifan kenna” jedhe.
[29] Yaaqoob immoo Laabaaniin “Hammam akkan siif hojjedhe, horiin kees ana biratti hammam akka eegamte, ati ofii keetii iyyuu beekta;
[30] si bira dhufuu koo dura horii muraasa qabda turte, amma garuu wal hortee baay'atteetti; lafuma miilli koo ga'etti Waaqayyo si eebbiseera; maatii koofis immoo yoom waa godhu ree?” jedhe.
[31] Laabaan deebisee,“Maal siif kennu ree?” jedhee isa gaafate; Yaaqoob immoo,“Isa ani sitti himachuudhaaf jedhu kana yoo anaaf goote, kana malee waan tokko iyyuu anaaf kennuu si hin barbaachisu; yoo akkas ta'e, ani deebi'ee bushaayee kee nan tiksa, nan eegas,
[32] har'a immoo ani bushaayee kee hundumaa keessa nan darba; hoolota keessaa warra xiiffee, bubburree, ilmoolee guguraa hundumaas, re'oota keessaas warra bubburree fi xiiffee addaan nan baasa; warri akkasii kun gatii dadhabbii kootii anaaf haa ta'an!
[33] Amanamummaan koo bor anaaf dhugaa in ba'a; ati waa'ee gatii dadhabbii ani si biraa qabuuf yommuu dhuftu, re'oota keessaa warra xiiffee fi bubburree, ilmoolee hoolaa warra guguraa hin ta'inis ana biratti yoo argite, akka waan hatamaniitti haa ilaalaman!” jedhe.
[34] Yommus Laabaan,“Tole, akkuma ati jette haa ta'u!” jedhe.
[35] Gaafuma sanas Laabaan korbeeyyii reettii warra qaxxaamurroo, warra xiiffee, re'oota dhaltuu warra xiiffee, warra bubburree, warra adii dhagnattii qaban hundumaa, ilmoolee hoolaa warra guguraa hundumaas fuudhee ilmaan isaa harka galche.
[36] Inni adeemsa guyyaa sadii Yaaqoob biraa in fagaate; Yaaqoob immoo bushaayee Laabaan warra hafan sana in tikse.
[37] Yaaqoobis ulee muka garaa garaa akka ulmaayyii, mixoo, sootalloo muree, darbee darbees qola irraa quncisuudhaan in bubburreesse; inni irraa qunca'es adiin isaa akka mul'atu godhe.
[38] Inni yeroo bushaayeen bishaan dhuguu dhufanitti, ulee darbee darbee qolli irraa quncifame sana fuula isaanii dura bidiruu bushaayeen keessaa dhugan keessa in dhadhaabe; bushaayeen bishaan dhuguu dhufan kunis korbeessa kajeelanii argaman.
[39] Bushaayeen sunis uleewwan sana utuu ilaalanii in ari'an; booddees ilmoolee qaxxaamurroo, xiiffee, bubburrees in dhalan.
[40] Yaaqoob ilmoolee kana kophaatti baasee, bushaayeen Laabaanis warra qaxxaamurroo fi warra guguraa kana hundumaa akka ilaalan in godhe; ilmoolee warra kophaatti baase kanas, karra ofii isaatii godhatee addaan baase malee, bushaayee Laabaanitti hin daballe.
[41] Yeroo bushaayee warri jajjaboonni itti korbeessa kajeelanitti, isaan uleewwan sana biratti akka ari'aniif, uleewwan sana bidiruu keessa lafa isaan of duratti argan in dhadhaabe.
[42] Bushaayee warra dadhaboo dura garuu, uleewwan sana hin dhaabne; egaa warri dadhaboonni kan Laabaan, warri jajjaboonni kan Yaaqoob ta'an.
[43] Yaaqoob akka kanatti safara malee in hore, hojjetoota dubartii fi dhiira, bushaayee baay'ee, gaalota, harrootas in argate.