[1] Ijoolleen Yaaqoob isa Israa'el jedhame, warri maatii isaanii fudhatanii Yaaqoobii wajjin biyya Gibxiitti gad bu'an maqaan isaanii kanatti aanee jira;
[2] Ruuben, Shimi'oon, Lewwii, Yihudaa,
[3] Yisaakor, Zebuloon, Benyaamiin,
[4] Daan, Niftaalem, Gaadi, Asheer.
[5] Sanyiin Yaaqoob kun lubbuu torbaatama turan; Yoseef duraan iyyuu biyya Gibxii ture.
[6] Barri isaanii genyaan Yoseef, obboloonni isaa hundinuu, dhaloonni bara sana keessa turan hundinuus in du'an.
[7] Sanyiin Israa'el warri achitti hafan garuu wal horanii, baay'atanii, gurmuu baay'ifatanii, guddaa jabaatanii biyyicha in guutan.
[8] Ergasii immoo mootiin haaraan Yoseefin hin beekne tokko biyya Gibxii irratti in mo'e.
[9] Mootichi saba isaatiin,“Ilaa! Namoonni Israa'el kun guddaa baay'atanii nutti jabaataniiru.
[10] Egaa isaan kana caalaa akka hin baay'anne gochuudhaaf, kottaa afchaalummaadhaan isaan in qabannaa; kanaa achi lolli yoo ka'e diina keenya bira goranii, nu lolanii biyya keessaa in ba'u” jedhe.
[11] Kanaaf warri Gibxii namoota Israa'el hojii jabaadhaan gad qabanii, humnaan akka hojjechiisaniif namoota itti godhan; warri Israa'elis mandaroota gombisaa midhaanii Fiitoomii fi Raamsesin Fara'ooniif innis mootii warra Gibxiif in ijaaran.
[12] Danuudhuma warri Gibxii gad isaan qaban keessaa, warri Israa'el immoo caalaa baay'atanii, lafa guutan; kana irraa kan ka'e warri Gibxii jabeessanii isaan in sodaatan.
[13] Warri Gibxii Israa'elootatti hammaatanii akka garbaatti isaan hojjechiifatan.
[14] Suphee isaan kuchisiisuudhaan, xuuphii isaan tolchisiisuudhaan, hojii garaa garaa maasii keessaa hojjechiisuudhaanis hojii isaanitti ulfaachisanii jireenya itti hadheessan; hojii kana hundumaa hojjechiisuudhaan isaanitti in hammaatan.
[15] Yommus mootiin Gibxii deessiftuu dubartoota Ibrootaa warra “Siifraa fi Phuwaa” jedhamaniin,
[16] “Dubartoota warra Ibrootaa yommuu deessiftan, akkuma mucaan dhalateen dhiira ta'ee fi durba taatee ishee ilaalaa! Dhiira yoo ta'e ajjeesaa! Durba yoo taate garuu jireenyatti hambisaa!” jedhe.
[17] Deessiftoonni sun garuu Waaqayyoon waan sodaataniif, akka mootiin Gibxii isaan abboome hin goone; mucooliin dhiiraas akka jiraatan godhan.
[18] Mootiin Gibxii yommus deessiftoota sana waamsisee,“Maaliif dubbii kana balleessitanii, mucooliin dhiiraa akka jiraatan gootan?” isaaniin jedhe.
[19] Deessiftoonni sun immoo mootichaan,“Dubartoonni warra Ibrootaa akka dubartoota warra Gibxii miti; isaan jireenya isaaniiti jajjaboo dha, deessiftoonni utuu isaan bira hin ga'in da'anii in eegu” jedhan.
[20] Waaqayyo immoo deessiftoota sanaaf gaarii godhe; namoonni Israa'elis baay'atanii guddaa in jabaatan.
[21] Warri deessiftuun Waaqayyoon waan sodaataniif inni immoo mana isaan godhachiise.
[22] Kana irratti mootichi saba isaa hundumaa abboomee,“Ijoollee dhiiraa warra Ibrootaa hundumaa akka dhalataniin bishaan Abbayyaa keessa buusaa, ijoollee durbaa isaanii immoo jireenyatti hambisaa!” jedhe.