Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:22

[1] Addaam, Hewwaan haadha manaa isaa bira ga'e; isheenis ulfooftee ilma Qaayin jedhamu deessee,“Ani gargaarsa Waaqayyootiin nama tokko godhadheera” jette;

[2] itti dabaltees obboleessa isaa Abeelin deesse; Abeel tiksituu hoolaa ta'e, Qaayin garuu qottuu ta'e.

[3] Guyyaa baay'ee booddee Qaayin wanta lafa irraa galfate irraa Waaqayyoof kennaa dhi'eesse;

[4] Abeelis immoo hoolota isaa keessaa warra dura dhalatan qalee cooma isaanii aarsaa dhi'eesse; Waaqayyo gara Abeelii fi gara qalma isaa faara tolaadhaan in ilaale.

[5] Gara Qaayinii fi gara kennaa isaa garuu faara tolaadhaan hin ilaalle; kana irratti Qaayin aaree boba'ee, mataa buuse.

[6] Waaqayyo yommus Qaayiniin,“Maaliif aartee bobaate” Maaliifis mataa buufte”

[7] Wanta gaarii utuu hojjettee, ol jetta turte mitii ree” Wanta gaarii hin hojjettu yoo ta'e garuu, cubbuun balbala kee dura riphee si eeggata, si argachuus in kajeela; ati garuu isa irratti aboo godhadhu!” jedhe.

[8] Qaayin obboleessa isaa Abeelii wajjin in dubbate; erga gara bakkeetti ba'aniis Qaayin obboleessa isaa Abeel irratti ka'ee isa ajjeese.

[9] Waaqayyo yommus,“Abeel obboleessi kee eessa jira?” jedhee Qaayinin gaafate; inni immoo deebisee,“Ani hin beeku, obboleessa koo natu eegaa?” jedhe.

[10] Kana irratti Waaqayyo,“Wanti ati goote kun maali” Dhiigni obboleessaa keetii lafaa natti in iyyata.

[11] Ammas ati abaaramaa dha! Lafa isa dhiiga obboleessaa keetii afaan bane akka dhugu goote sana irraa in ari'atamta.

[12] Lafa yeroo qottu deebi'ee midhaan siif hin baasu; biyya lafaa irrattis nama jooraa, nama lafa dhaqu hin qabnes in taata” jedhe.

[13] Qaayin deebisee Waaqayyoon,“Adabamuun koo isa ani baachuu danda'u gara irraa ta'e.

[14] Kunoo! Ati har'a lafa maasii koo irraa na ariiteetta, fuula kee duraas dhokachuun na irra jira; ani lafa irratti nama jooraa, nama lafa dhaqu hin qabnes nan ta'a; namni na arge hundinuus ana in ajjeesa” jedhe.

[15] Kana irratti Waaqayyo,“Akkas miti, nama Qaayinin ajjeese irraa gumaan dachaa torbaa in barbaadama!” jedheen; kana booddee Waaqayyo, namni Qaayinin arge rukutee akka hin ajjeefneef, milikkita itti godhe.

[16] Qaayinis fuula Waaqayyoo duraa ba'ee, Eeden gara ba'a-biiftuu biyya itti jooraa hafetti gale.

[17] Qaayin haadha manaa isaa bira ga'e; isheenis ulfooftee ilma in deesse; maqaan isaas “Henok” jedhame; Qaayin mandara tokko ijaaree, mandarichas maqaa ilma isaa Henokitti moggaase.

[18] Henok, Iraadin godhate; Iraad, Mahuyaa'elin dhalche, Mahuyaa'el, Maatushaa'elin dhalche, Maatushaa'el immoo Laamekin dhalche.

[19] Laamek dubartoota lama fuudhe; maqaan ishee tokkoo Aadaa, maqaan ishee kaanii immoo Xiilaa ture.

[20] Aadaan, Yaabaalin deesse; inni abbaa sanyii warra godoo keessa jiraatanii horii horsiisanii ture.

[21] Maqaan obboleessa isaa immoo Yubaal ture; inni immoo abbaa sanyii warra kiraara rukutanii fi ulullee afuufanii ture.

[22] Xiilaa immoo Tubaal-Qaayinin deesse; warri sibiila borrajjii fi sibiila gurraacha tuman hundinuu isa irraa baran; obboleettiin Tubaal-Qaayinis Naa'imaa turte.

[23] Laamek yommus dubartoota isaatiin, “Yaa Aadaa, yaa Xiilaa! Sagalee koo dhaga'aa! Yaa dubartoota Laamek, waan ani jedhu dhaggeeffadhaa! Namni yoo na madeesse, dargaggeessi yoo na dirmammeesses, ani isa nan ajjeesa;

[24] gumaan Qaayin dachaa torba erga ta'ee, gumaan Laamek dachaa torbaatamii torba in ta'a” jedhe.

[25] Addaam ammas haadha manaa isaa bira ga'e; isheenis ilma deessee, maqaa isaa “Sheet” jettee moggaafte; kana irratti,“Iddoo Abeel isa Qaayin ajjeese Waaqayyo dhala kan biraa naaf buuse” jette; (“Sheet” jechuun “Iddoo buusuu” jechuu dha).

[26] Sheetiifis ilmi in dhalate, innis maqaa isaa “Enosh” jedhee moggaase; bara sana namoonni Waaqayyoon maqaadhaan waammachuu jalqaban.

Seera Uumamaa — Chapters