[1] Waaqayyo Nohii fi ilmaan isaa in eebbise; inni isaaniin,“Horaa, baay'adhaa, lafas guutaa!
[2] Surraan keessan bineensa lafaa hundumaa, warra qilleensa keessa balali'an, waanuma lafa irra munyuuqu, qurxummii galaanaas hundumaa haa sodaachisu, haa naasisus! Isaan harka keessanitti kennamaniiru.
[3] Wanti jiraatee socho'u hundinuu nyaata isiniif haa ta'u! Akkuman biqila lalisaa isiniif kenne, isaan kana hundumaas isiniif kenneera.
[4] Garuu foon lubbuun keessa jiru, kana jechuunis dhiigni isaa utuu keessa jiruu hin nyaatinaa!
[5] Ani lubbuu keessan eeguudhaaf dhiiga keessan bineensa harkaa, nama harkaas nan barbaada; lubbuu namaa, harka nama akka isaatii keessaa nan barbaada.
[6] Ani Waaqayyo nama akka bifa kootti waanan uumeef, namni dhiiga namaa dhangalaasu, dhiigni isaa harka namaatiin in dhangalaafama.
[7] Isin immoo horaa, baay'adhaa, lafa guutaa, irratti baay'adhaas!” jedhe.
[8] Waaqayyo kana booddees Nohiin, isaa wajjin kan turan, ilmaan isaatiinis,
[9] “Kunoo, ani isinii fi sanyii keessan warra isin booddee wajjin kakuu nan gala;
[10] akkasumas uumama lubbuu qabaatee jiraatee isinii wajjin argamu hundumaa, simbira, allaattii, horii qe'ee, bineensa caakkaa isinii wajjin jiru hundumaa, hamma markabicha keessaa ba'an hundumaa wajjin kakuu nan gala.
[11] Si'achi deebi'ee foon kan uffate hundinuu bishaan badiisaatiin lafa irraa akka hin balleeffamneef, ani isinii wajjin kakuu galeera; si'achis lafa balleessuudhaaf lolaan akkasii deebi'ee hin lola'u” jedhe.
[12] Waaqayyo,“Kakuu ani ofii kootii isinii fi, uumama lubbuu qabaatee jiraatee isinii wajjin argamuuf, dhaloota dhufu hundumaafis dhaabe kanaaf milikkita nan kenna;
[13] ani sabbata koo duumessa keessa nan kaa'a, innis milikkita kakuu anaa fi biyya lafaa gidduutti ta'ee ti;
[14] yeroo ani, duumessi lafa irratti akka duumessaa'u godhee, sabbatichi immoo duumessoota keessaan mul'atu,
[15] yommus ani kakuu isa ani isinii fi, uumama lubbuu qabaatee foon uffatee jiraatu hundumaa wajjin gale nan yaadadha; waan foon uffate hundumaa balleessuudhaafis bishaan badiisaa deebi'ee hin ta'u.
[16] Yeroo sabbatichi duumessoota keessa jirutti, ani isa ilaalee, kakuu bara baraa isa ana Waaqayyoo fi uumama lubbuu qabaatee, foon uffatee lafa irra jiraatu hundumaa gidduutti dhaabate nan yaadadha” jedhe.
[17] Waaqayyo yommus Nohiin,“Milikkinni kakuu ani ofii koo fi waan foon uffatee lafa irra jiraatu hundumaa gidduutti dhaabe isa kana” jedhe.
[18] Ilmaan Nohi warri markabicha keessaa ba'an, Seem, Kaamii fi Yaafet turan; Kaam abbaa Kana'aan ture;
[19] isaan kun sadan ilmaan Nohi turan; namoonni isaan kana irraa argamanii guutummaa lafaa irra in tamsa'an.
[20] Nohi inni qottuun iddoo dhaabaa waynii hojjetachuuf isa jalqabaa ta'e;
[21] inni daadhii waynichaa irraa dhugee machaa'ee, qullaa isaa dunkaana isaa keessa in ciise;
[22] Kaam abbaan Kana'aan immoo qullaa abbaa isaa argee, obboloota isaa lamaan warra bakkee turanitti in hime.
[23] Seemii fi Yaafet wayyaa fuudhanii gatiittii isaanii lamaan irra buufatanii, dugda duubaan adeemanii qullaa abbaa isaanii in dhoksan; fuulli isaanii irraa gara galee waan tureef, qullaa abbaa isaanii hin argine.
[24] Nohi irraa machiin daadhii waynii isaatii erga galee booddee, waan ilmi isaa inni xinnaan isa irratti hojjete in bare;
[25] kana irratti, “Kana'aan abaaramaa haa ta'u, obboloota isaatiifis garba garbootaa haa ta'u!” jedhe.
[26] Akkasumas,“Waaqayyo gooftichi inni kan Seem haa jajamu! Kana'aan immoo garbicha Seem haa ta'u!
[27] Waaqayyo daarii Yaafet haa bal'isu! Yaafet godoowwan Seem keessa haa jiraatu, Kana'aan immoo garbicha isaa haa ta'u!” jedhe.
[28] Bishaan badiisaa sun erga darbee booddee, Nohi waggaa dhibba sadii fi shantama jiraate;
[29] barri Nohi jiraate hundinuu waggaa dhibba sagalii fi shantama ture, kana booddees in du'e.