Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:01

[1] Kana booddee Abrahaam lafa ture sanaa dunkaana isaa buqqifatee, biyya gara mirgaa ga'e; Qaadeshii fi Shuur gidduu taa'ee, mandara Geraar keessas galaa ta'ee in jiraate.

[2] Achitti Abrahaam waa'ee Saaraa haadha manaa isaa gaafatamee,“Isheen obboleettii koo ti” jedhe; kana irratti Abiimelek mootiin Geraar itti ergee Saaraa fichisiise.

[3] Waaqayyo garuu halkan abjuu keessa Abiimelek bira dhufee,“Kunoo! Ati sababii dubartii abbaa manaa qabdu sana fudhatteef, du'uuf jirta” jedhe.

[4] Abiimelek kanaan dura isheetti hin dhi'aanne ture; kanaaf,“Gooftaa koo! Namoota balleessaa hin qabne immoo in ajjeeftaa ree”

[5] Namichatu ofuma isaatii,“Isheen obboleettii koo ti” naan jedhe mitii ree” Isheenis,“Inni obboleessa koo ti” jette; anis garaa kootti hamaa utuu hin yaadin, harka koos utuu hin xureessin kana godheera” jedhe.

[6] Waaqayyo immoo abjuu sana keessa Abiimelekiin,“Ati garaa keetti hamaa utuu hin yaadin kana akka goote ani iyyuu beeka; kanaaf ati akka ana hin yakkineef ani si dhowweera; ati akka ishee bira geessuufis ani karaa siif hin laanne.

[7] Amma haadha manaa namichaa galchiif! Innoo raajii dha! Inni siif in kadhata, atis in jiraatta; namichaaf yoo galchuu dhabaatte garuu, ati akka duutu, namoonni kee hundinuus akka du'an beeki!” jedhe.

[8] Abiimelek kana irratti ganama obboroodhaan ka'ee hojjetoota isaa hundumaa walitti waamee, dubbii kana hundumaa isaan duratti dubbate; namoonnis baay'isanii sodaatan.

[9] Abiimelek ergasii Abrahaamin waamee,“Ati maaliif akkas nu goote” Ani maal si yakkinaan ati ana irratti, mootummaa koo irrattis cubbuu guddaa akkasii fide” Ati wanta hojjetamuun hin taane ana irratti hojjette” jedhe.

[10] Abiimelek ammas Abrahaamiin,“Ati maal argitee kana goote?” jedhe;

[11] Abrahaamis deebisee,“Tarii iddoo kana Waaqayyoon sodaachuun hin jiru yoo ta'e, haadha manaa koof jedhanii ana in ajjeesu ta'a jedheen yaade;

[12] karaa tokko immoo isheen dhuguma obboleettii koo ti, haati koo ishee hin deenye malee, intala abbaa kootii ti; booddee immoo haadha manaa koo taate.

[13] Waaqayyos mana abbaa kootiitii yommuu na adeemsise, isheen iddoo dhaqnu hundumaatti,“Inni obboleessa koo ti” jechuudhaan waan gaarii anaaf akka gootu itti himadheen ture” jedhe.

[14] Abiimelek ergasii hojjetoota dhiiraa fi dubartii, bushaayee, saawwanis warra kan isaatii keessaa fuudhee Abrahaamiif kenne; Saaraa haadha manaa isaas isaaf in galche.

[15] Achumaanis Abiimelek,“Kunoo! Biyyi koo si dura jira, lafuma sitti tole taa'i!” jedheen.

[16] Saaraadhaanis,“Kunoo, ija warra si bira jiranii si irraa buqqisuudhaaf, dhugaa qabaachuu kees hundumaa duratti mul'isuudhaaf, ilaa, obboleessa keetiif meetii kuma tokko kenneera” jedhe.

[17] Abrahaam immoo Waaqayyoon in kadhateef; Waaqayyos Abiimelekin, haadha manaa isaa, hojjetoota isaa warra dubartiis fayyisee, ijoollee godhachuus isaan in dandeessise.

[18] Waaqayyo waa'ee Saaraa haadha manaa Abrahaam irratti, dubartoonni mana Abiimelek keessaa hundinuu dhala akka dhaban godhe ture'o.

Seera Uumamaa — Chapters