[1] Yommus Yoseef namicha isa hojii mana isaa adeemsisu ajajee,“Namoota kanaaf midhaan hamma qalqalli isaanii baachuu danda'u itti gugguutiif; horii isaaniis adduma addaan afaan qalqala isaanii keessa kaa'i!
[2] Xoofoo koo isa meetii irraa hojjetame, horii isa inni midhaan ittiin bite wajjin afaan qalqala isa quxisuu sanaa keessa kaa'i!” jedhe; innis akkuma Yoseef isatti dubbate in godhe.
[3] Ganama yeroo lafti ifetti namoonni sun harroota isaanii fudhatanii akka adeemaniif in geggeeffaman.
[4] Utuu isaan mandara keessaa ba'anii fagoo hin ga'in, Yoseef namicha isa hojii mana isaa adeemsisuun,“Ka'ii namoota kana faana dha'i! Yeroo isaan qaqqabdu,“Maaliif qooda gaarii hamaa deebiftan”
[5] Xoofoon isin fudhattan kun isa gooftaan koo itti dhugu mitii ree” Hooda argus isumaan arga mitii ree” Isin kana gochuun keessan hamaa hojjettan” jedhiin!” jedhe.
[6] Namichi yommuu jara qaqqabe, dubbii isatti himame kana isaanitti in dubbate.
[7] Jarri immoo deebisanii,“Maal gooftaa! Maaliif akkas dubatta” Kana gochuun garboota kee irraa haa fagaatu!
[8] Kunoo! Horii isa afaan qalqala keenyaa keessaa argine iyyuu biyya Kana'aanii deebifnee sitti fidne, attamitti immoo mana gooftaa keetiitii meetii yookiis warqee hanna ree”
[9] Nuyi garboota kee keessaa abbaan wanti kun biratti argame haa du'u! Nuyi warri kaan immoo gooftaa keenyaaf garba in taana” jedhan.
[10] Inni immoo jaraan,“Amma akkuma isin jettan iyyuu haa ta'u; abbaan wanti kun biratti argame anaaf garbicha in ta'a; isin warri kaan immoo gad in dhiifamtu” jedhe.
[11] Isaanis dafanii adduma addaan qalqala isaanii gad buusanii in hiikan.
[12] Namichi fonqolchuu isaa qalqala isa angafaatti jalqabee kan isa quxisuutiin in raawwate; xoofichi immoo qalqala Benyaamiin keessatti argame.
[13] Kana irratti isaan na'anii uffata isaanii in tarsaasan; adduma addaanis harroota isaanii deebisanii fe'atanii gara mandaraatti in deebi'an.
[14] Yihudaanii fi obboloonni isaa dhufanii mana Yoseefitti yeroo ol lixan, inni amma iyyuu achuma ture; isaan miilla isaatti in kufan.
[15] Yoseef garuu isaaniin,“Wanti isin gootan kun maali” Namni akka kootii hooda arguu akka danda'u hin beektanii ree” jedhe.
[16] Yihudaan immoo deebisee,“Gooftaa ko! Maal jechuu dandeenya” Maal dubbannas” Nuyi wanta kana akka hin fuudhin maaliin mul'ifna ree” Waaqayyo yakka garboota kee irraa argateera; kunoo nuyi, inni xoofichi harkatti argames, gooftaa kootiif garboota ta'uu keenya” jedhe.
[17] Yoseefis immoo,“Kana gochuun ana irraa haa fagaatu! Inni xoofichi harkatti argame anaaf garbicha ta'a; isin warri kaan garuu nagaadhaan gara abbaa keessanitti ol ba'aa!” jedhe.
[18] Ergasii Yihudaan gara Yoseefitti dhi'aatee,“Yaa gooftaa, ati akkuma mootii Gibxii; ani dubbii tokko si gooftaa koo nan dhageessifadha, ati hadaraa garbicha keetti aartee hin boba'in!
[19] Gooftaan koo,“Abbaan keessan jiraa” Obbooleessa biraas qabduu?” jedhee garboota isaa gaafatee ture;
[20] nuyi immoo,“Abbaan keenya jira, innis dulloomeera; ilmi quxisuun inni dulluma isaa jala godhate tokkos jira; haadhoon mucichaa in du'e, ijoollee haati isaa deesse keessaa mucichi duwwaan waan hafeef, abbaan isaa caalaa isa in jaallata” jenne.
[21] Yommus ati nuyi garboota keetiin,“Isa na bira fidaa ija kootiin isa nan ilaala!” jette;
[22] nuyi immoo si gooftaa kootiin,“mucichi abbaa isaa dhiisee adeemuu hin danda'u; dhiisee yoo adeeme garuu, abbaan isaa in du'a” jenne.
[23] Kana irratti ati garboota keetiin,“Obbooleessi keessan inni quxisuun isinii wajjin yoo dhufe malee, isin lammaffaa ija koo hin argitan” jette;
[24] nuyis yommuu gara abbaa koo garbicha keetti ol deebine, dubbii ati gooftaan koo dubbatte, isatti himneerra.
[25] “Takka turre abbaan keenya,“Ammas dhaqaa midhaan xinnoo ishee nuuf bitaa” nuun jedhe;
[26] nuyi garuu,“Obboleessi keenya inni quxisuun nuu wajjin hin jiru yoo ta'e, ija namichaa arguu hin dandeenyu; kanaaf obboleessi keenya inni quxisuun nuu wajjin yoo jiraate in dhaqna; kanaa achi nuyi dandeenyee gad hin buunu” jenne.
[27] Abbaan koo garbichi kee immoo,“Haati manaa koo haati mucichaa ilmaan lama akka anaaf deesse isin iyyuu in beektu;
[28] Inni tokko ana biraa ba'e, ani utuun isa hin argin nan hafe; egaa inni dhuguma gargar kukkutame jedheen yaade.
[29] Isa kanas immoo ija koo duraa fuutanii wanti hamaan isa irra yoo ga'e, dulluma koo keessa gaddaan gara iddoo lafa jalaatti akkan gad bu'u in gootu” nuun jedhe.
[30] “Yaa gooftaa ko, lubbuun abbaa kootii mucicha malee waan hin jiraanneef, ani mucichi yoo nu bira jiraate malee, abbaa koo garbicha kee biratti galuu hin danda'u;
[31] nuyi akkasitti deebinee yoo galle, abbaan keenya mucichi nu bira akka hin jirre yommuu argu, in du'a; nuyi garboonni kees abbaan keenya garbichi kee dulluma isaa keessa gaddaan iddoo lafa jalaatti akka gad bu'u in goona.
[32] Ani garbichi kee immoo abbaa koo duratti mucichaaf darbee,“Ani mucicha deebisee gara keetti yoon fiduu dhabaadhe, bara koo guutuu abbaa koo akkan yakketti nan hafa” jedheera.
[33] Ammas ani garbichi kee iddoo mucichaa si gooftaa kootiif garbicha ta'e hafee, mucicha obboloota isaa wajjin akka ol ergituuf sin kadhadha!
[34] Wanta hamaa abbaa koo irra ga'u akkan hin arginetti, mucichi na bira hin jiru yoo ta'e, ani gara abbaa kootti ol ba'uu hin danda'u” jedhe.