[1] Saaraan waggaa dhibbaa fi digdamii torba in jiraatte; barri jireenya ishee hammana ture.
[2] Saaraan Kiriiyat-Arbaa isa “Kebroon” jedhamee beekame biyya Kana'aan keessaatti in duute; Abrahaamis Saaraadhaaf gadduu fi isheedhaaf boo'uufis ol in gale.
[3] Abrahaam reeffa biraa ka'ee, ijoollee Heetiin,
[4] “Ani isin gidduutti galaa dha, ormas; reeffa nama kootii manaa baasee akkan itti awwaalladhutti, araddaa awwaalaaf ta'u isin gidduudhaa akkan argadhu anaaf godhaa!” jedhe.
[5] Warri Heetis deebisanii Abrahaamiin,
[6] “Gooftaa, mee nu dhaggeeffadhu! Ati nu gidduutti nama guddaa dha, nama Waaqayyoo tis; reeffa nama keetii iddoo awwaalaa keenya isa keessaa caalutti awwaalladhu! Nu keessaa namni tokko iyyuu lafa awwaala isaa si harkatti kan qabu, reeffa nama keetiis akka hin awwaallanneef kan si dhowwu hin jiru” jedhan.
[7] Abrahaam lafaa ka'ee, namoota biyya sanaa warra Heetotaaf in qoomma'e.
[8] Inni immoo,“Ani reeffa nama kootii manaa baasee akkan awwaalladhuuf fedha keessan erga ta'ee, ana dhaggeeffadhaatii Efron ilma Zohaaritti anaaf dubbadhaa!
[9] Inni lafa isaa irraa holqa Makfelaa isa gara dhuma maasii isaatii jiru anaaf haa kennu; inni gatii guutuudhaan dhunfaa godhee lafa awwaalaatiif isin gidduudhaa akka anaaf kennu godhaa!” isaaniin jedhe.
[10] Namichi“Efron” jedhamus ijoollee Heet sana gidduu taa'ee ture; Efron namni biyya Heet kunis, Heetonni, warri balbala kellaa mandara sanaa keessatti walitti qabaman hundinuus utuu dhaga'anii, Abrahaamiif deebisee,
[11] “Hin ta'u gooftaa ko, na dhaggeeffadhu! Ani laficha siif nan kenna, holqicha isa laficha sana keessa jirus siif nan kenna, ani fuula ijoollee saba koo duratti isa siif nan kenna; atis reeffa nama keetii itti awwaalladhu!” jedhe.
[12] Yommus Abrahaam namoota biyya sanaa duratti gad jedhee qoomma'e;
[13] inni utuma namoonni biyya sanaa dhaga'anii Efroniin,“Utuu fedha kee ta'ee na dhageessee, ani lafichaaf gatii nan kenna; ani reeffa nama koo akkan achitti awwaalladhutti, ati isa na harkaa fudhadhu!” jedhe.
[14] Efron immoo Abrahaamiif deebisee,
[15] “Gooftaa ko, na dhaggeeffadhu! Lafti cituun meetii dhagaa dhibba afurii baaftu si'ii fi ana gidduutti maal ishee ti” Reeffa nama keetii itti awwaalladhu!” jedhe.
[16] Abrahaam dubbii Efron fudhatee, meetii isa inni utuu ijoolleen Heet dhaga'anii dubbate sana miijanee in kenneef; innis akka miijana warra bitee gurguru isa fudhatamaatti, dhagaa dhibba afur ture.
[17] Akkasitti lafti Efron inni Makfelaa, Mamree irraa gara ba'a-biiftuutti kan hafu, maasichi holqa isa keessa jiruu fi, mukkeetii guutummaa lafichaa irra jiran hundumaa wajjin itti dabarfame;
[18] kunis fuula ijoollee Heet warra balbala kellaa mandara sanaa keessatti walitti qabaman hundumaa duratti qabeenya Abrahaam ta'e.
[19] Abrahaam kana booddee Saaraa haadha manaa isaa holqa Makfelaa, Mamree irraa gara ba'a-biiftuutti isa argamu, Kebroon isa biyya Kana'aan keessaatti in awwaale.
[20] Ijoolleen Heet laficha holqa isa keessa jiru sanaa wajjin qabeenya isaa godhanii iddoo awwaalaattiif Abrahaamitti in dabarsan.