Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 8:59

[1] Hiddi dhaloota sanyii Esaawuu isa “Edoom” jedhamuu, kanatti fufee in lakkaa'ama.

[2] Esaawuun dubartoota isaa durboota Kana'aan keessaa fuudhe; warri inni fuudhe kunis isheen tokko Aadaa, intala Eloon nama gosa Heet; isheen kaanis Oholiibaamaa intala Aannaa ilma Zibe'on nama Hiiwoo turte;

[3] isheen biraas Basmaat intala Ishmaa'el, obboleettii Nabaayot.

[4] Dubartoonni isaa kunis ilmaan in godhataniif; Aadaan, Eliifaazin deesseef; Basmaat, Reu'elin deesseef;

[5] Oholiibaamaan immoo Ye'ush, Yaalamii fi Qoraahion deesseef; ilmaan Esaawuu warri biyya Kana'aanitti dhalataniif isaan kana turan.

[6] Esaawuun dubartoota isaa, ilmaan isaa, intaloota isaa, nama mana isaa hundumaa, karra horii gaanfaa, horii qe'ee warra kaan hundumaa, qabeenya biyya Kana'aanitti argate hundumaas fudhatee, Yaaqoob obboleessa isaa biraa ka'ee biyya biraa dhaqe.

[7] Qabeenyi isaanii guddaa waan baay'ateef, lafti isaan galaa ta'anii irra jiraatanis horii isaanii ga'uu waan dadhabeef, isaan walii wajjin taa'uu hin dandeenye.

[8] Esaawuun inni“Edoom” jedhamee beekame Se'iir biyya tulluun itti baay'atu sana keessa taa'e.

[9] Hiddi dhaloota sanyii Esaawuu, isa qomoo Edoom warra Se'iir biyya tulluun itti baay'atu sana keessa jiraataniif abbaa ta'e sanaa kanatti fufee in lakkaa'ama.

[10] Maqaan ilma Esaawuu isa tokko Eliifaaz; isa Aadaa haadha manaa isaatu da'eef; maqaan ilma Esaawuu isa kaanii immoo Reu'el; isa immoo Basmaat haadha manaa isaatu da'eef.

[11] Ilmaan Eliifaaz, Temaan, Omaar, Zafoo, Gaataamii fi Qenaz turan.

[12] Eliifaaz ilmi Esaawuu saajjatoo “Tiimnaa” jedhamtu tokko immoo qaba ture; isheen immoo Amaaleqin in deesseef; isaan kun akkoowwan Aadaa haadha manaa Esaawuu ti.

[13] Reu'el immoo, Naahaat, Zeraa, Shamaa, Miizaas in dhalche; isaan kun akkoowwan Basmaat haadha manaa Esaawuu ti.

[14] Oholiibaamaan haati manaa Esaawuu intalli Aannaa ilma Zibe'on, ilmaan “Ye'ush, Yaalam, Qoraahi” jedhaman Esaawuuf in deesse.

[15] Warri kanatti aananii lakkaa'aman sanyii Esaawuu keessatti warra abboota gosaa ta'anii dha; Eliifaaz ilma Esaawuu isa angafaaf dhalatanii abboota gosaa kan ta'an, Temaan, Omaar, Zafoo, Qenaz,

[16] Qoraahi, Gaataamii fi Amaaleq turan; isaan kun ilmaan Eliifaaz warra biyya Edoomitti abboota gosaa ta'an akkoowwan Aadaa ti.

[17] Reu'el ilma Esaawuuf dhalatanii abboota gosaa kan ta'an immoo Naahaat, Zeraa, Shamaa fi Miizaa turan; isaan kun ilmaan Reu'el warra biyya Edoomitti abboota gosaa ta'an akkoowwan Basmaat haadha manaa Esaawuu ti.

[18] Warri Oholiibaamaa haadha manaa Esaawuu irraa dhalatanii abboota gosaa ta'an, Ye'ush, Yaalamii fi, Qoraahi turan; isaan kun ilmaan Oholiibaamaa intala Aannaa, haadha manaa Esaawuu, warra abboota gosaa ta'anii dha.

[19] Isaan kun ilmaan Esaawuu isa “Edoom” jedhamee beekame, warra abboota gosaa ta'anii dha.

[20] Ilmaan Se'iir nama biyya Hoor, warri duruma iyyuu biyyicha keessa turan, kanatti aananii in lakkaa'amu; isaanis Loxaan, Shobaal, Zibe'on, Aannaa,

[21] Diishon, Ezerii fi, Diishaan turan; isaan kun ilmaan Se'iir warra biyya Edoomitti abboota gosa warra Hoor ta'anii dha.

[22] Ilmaan Loxaan, Hoorii fi Hemaan; obboleettiin Loxaanis Tiimnaa turte;

[23] Alwaa, Manahaat, Ebaal, Shefoo fi Onaam immoo ilmaan Shobaal turan.

[24] Ayyaa fi Aannaa ilmaan Zibe'on; Aannaan kun isa utuu harroota Zibe'on abbaa isaa tiksuu, lafa onaadhaa hora argatee dha.

[25] Ilmi Aannaa, Diishon; intalli isaa immoo Oholiibaamaa dha.

[26] Hemdaan, Eshbaan, Yitraanii fi Keraan ilmaan Diishon.

[27] Bilhaan, Zaawaanii fi Aqaan ilmaan Ezer;

[28] Uzii fi Aaraan immoo ilmaan Diishaan turan.

[29] Warri kanaan dura waamamanii, ammas waamamuuf jiran, abboota gosa Hoor turan; isaanis “Loxaan, Shobaal, Zibe'on, Aannaa,

[30] Diishon, Ezer, Diishaan” in jedhamu; isaan kun biyya Se'iir keessatti akka gosa gosa isaaniitti abboota gosaa warra Hoor turan.

[31] Namni mootii ta'ee saba Israa'el irratti mo'u utuu hin argamin, mootonni biyya Edoom irratti mo'an, kanatti fufanii in lakkaa'amu;

[32] Bel'aan ilmi Be'or biyya Edoom irratti mo'e; maqaan mandara isaa immoo Diinhabaa ture.

[33] Bel'aan yommuu du'e, Yobaab ilma Zeraa nama biyya Bozraatu mootii ta'ee iddoo isaa bu'e.

[34] Yobaab yommuu du'e, Hushaam nama biyya Temaniitu mootii ta'ee iddoo isaa bu'e.

[35] Hushaam yommuu du'e, Hadaad ilma Badad isa bukkee biyya Mo'aabitti warra Miidiyaan rukutetu mootii ta'ee iddoo isaa bu'e; maqaan mandara isaas Aawiititti moggaafame.

[36] Hadaad yommuu du'e, Samlaa nama biyya Masreqaatu mootii ta'ee iddoo isaa bu'e.

[37] Samlaan yommuu du'e, Shaawul nama biyya Rehobot isa laga beekamaa sana qarqaraatu mootii ta'ee iddoo isaa bu'e.

[38] Shaawul yommuu du'e, Ba'aal-Hanaan ilma Akbortu mootii ta'ee iddoo isaa bu'e.

[39] Ba'aal-Hanaan ilmi Akbor yommuu du'e, Hadaadtu mootii ta'ee iddoo isaa bu'e; maqaan mandara isaas Phaawutti moggaafame; haati manaa isaa isheen “Mahexaabi'el” jedhamtu intala Maxired nama biyya Mezahab turte.

[40] Maqaan abboota gosa sanyii Esaawuu akka qomoo qomoo isaaniitti akka iddoo iddoo isaaniitti kanatti fufee tarreetti in lakkaa'ama; isaanis Tiimnaa, Alwaa, Yetet,

[41] Oholiibaamaa, Elaa, Phiinon,

[42] Qenaz, Temaan, Miibzaar,

[43] Magdii'el, Iraam turan; isaan kun abboota gosaa warra Edoom, warra akka iddoo taa'umsa isaaniitti lafa dhunfaa isaanii irra jiraatanii dha; kun hundinuu waa'ee Esaawuu abbaa warra Edoomiif dubbatame.

Seera Uumamaa — Chapters