Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 7:37

[1] Yaaqoob biyya abbaan isaa itti galaa ta'e jiraatee, biyya Kana'aan keessa in taa'e.

[2] Oduun waa'ee ijoollee Yaaqoob kanatti fufee in himama; Yoseef saafela waggaa kudha torbaa yeroo ta'etti, ijoollee dubartoota abbaa isaa, ilmaan Bilhaa fi Zilfaa obboloota isaa wajjin bushaayee in tiksa ture; Yoseef oduu waan hamaa isaan hojjetanii fidee abbaa isaaniitti hime.

[3] Yaaqoob inni“Israa'el” jedhame ilma dulluma isaa jala argate waan ta'eef, Yoseefin ilmaan isaa hundumaa caalaatti in jaallate; qoloo dheeraa harka qabu in hojjechiiseef.

[4] Obboloonni isaa garuu akka abbaan isaanii obboloota isaa hundumaa caalaatti isa jaallate yommuu argan isa in jibban; nagaas isatti dubbachuu hin dandeenye.

[5] Yoseef abjuu abju'atee, obboloota isaatti yommuu hime, ittuma caalchisanii isa in jibban.

[6] Inni,“Abjuu ani abju'adhe kana dhaggeeffadhaa!

[7] Kunoo, nuyi maasii gidduudhaa bissii in hiina turre; kunoo, bissiin koo ka'ee ol qajeelee dhaabate; bissiin keessan immoo isatti naanna'anii bissii kootiif in gugguufu turan” jedheen.

[8] Obboloonni isaas deebisanii,“Ati dhuguma mootii nu irratti taataa” Yookiis dhuguma aboo nu irratti qabaattaa?” jedhaniin; akkasitti waa'ee abjuu isaatiif, waa'ee dubbii isaatiifis ittuma caalchisanii isa in jibban.

[9] Ammas abjuu tokko abju'atee obboloota isaatti himee,“Kunoo, ani abjuu kan biraa tokkos abju'adhe, biiftuun, ji'i, urjoonni kudha tokkos anaaf utuu gugguufanii argeera” jedhe.

[10] Yeroo inni abbaa isaa fi obboloota isaatti himetti garuu, abbaan isaa isa ifatee,“Abjuun ati abju'atte kun maali” Dhuguma anii fi haati kee obboloonni kees dhufnee hamma lafa geenyutti siif gugguufuuf jirra moo?” jedhe.

[11] Kana irratti obboloonni isaa isatti in hinaafan; abbaan isaa garuu dubbicha yaadatti in qabate.

[12] Ergasii obboloonni Yoseef bushaayee abbaa isaanii tiksuudhaaf, gara Sheekem in dhaqan.

[13] Israa'el yommus Yoseefiin,“Sheekem lafa obboloonni kee bushaayee tiksaa jiranitti sin ergaatii kottu!” jedhe; inni immoo deebisee,“Kunoo, ani asan jira!” ittiin jedhe.

[14] Abbaan isaas,“Amma dhaqi, obboloonni kee fi bushaayeen nagaatti akka jiran ilaalii, hafuura isaanii anaaf fidi!” jedheen; akkasitti dachaa Kebroon keessaa isa erge, innis gara Sheekem dhufe.

[15] Inni bakkee keessa asii fi achi utuu jooruu, namichi tokko isa argee,“Ati maal barbaadda?” jedheen.

[16] Yoseef immoo,“Ani obboloota koon barbaada, hadaraa lafa isaan bushaayee tiksan anatti himi!” jedheen.

[17] Namichi deebisee,“Isaan,“Dotaan dhaqna” utuu waliin jedhanii dhaga'eera, kanaaf asii adeemaniiru” jedheen; Yoseef obboloota isaa faana dha'ee, Dotaanitti isaan argate.

[18] Isaan garuu utuma inni isaanitti hin dhi'aatin fagootti isa arganii, isa ajjeesuudhaaf irratti koratan.

[19] Isaan walii isaaniitiin,“Kunoo, abbaan abjuu sun dhufeera;

[20] kottaa amma isa ajjeefnee, boollota kana keessaa tokkotti gad in darbannaa, bineensa hamaatu isa nyaatee in jennaa, mee, abjuun isaa lamaan waan ta'uuf jiran in ilaalla!” jedhan.

[21] Ruuben garuu kana yommuu dhaga'e,“Kottaa lubbuu isaa hin balleessinu!” jechuudhaan harka isaanii isa oolche.

[22] Yommus Ruuben,“Dhiiga hin dhangalaasinaa, boolla lafa onaa kana keessa isa buusaa malee, harka keessan itti hin buusinaa!” isaaniin jedhe; inni harka isaanii isa oolchee, abbaa isaatiif isa deebisuudhaaf ture.

[23] Yoseef obboloota isaa bira yommuu ga'e, isaan qoloo isaa isa harka qabu isa inni uffate ture irraa in baasan;

[24] isa immoo fuudhanii boolla tokko keessa in buusan; boollichi duwwaa dha, bishaan keessa hin jiru ture.

[25] Ergasii obboloonni Yoseef buddeena nyaachuuf in taa'an; yommus ol ilaalanii imaltuun warra Ishmaa'el baay'atanii Giil'aadii gara biyya Gibxiitti gad bu'aa utuu jiranii argan; gaalota isaaniitti urgooftuu, haphee dibataa fi qumbii fe'anii turan.

[26] Kana booddee Yihudaan obboloota isaatiin,“Nuyi obboleessa keenya ajjeefnee dhiiga isaa dhoksuun bu'aa maalii qaba”

[27] Kottaa, nuyi warra Ishmaa'el kanatti isa in gurgurraa! Inni obboleessa keenya, foon keenyas waan ta'eef, harka keenyaan waan hamaa isa irratti hin hojjennu!” jedhe; obboloonni isaas isaaf in dhaga'an.

[28] Warri Ishmaa'el naggaadonni Miidiyaan dhufanii in darbu turan; obboloonni isaa Yoseefin ol harkisanii boollicha keessaa baasanii, meetii ija digdamaan warra Ishmaa'elitti gurguran; isaan immoo Yoseefin biyya Gibxiitti in geessan.

[29] Ruuben gara boollichaatti yeroo deebi'e, Yoseef achi keessa akka hin jirre arge; na'ees uffata isaa tarsaase;

[30] gara obboloota isaattis deebi'ee,“Gurbichi hin jiru, egaa ani immoo eessa dhaqu ree?” jedhe.

[31] Yommus obboloonni isaa korbeessa reettii tokko qalanii, uffata Yoseef fuudhanii dhiigicha keessa cuuphan.

[32] Kana booddee isaan qoloo harka qabu sana fuudhanii, gara abbaa isaaniitti erganii,“Kana argineerra, mee ilaali, kun uffata ilma keetii ti moo yookiis isa miti?” jedhaniin.

[33] Innis isa in baree,“Kun uffata ilma kootii ti, bineensa hamaatu isa nyaate, Yoseef dhuguma gargar kukkutame!” jedhe.

[34] Yaaqoob uffata isaa of irratti tarsaasee, uffata gaddaa mudhii isaatti hidhatee, ilma isaatiif guyyaa baay'ee in gadde.

[35] Ilmaan isaa fi intaloonni isaa hundinuu isa jajjabeessuudhaaf in dhufan, inni garuu jajjabaachuu in dide; inni,“Waawuu, ani akkuman gaddetti, iddoo lafa jalaatti gara ilma kootti gad nan bu'a” jedhe; akkasitti abbaan isaa Yoseefiif in boo'e.

[36] Warri Miidiyaan Yoseefin biyya Gibxii keessatti hojjetoota mootii Gibxii warra gurguddoota keessaa Phoxiifaar ajajjuu eegdotaatti in gurguran.

Seera Uumamaa — Chapters