[1] Bara sanatti namni lafa irraa guutummaatti, afaan tokkichaa fi haasaa tokkicha qaba ture;
[2] namoonni ba'a-biiftuutii yeroo godaananitti, biyya Shiinaaritti bakkee diriiraa argatanii achi qubatan.
[3] Isaan,“Kottaa, suphee dhoofnee cimsinees ibiddaan in gubnaa!” waliin jedhan; qooda dhagaa xuuphiin, wal qabachiisuuf immoo leeleen isaaniif in hojjete;
[4] yommus,“Kottaa, mandara riqaan isaa bantii waaqaa bira ga'u tokko ofii keenyaaf in ijaarannaa, nuyi guutummaa lafaa irra diidatti akka hin bittimmoofnetti ittiin maqaa in godhannaa!” jedhan.
[5] Waaqayyo yommus mandarichaa fi riqaa isaa isa ilmaan namaa ijaaran ilaaluudhaaf gad bu'e;
[6] inni,“Kunoo, isaan saba tokko, hundumti isaaniis afaan tokkicha dubbatu, kun wanta isaan hojjechuuf jiran keessaa isa jalqabaa ti; egaa wanta isaan hojjechuuf yaadaa qaban keessaa, tokko illee kan isaan bira ga'uu dadhaban hin jiru.
[7] Kottaa gad buunee, inni tokko afaan isa kaanii akka hin dhageenyetti, afaan isaanii duraa waliin in maknaa!” jedhe.
[8] Achiis Waaqayyo guutummaa lafaa irra isaan bittimse; isaanis ijaarsa mandarichaa achumatti in dhiisan.
[9] Waaqayyo achitti afaan guutummaa biyya lafaa waan waliin makeef, maqaan iddoo sanaa “Baabel” jedhamee moggaafame; (“Baabel” jechuun “Waliin makamaa” jechuu dha) achiis Waaqayyo guutummaa irra lafaa irra namoota in bittimse.
[10] Hiddi dhaloota sanyii Seem kanatti fufee in lakkaa'ama; Seem dhalatee waggaa dhibba tokkotti Arfaaksaadin dhalche; kunis bishaan badiisaa booddee waggaa lamatti ture.
[11] Arfaaksaad erga dhalatee booddee, Seem waggaa dhibba shan jiraatee, ilmaanii fi intaloota biraas in godhate.
[12] Arfaaksaad dhalatee waggaa soddomii shanitti Shalaa dhalche;
[13] Shalaan erga dhalatee booddee, Arfaaksaad waggaa dhibba afurii fi sadii jiraatee, ilmaanii fi intaloota biraas in godhate.
[14] Shalaan dhalatee waggaa soddomatti Ebeerin dhalche;
[15] Ebeer erga dhalatee booddee, Shalaan waggaa dhibba afurii fi sadii jiraatee, ilmaanii fi intaloota biraas in godhate.
[16] Ebeer dhalatee waggaa soddomii afuritti Felegin dhalche;
[17] Feleg erga dhalatee booddee, Ebeer waggaa dhibba afurii fi soddoma jiraatee, ilmaanii fi intaloota biraas in godhate.
[18] Feleg dhalatee waggaa soddomatti Re'uu dhalche;
[19] Re'uun erga dhalatee booddee, Feleg waggaa dhibba lamaa fi sagal jiraatee, ilmaanii fi intaloota biraas in godhate.
[20] Re'uun dhalatee waggaa soddomii lamatti Seruugin dhalche;
[21] Seruug erga dhalatee booddee, Re'uun waggaa dhibba lamaa fi torba jiraatee, ilmaanii fi intaloota biraas in godhate.
[22] Seruug dhalatee waggaa soddomatti Naahorin dhalche;
[23] Naahor erga dhalatee booddee, Seruug waggaa dhibba lama jiraatee, ilmaanii fi intaloota biraas in godhate.
[24] Naahor dhalatee waggaa digdamii sagalitti Taaraa dhalche;
[25] Taaraan erga dhalatee booddee, Naahor waggaa dhibbaa fi kudha sagal jiraatee, ilmaanii fi intaloota biraas in godhate.
[26] Taaraan dhalatee waggaa torbaatamatti Abraam, Naahorii fi Kaaraan dhalche.
[27] Hiddi dhaloota sanyii Taaraa kanatti fufee in lakkaa'ama; Taaraa isa Abraamin, Naahorin, Kaaraan dhalchee dha; Kaaraan immoo isa Looxin dhalchee dha.
[28] Kaaraan biyya itti dhalate, Ur biyya Kaldootaatti abbaa isaa Taaraa dura in du'e.
[29] Abraamii fi Naahor niitii in fuudhan; maqaan haadha manaa Abraam“Saaraayi?, maqaan haadha manaa Naahor immoo “Miilkaa” ture; Miilkaan intala Kaaraan; Kaaraan kun immoo abbaa Miilkaa fi Yiiskaa ture.
[30] Saaraayi dhabduu turte, mucaas hin godhanne.
[31] Taaraanis Abraamin ilma isaa, Looxin ilma ilma isaatii ilma Kaaraan, Saaraayin haadha manaa Abraam ilma isaatii fudhatee, walii wajjin Ur biyya Kaldootaatii ka'anii gara biyya Kana'aanitti qajeelan; garuu biyya “Kaaraan” jedhamu yeroo dhufan achuma taa'an.
[32] Taaraan waggaa dhibba lamaa fi shan jiraatee, Kaaraanitti in du'e.