Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:34

[1] “Nama ta'ee lafa irratti kan dhalate, barri isaa gabaabaa dha, rakkinni isaa immoo baay'ee dha;

[2] inni akka daraaraatti ol in ba'a, in coollagas; akka gaaddisaatti in darba, hin turus;

[3] kan akkasii kana in ilaaltaa ree” Ana immoo firdiidhaaf of duratti in dhi'eessitaa ree”

[4] Eenyutu wanta qullaa'aa hin ta'in keessaa, wanta qullaa'aa baasuu danda'a” Namni kana danda'u tokko illee hin jiru.

[5] Barri jireenya namaa muramaa erga ta'ee, lakkoobsi ji'a isaatiis si bira erga jiraatee, akka inni irra darbuu hin dandeenyeef, situ daarii itti godhe;

[6] akka inni boqotutti, akka nama qacaramee hojjetuuttis bara isaa kanatti akka gammadutti, ati isa dhiisiitii ija kee isa irraa deebisi!

[7] “Mukti yoo murame iyyuu deebi'ee waan latuuf, damee godhachuun isaas waan hin oolleef abdii qaba;

[8] hiddi isaa lafa keessaa yoo dulloome iyyuu, gufuun isaa lafa keessatti yoo goge iyyuu,

[9] foolii bishaaniitiin in lata, akka biqiltuu haaraas damee in baasa;

[10] namni garuu in du'a, in badas; erga hafuurri keessaa yaa'ee, egaa namni eessa jira ree”

[11] Akkuma kuufamni bishaanii manii isaa keessaa badu, bishaanis yaa'aa isaa keessaa yaa'ee dhumu,

[12] akkasuma namni in ciisa, deebi'ees hin ka'u; bantiiwwan waaqaa hamma dhabamanitti, namni hin dammaqu; yookiis hirriba isaa keessaa hin kaafamu.

[13] “Dheekkamsi kee hamma darbutti, iddoo lafa jalaa keessa utuu ana dhoksite, akkan hin argamnes utuu goote, yeroo muramaa laattee utuu na yaadatte, attam gaarii dha!

[14] Namni erga du'ee deebi'ee in jiraataa ree” Hamma inni na furu dhufutti, baran dadhabbiidhaan lafa irra jiraadhu hundumaatti isa nan eeggadha;

[15] ati hojii harka keetii in yaadda; kanaafis ana in waamta, anis nan owwaadha.

[16] Amma tarkaanfii koo in lakkoofta, cubbuu koo immoo hin caqaftuu ree”

[17] Irra-dadarbaan koo korojoo keessa buufamee, itti cufamee, mallattoon itti in godhama; ati immoo yakki koo akka hin mul'anne in goota.

[18] “Akkuma tulluun caccabee jijjigu, kattaanis iddoo isaatii butatu,

[19] akkuma bishaanonni dhagaa qarseessan, bokkaan yandoonis biyyoo lafa irraa dhiqu, atis akkasuma abdii namaa in balleessita;

[20] ati raawwattee isa in moota, innis in du'a; fuula isaa in geddarta, isas in calaafta.

[21] Ilmaan isaa yoo ulfina argatan, inni hin beeku; yoo isaan gad deebi'anis, inni hin argu;

[22] isatti dhukkuba dhagna isaatii duwwaatu dhaga'ama, kanaaf inni ofuma isaa duwwaadhaaf in boo'a” jedhe.

Macaafa Iyoob — Chapters