[1] Yommus Zofaar Naa'imaatichi deebisee,
[2] “Ani deebii akkan kennuuf yaada kootu na giddisiisa, kanaafanis dubbachuudhaaf ariifadha.
[3] Arrabsoo isa ani ittiin salphadhe dhaga'eera, hafuurri ani ittiin hubadhu garuu deebii akkan kennu na godheera.
[4] “Erga bara durii durii yeroo namni biyya lafaa irratti uumamee jalqabee, dubbii akkasii kana bektaa ree”
[5] Sagalee gammachuu dhageessisuun warra jal'ootaa yeroo gabaabaadhaaf, gammachuun warra Waaqayyo malee jiraataniis hamma liphsuu ijaatiif;
[6] ol of qabuun isaa, dhedheerinni isaas waaqa bira ga'u iyyuu, mataan isaas duumessa yoo tuqe iyyuu,
[7] inni ofii isaatii raawwatee in bada; warri kanaan dura isa arganis, “Meerree inni?” in jedhu.
[8] Akka abjuu in dhabama malee, hin argamu; akka mul'ata halkaniis in bada;
[9] iji kanaan dura isa arge, deebi'ee isa hin argu; iddoon isaas deebi'ee isa hin baru.
[10] Ijoollonni isaa harka warra hiyyeessotaatii gargaarsa in barbaadu, harki isaas qabeenya isaa in deebisa;
[11] humni ijoollummaa isaatii inni lafeewwan isaa keessa guute, isaa wajjin biyyoo keessa in ciisa.
[12] “Jal'inni afaan isaatii miyaa'ee, inni arraba isaa jala yoo dhokse iyyuu,
[13] afaanii baasuu jibbee, afaan isaa keessa yoo turse iyyuu,
[14] nyaati isaa garaa isaa keessatti in geddarama, isa keessattis hadhaa mar'ataa in ta'a.
[15] Inni badhaadhummaa in liqimsa, haa ta'u iyyuu malee, garaa isaa keessaa akka inni baasu Waaqayyo waan godhuuf, isa liqimse sana in diddiga.
[16] Hadhaa bofaa in xuuxa, hadhaan mar'ataas isa in ajjeesa;
[17] lagootaa fi bishaanota dammaa fi ittituu baasan hin argu;
[18] wanta ofii itti dadhabes utuu hin nyaatin deebisee in kenna; bu'aa isa nagadee argatettis hin gammadu.
[19] Warra dadhaboo caccabsee in dhiise, qooda mana ijaarrachuus humnaan in qabate.
[20] Sasanni isaa isa irraa hin galle, garuu wanta itti gammadu keessaa tokko iyyuu hin oolffanne.
[21] Inni waan qabu nyaatee in fixa, kanaaf qabeenyi isaa dafee in dhuma;
[22] danuu quufee geessifate kana keessaa, rakkinni isa irra ture; humni gadadoo isa irratti wal ga'a.
[23] Inni nyaatee garaa isaa in guutata, Waaqayyo immoo dheekkamsa isaa isa boba'aa isatti in erga; utuu inni nyaachaa jiruus, akka bokkaa isa irratti in roobsa;
[24] mi'a waraanaa sibiila irraa hojjetame jalaa in baqata, xiyyi sibiila borrajjii irraa hojjetame immoo isa in waraana;
[25] inni luqqifame karaa dugdaa isa in waraana, fiixeen isaa inni calaqisaanis hadhooftuu isaa keessa in ba'a; naasuunis isa in qabata.
[26] “Dukkanni guutummaatti dhokatee isa in eeggata, ibiddi hin dhaamnes xaph isa in godha; wanti godoo isaa keessatti hafes in dhuma.
[27] Bantiiwwan waaqaa yakka isaa in mul'isu, laftis isa irratti in ka'a;
[28] guyyaa dheekkamsa Waaqayyootti, qabeenyi mana isaatii akka bishaanii yaa'ee in darba.
[29] Egaa qoodni Waaqayyo nama jal'aaf kaa'u, ga'aan inni nama jal'aaf kennus kan akkasii ti” jedhe.