Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:01

[1] Yommus Zofaar Naa'imaatichi deebisee,

[2] “Dubbii baay'eedhaaf deebiin hin kennamuu ree” namni dubbataa ta'eef dhugaa in argataa ree”

[3] Sobni kee calluma nama jechisiisaa ree” Yommuu ati ga'iftus namni si ifatu hin jiruu ree”

[4] Waaqayyoon,“Barsiifni koo qullaa'aa dha, anis fuula kee duratti akka seeraatti qullaa'aa dha” in jetta;

[5] Waaqayyo afaan isaa saaqqatee, si irratti utuu dubbatee attam gaarii dha!

[6] Inni dhoksaa ogummaa sitti in mul'isa, hubannaan isaas hammana hin jedhamu; inni cubbuu kee keessaa gar tokko akka hin lakkaa'amne siif gochuu isaa beeki!

[7] “Gad fageenya dhoksaa Waaqayyoo qortee bira ga'uu dandeessaa ree” Daarii yaada isa hundumaa danda'uu qortee bira ga'uu dandeessaa ree”

[8] Yaadni isaa bantii waaqaa caalaa ol ka'aa dha, maal gochuu dandeessa ree” Iddoo lafa jalaa caalaa gad fagoo dha, maal isaa beekuu dandeessa ree”

[9] Safarri isaas lafa caalaa in dheerata, galaana caalaas in bal'ata.

[10] Waaqayyo kana hundumaa irra darbee dhufee mana hidhaatti si galchee yaa'iis yoo sitti dachaase, eenyutu isa dhowwuu danda'a”

[11] Inni nama waa'ee hin baafne beeka, jal'ina namaa yommuu argu, inni yaadaan hin qabuu ree”

[12] Yoo harreen gaanfa baafte duwwaa, namni gowwaan ogeessa ta'uu in danda'a.

[13] “Ati garaa kee yoo qajeelfatte, isa kadhachuudhaafis harka kee yoo bal'ifte,

[14] yakka isa harka kee keessa jiru yoo of irraa fageessite, jal'innis godoowwan kee keessa hin buufatu yoo ta'e,

[15] yommus ati dhugumaan yeelloo malee, mataa kee ol in qabatta; sodaa malees jabaattee in dhaabatta.

[16] Ati rakkina kee in irraanfatta; akka bishaan yaa'ee darbee duwwaatti isa in yaadatta.

[17] Jireenyi kees guyyaa saafaa caalaa in ifa, dukkannis akka ganamaa in ta'a;

[18] abdiin waan jiruuf in amanatta, ati naannoo kee marsitee ilaaltee nagaattis in rafta;

[19] ati in rafta kan si sodaachisus hin jiru, namoonni baay'een akka ati faara isaanitti toltu in barbaadu.

[20] Iji jal'ootaa garuu arguu in dadhaba, karaa ittiin duraa ba'anis in dhabu; abdiin isaaniis du'a duwwaa dha” jedhe.

Macaafa Iyoob — Chapters