Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:49

[1] “Kana hundumaa ija kootiin argeera, gurra kootiinis dhaga'ee isa hubadheera.

[2] Wanta isin beektan anis immoo beeka, ani isinii gad miti;

[3] ani garuu isa hundumaa danda'uu wajjin nan dubbadha, dubbii koos Waaqayyotti nan falmadha.

[4] Haa ta'u iyyuu malee, isin warra sobdanii irra dibdanii dha, isin hundumti keessan ogeessota qorichaa warra waa'ee hin baafnee dha.

[5] Isin raawwattanii utuu calluma jettanii, kun isiniif ogummaa in ta'a ture!

[6] “Amma dubbii koo anaaf dhaga'aa! Isa afaan koo himachaa jirus dhaggeeffadhaa!

[7] Jal'inaan Waaqayyoof dubbattuu ree” Isaafis gowwoomsaa haasoftuu ree”

[8] Isaaf in loogduu ree” Waaqayyoof yaa'ii isaa falmituu ree”

[9] Inni qoree yoo isin ilaale, isiniif ba'eessaa ree” Yookiis akkuma namatti ga'iftan, Waaqayyotti ga'isuu dandeessuu ree”

[10] Isin dhoksaatti yoo loogdan, inni dhugumaan isin in ifata.

[11] Surraan isaa isin hin sodaachisuu ree” Naasisuun isaas isin hin rom'isiisuu ree”

[12] Jechi isin mataatti qabattan akka wanta daaraa bu'ee ti, da'oon keessan da'oo suphee ti.

[13] “Ana irraa calluma jedhaa, wanti fedhe anatti haa dhufu, ani nan dubbadha!

[14] Maaliifan foon koo ilkaan kootiin ciniine, lubbuu koos maaliifan harka kootiin gad dhiise, rakkina afaan bu'a”

[15] Waaqayyo yoo na ajjeese iyyuu, ani isuman abdadha; dhugaa koos isuma durattan falmadha;

[16] kun fayyina anaaf in ta'a, warri Waaqayyo malee jiraatan garuu fuula isaa dura hin dhufan.

[17] Dubbii koo ba'eessa godhaa dhaggeeffadhaa, wanti ani jedhus gurra keessan keessa haa bu'u!

[18] Ani kunoo amma dubbii koo toora qabsiifadheera, akkan dhugaa argadhus nan beeka.

[19] Kan na hadheessu jiraa ree” Yoo akkas ta'e calluma jedhee nan du'a.

[20] “Yaa Waaqayyo, wanta laman si kadhadha, atis “Tole” anaaf jedhi! Ani yommus si duraa hin dhokadhu;

[21] harka adaba keetii ana irraa deebisi! Naasisuun kees ana hin sodaachisin!

[22] Egaa ati na waami, anis nan owwaadha; yookiis ani nan dubbadha, ati immoo deebii anaaf kenni!

[23] Yakki koo fi cubbuun koo hammam baay'ata” Irra-daddarbaa koo fi cubbuu koo anatti himi!

[24] Ati maaliif fuula kee na duraa dhoksita” Akka diina keettis maaliif na lakkoofta”

[25] Baala qilleensi fuudhee adeemu sodaachifta” Habaqiis in ariitaa ree”

[26] Ati wanta ittiin na hadheessitu ana irratti in caafte, gatii yakka bara ijoollummaa kootiis akkan argadhu in goote.

[27] Ati miillan koo jirma ulfaataa gidduu in galchita, tarkaanfii koo hundumaas in eegda; faana kootiifis daarii in goota.

[28] Egaa namni akka wanta bosose tokkoo, akka uffata biliidhaan nyaatamees in dhuma.

Macaafa Iyoob — Chapters