Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:43

[1] Eliihuun ittuma fufee Iyoobitti dubbatee,

[2] “Ani waa'ee Waaqayyoof amma illee waanan dubbadhu akkan qabu sitti nan himaatii, xinnoo ishee anaaf obsi!

[3] Ani beekumsa koo fagoodhaa nan fida, “Qajeelummaanis kan uumaa kootii ti” jedhee nan lakkaa'a;

[4] dubbiin koo dhuguma, soba miti, nama, isa beekumsatti hir'ina hin qabnetu sii wajjin jira.

[5] “Kunoo, Waaqayyo aango-qabeessa, namas hin tuffatu, humni hubannaa isaatii baay'ee jabaa dha;

[6] inni jal'oota fayyaatti hin jiraachisu, warra rakkataniif garuu wanta qajeelaa in kenna;

[7] ija isaa warra qajeelota irraa hin buqqifatu, moototaa wajjin teessoo irra isaan teessisa, bara baraanis ol ol isaan in qaba.

[8] Namoonni funcaadhaan utuu hidhamanii, funyoo rakkinaatiinis jabeeffamanii utuu qabamanii,

[9] yommus inni hojii isaanii fi irra-daddarbaa isaanii, isa isaan of bokoksanis isaanitti in hima.

[10] Gorsa akka dhaga'aniif gurra isaanii in banaaf, yakka isaanii irraas akka deebi'aniif isaan in abbooma.

[11] Isaan isa dhaga'anii isaaf yoo hojjetan, bara isaanii gaariitti, waggoota isaaniis akkuma isaanitti tolee jirutti in raawwatu.

[12] Isa dhaga'uu yoo didan garuu, isaan billaadhaan in balleeffamu, wallaalummaa isaaniitiinis in dhumu.

[13] “Warri Waaqayyo malee jiraatan, aarii garaa keessa kaa'atu, yeroo inni isaan adabuttis gargaarsaaf hin iyyan.

[14] Isaan ijoollummaatti in du'u, jireenyi isaaniis dhiirota galma keessatti ejjaaf qophaa'anii taa'an gidduutti in bada.

[15] Inni warra rakkatoo rakkina isaaniittii in fura, cunqursuudhaanis gurra isaanii in bana.

[16] “Akkasumas gidiraa isa afaan sitti banu keessaa, gara iddoo bal'aa lafa wal rakkisuun hin jirretti si baasa; nyaanni maaddii keetti dhi'aatus coomni kan keessa guute in ta'a.

[17] Ati garuu firdii warra jal'ootaaf ta'u guuttatteetta, kanaafis hadheessi firdii qajeelaa si qabateera.

[18] Eenyu illee badhaadhummaadhaan akka si hin sossobnetti, gabbarsuu guddaanis karaa irraa akka si hin jal'ifnetti of eeggadhu!

[19] Soorumni kee yookiis jabinni humna kee, rakkina keessaa si hambisuu danda'aa ree”

[20] Ati halkanicha isa itti, sabni warri kaan iddoo isaaniitii dhabaman hin hawwin!

[21] Rakkachuu irra yakkuu waan fo'atteef, rakkinaan qoramaa jirta; kanaaf gara yakkuutti akka gara hin galle of eeggadhu!

[22] “Kunoo, Waaqayyo humna isaatiin ol ol kaafameera, barsiisaan akka isaatii eenyu ree”

[23] Eenyutu Waaqayyoon, “Karaan kee isa kana haa ta'u!” yookiis eenyutu, “Ati balleessaa hojjette” isaan jedha ree”

[24] Ati immoo hojii isaa isa namoonni jajatan, guddaa akka ol kaaftuuf yaadadhu!

[25] Namoonni hundinuu hojii isaa arganiiru, fagoottis ija irraa hin buqqifatan.

[26] Kunoo, Waaqayyo guddaa dha, garuu nuyi guddina isaa hin hubannu; lakkoobsi bara isaatiis kan hin qoratamnee dha.

[27] “Inni copha bishaanii ol in harkisa, hurrii keessaas bokkaa in baasa.

[28] Duumessoonni isa gad in cocophsu, namootaafis baay'isanii gad in roobsu.

[29] Namni tokko illee akka duumessi itti diriiru, akka itti kakawween duumessicha isa akka golgaa sana keessaa qaqqawessa'us in hubataa ree”

[30] Kunoo, Waaqayyo naannoo isaatti bakakkaa isaa in bittimsa, hundee galaanaas in golga.

[31] Inni akkasitti saba hundumaa in jiraachisa, wanta nyaatanis baay'inatti in kennaaf.

[32] Inni bakakkaa harkatti maratee, lafa akeeka isaa akka inni rukutuuf in abbooma.

[33] Qaqqawessa'uun isaa dhufa bakakkaa sanaa in beeksisa, horiin qe'ee iyyuu dhi'aachuu isaa in hima.

Macaafa Iyoob — Chapters