Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:31

[1] “Guyyaan firdii inni muramaan isa hundumaa danda'u duraa hin dhokanne erga ta'ee, warri isa beekan guyyaa isaa maaliif hin argin”

[2] Namoonni dhagaa daarii in buqqisu, bushaayee humnaan fudhatanis laficha irra in dheechifatu;

[3] harree kan ijoollee abbaan irra hin jirree ooffatanii in adeemu; qotiyyoo dubartii abbaan manaa irraa du'ees qabsiisaaf in fudhatu;

[4] isaan warra dhaban karaa irraa in kaachisu, hiyyeessonni biyya lafaa hundinuus akka of dhoksaniif in giddisiifamu.

[5] “Kunoo, hiyyeessonni akka harree diidaa isa lafa onaa keessaa ti, isaan hojii isaaniitti gad in ba'u, ganameeffatanii waan adamsan, ijoollee isaaniitiifis nyaata lafti onaan kennu in barbaadu.

[6] Bakkee keessaa okaa in haammatu, dhaabaa muka waynii nama jal'aa keessaas qarmii in funaannatu;

[7] isaan halkan guutuu uffata malee qullaa isaanii in ciisu qorraafis waan of irra buusan hin qaban;

[8] bokkaa tulluu irraa gad roobuun in tortoru, lafa itti dheessan dhabaniis kattaa in ammatu.

[9] “Warri jal'oonni isa abbaan irra hin jirre harma afaanii butanii in qabatu, hiyyeessa irraa immoo qabsiisa in fudhatu.

[10] Hiyyeessonni uffata malee qullaa isaanii, beela'aa bissii baatanii akka adeeman in godhu.

[11] Tarree mukkeetii isaanii gidduutti dhadhaa ejersaa in baasu, ija waynii in cuunfu, ofii garuu in dheebotu.

[12] Mandara keessaa warri du'uuf jedhan in aadu, warri madaa'anis gargaarsaaf in iyyu; Waaqayyo garuu kadhata isaanii hin dhaggeeffanne.

[13] “Namoonni ifa irratti ka'an, warri karaa isaa hin beekne, daandii ifichaa irras hin turre jiru.

[14] Inni nama ajjeesu utuu lafti hin ifin ka'ee, warra dhabanii fi warra rakkatan in ajjeesa, halkan immoo akka hattuu in ta'a.

[15] Namni ejjaan,“Iji nama tokkoo iyyuu ana hin argu” jedhe, dimimmisa ijaan in eeggata, fuula isaattis in haguuggata.

[16] Warri akkasii ifa hin beekan, guyyaa cufatanii in taa'u, dukkana keessa immoo mana qotanii in lixu.

[17] Sodaachisa dukkanaatii wajjin ba'eessa godhanii waan wal baraniif, dukkanni limixiin isaaniif akka ganamaa ti.

[18] “Namni hamaan akka baalaa salphatee bishaaniin in fudhatama; namni karaa iddoo waynii isaatii akka hin baanetti, lafti qooda isaatii abaaramaa dha;

[19] akkuma gognii fi bulluqni cabbii baqe fudhatee fixu, iddoon lafa jalaas cubbamoota akkasuma in godha.

[20] Gadameessi isaan baatee isaan in irraanfata, raammoon isaan in dhota, deebi'aniis hin yaadataman, akkasitti jal'oonni akka mukaa in caccabu.

[21] Isaan dubartii dhabduu dhala hin godhanne irraa in nyaatu, ishee abbaan manaa irraa du'eefis waan gaarii hin hojjetan.

[22] Haa ta'u iyyuu malee, Waaqayyo immoo aangoo isaatiin warra humna-qabeeyyii in harkisa, isaan in ka'u garuu jireenya amansiisu hin qaban.

[23] Waaqayyo bir'aa malee kan itti hirkatan in kennaaf, garuu ija isaa karaa isaanii irraa hin buqqifatu;

[24] yeroo xinnoodhaaf ol in kaafamu, kana booddee garuu hin jiran; isaan akkuma warra kaanii hundumaa gad in deebifamu, in sassaabamus, akka mataa midhaaniis in coolligu.

[25] Kun yoo akkas ta'uu dhabaate immoo, na sobsiisee, dubbiin koos homaatti akka hin galle kan godhu eenyu ree?” jedhe.

Macaafa Iyoob — Chapters