Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:57

[1] “Amma garuu warri na booddee ta'an anatti in kolfu, isaanis warra ani bara baay'eedhaaf abboonni isaanii saroota bushaayee koo eeganii wajjin akka hin teenyeef illee tuffadhee dha.

[2] Abboonni isaanii kun, humni isaan ittiin hubatan erga irraa darbe, jabinni irree isaanii anaaf maal godha”

[3] Dhabaa fi beela irraa kan ka'e goganiiru, isaan lafa gogaa, onaa fi qoddii in qorqu.

[4] Biqiltuu lafa soogiddaa huuxxii wajjin in buqqifatu, hidda muka hadhaa'aas nyaata isaanii in godhatu.

[5] Namoota gidduudhaa baafamaniiru, namoonnis akka hattuutti isaanitti in iyyu.

[6] Fottoqaa lafaa keessa, kattaa gidduu, boolla lafaa keessas jiraachuun giddii isaanitti ta'e.

[7] Huuxxii keessaa akka harree in alaakan, huuxxii qoraattii jalatti walitti in tuuta'an.

[8] Ilmaan gowwootaa, ilmaan warra maqaa hin qabnee, biyya keessaa oofamaniiru.

[9] “Ammas ani muka weedduu isaanii ti, muka mammaaksa isaaniis nan ta'e.

[10] Isaan ana ciigga'anii anattii in fagaatu, fuula kootti tufuufis hin seesan.

[11] Waaqayyo fo'aa iddaa kootii laafisee, waan gad na deebiseef, isaan immoo wanta isaan ittisu fuula koo duratti of irraa in gatan.

[12] Gara harka koo mirgaatiin tuuta toora hin qabnetu ka'a, isaan miilla koo karaa irraa kaachisu, karaa isaanii isa badiisaas ana dura in kaa'u;

[13] isaan karaa koo in kutu, na balleessuudhaaf rakkina anatti in baay'isu namni isaan dhowwus hin jiru.

[14] Akka waan qaawwa bal'aa keessa darbaniitti in dhufu, ona caccabaa jalaanis gad in konkolaatu.

[15] Naasuun akka lollaatti ana irra ba'u, ulfinni koo akka waan qilleensi fudhateetti ana irraa in sokke; qabeenyi koo akka duumessaatti ana irraa in darba.

[16] “Ammas lubbuun koo na keessaa ba'uuf jetti, guyyoonni rakkinaas na qabatan.

[17] Dhukkubni halkan lafee koo in ura, ana irraas in harcaasa; dhukkubni nyaataa koos ana hin dhaggeeffatu.

[18] Humna dhukkuba kootii isa guddaadhaan uffanni koo bifa bade, dhukkubni koo kun akka mormi kittaa nama qabutti na qabe.

[19] Inni dhoqqee keessatti na darbate, anis gad deebi'ee akka biyyoo fi daaraa nan ta'e;

[20] yaa Waaqayyo, ani sittan iyyadhe, ati garuu anaaf hin deebifne; ani nan dhaabadhe, ati garuu calluma jettee na ilaalte.

[21] Ati gara-jabinaan anatti gara galte, aangoo irree keetiinis na dhoofte.

[22] Ati isas akkan yaabbadhu na goote, gara qilleensaatti ol na fuute, bubbee keessatti immoo na aate.

[23] Gara du'aatti, gara mana warri jiraatan hundinuu itti wal ga'aniittis akka ati na geessitu anuu beeka.

[24] “Haa ta'u iyyuu malee, warri hiyyeessonni rakkina isaanii keessatti, firdii dhugaadhaaf yeroo gara kootti iyyatan, ani ciqilee isaan irra dhaabbadhee beekaa ree”

[25] Ani warra rakkina keessa jiraniif hin boonyee ree” Warra deegaadhaafis garaan koo hin gaddinee ree”

[26] Yeroo ani waan gaarii abdadhetti hamaatu dhufe, yeroo ani ifa eeggadhetti dukkanatu dhufe.

[27] Yaaddoonii fi dhiphinni garaa koo in gube, takkaas gab anatti hin jenne, guyyoonni rakkinaas tarree galanii na dura jiru.

[28] Anis aduuttii fagaadheen gaddaa adeema, wal ga'ii keessa ijaajjees gargaarsaaf nan iyya.

[29] Ani akka waangoo addaan baatee boossuu, akka guchii goromtii lafa duwwaa keessaas kopha-galeessa nan ta'e.

[30] Gogaan dhagna koo ana irratti gurraaca'e, lafeen koos ho'aan in gubate.

[31] Kiraarri sirba koo sagalee boo'ichaatti, ululleen koos sagalee wawwaannaatti in geddarama.

Macaafa Iyoob — Chapters