Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:29

[1] Iyoob dubbii isaa isa yaada gad fagoo of keessaa qabu sana ammas itti fufee,

[2] “Maaloo, ani akka ji'oota darbanii, isa akka bara Waaqayyo na eegaa turee utuun ta'e!

[3] Yeroo ibsaan isaa mataa koo irratti ifee, dukkana keessas ani ibsaa isaatiin adeeme,

[4] bara koo isa guutuu sanatti, yeroo eegumsi Waaqayyoo godoo koo irra ture,

[5] yeroo inni hundumaa danda'u anaa wajjin ture, yommuu ijoolleen koo na marsanii turan,

[6] yeroo ani qabeenya keessa ba'ee itittuudhaan faana koo dhiqadhe, yommuu kattaan dhadhaa ejersaa anaaf yaase,

[7] “Yeroo ani gara karra kellaatti ba'e, yommuun lafa wal ga'ii sanatti taa'umsa koo qopheeffadhe,

[8] dargaggoonni na arganii karaa irraa goran, jaarsoliinis ka'anii in ijaajjan;

[9] gurguddoonni dubbii afaanitti qabatan; harka isaaniitiinis afaan isaanii qabatan.

[10] Sagaleen dura-buutotaa cal jechisiifame; arrabni isaaniis laagaa isaaniitti in maxxane.

[11] Gurri na dhaga'e,“Baga gammadde!” naan jedhe, iji na arges anaaf dhugaa ba'e.

[12] Ani hiyyeessa iyyatu, isa abbaan irra hin jirre gargaarsa hin qabnes fureera'o.

[13] Namni du'uuf jedhe na eebbiseera, dubartii abbaan manaa irraa du'es garaan ishee akka ililchu godheera.

[14] Ani qajeelummaa akka uffataatti nan uffadhe, innis anatti uffifame; firdiinis akka qoloo fi akka marata mataa ture.

[15] Ani warra jaamotaaf ija, warra naafotaafis miillan ture;

[16] ani isa deegaadhaaf abbaan ture, dhimma nama ani hin beeknees duukaa bu'ee nan baasaafan ture;

[17] ani qarriffaa nama jal'aa cabse, isa inni qabate qaaruu isaa keessaa buuseera.

[18] “Yommus ani yaada kootti, “Bara koo akka cirrachaa nan baay'ifadha, godoo koo keessattis nan du'a;

[19] hiddooliin koo yaa'anii bishaan bira in ga'u, halkan guutuus fixeensi damoota koo irra in buufata;

[20] ulfinni koo akkuma haaraa ta'etti in hafa, iddaan koos harka koo keessatti in haareffama” nan jedhe.

[21] “Namoonni eeggatanii na dhaggeeffatan, gorsa koo dhaga'uufis calluma jedhan.

[22] Erga ani dubbadhee, isaan hin dubbanne; dubbiin koo immoo gurra isaaniitti cophe.

[23] Isaan akka nama bokkaa eeggatuutti, akka nama bokkaa arfaasaa eeggatuuttis, afaan isaanii bananii na eegattan.

[24] Yeroo isaan amanuu dadhabanitti ani isaanitti nan kolfe; isaan fuula koo isa ifaas lafa hin ilaalchifne.

[25] Ani karaa isaaniif fo'ee, akka dura-buutuutti nan taa'e; akka mootii loltuu isaa gidduu jiruutti, akka isa warra gaddan jajjabeessuttis nan jiraadhe.

Macaafa Iyoob — Chapters