[1] Yommus Eliifaaz Temaanichi deebisee,
[2] “Namni ogeessi beekumsa waa'ee hin baafneen deebii kennaa ree” Qilleensa ba'a-biiftuu isa gubaa garaa isaa in gutataa ree”
[3] Dubbii bu'aa hin qabneen, yookiis haasaa waa'ee hin baafneen in falmataa ree”
[4] Ati garuu Waaqayyoon sodaachuu in dhiifte; irra deddeebitees waa'ee isaa yaaduu irraa in deebite.
[5] Yakki kee dubbii waan si barsiisuuf, ati akka warra haxxeetti dubbachuu fo'atte;
[6] dubbiidhuma keetu sitti farada, arrabuma keetus dhugaa si irratti ba'a malee, ana miti.
[7] “Nama lafa irraa hundumaa keessaa situ dura dhalatee ree” Ati gaarota dura uumamtee ree”
[8] Akeeka Waaqayyoo isa dhokataa dhagesseettaa ree” Ogummaanis si'uma bira ga'ee dhaabatee ree”
[9] Wanta nuyi hin beekne, maalfaa beekta” Wanta nuyi hin hubanne, maalfaa hubatta”
[10] Mataan isaanii harrii kan ta'e, warri lafa guuran, abbaa kee caalaa kan dulloomanis nu gidduu jiru.
[11] Si jajjabeessuun Waaqayyo yookiis suuta jedhee sitti dubbachuun isaa sitti xinnaatee ree”
[12] Yaadni kee maaliif si fudhatee sokka” Aariidhaanis iji kee maaliif boba'aa”
[13] Inni Waaqayyotti si aarsee dubbii jabaa akkasii si dubbachiise maali?
[14] “Namni maali iyyuu qullaa'aa ta'uu danda'aa ree” Yookiis nama ta'ee kan dhalate maali iyyuu, qajeelaa ta'uu danda'aa ree”
[15] Kunoo, inni qulqulloota isaa iyyuu hin amananne, bantiiwwan waaqaas ija isaa duratti qullaa'oo miti erga ta'ee,
[16] egaa yoos inni yakka hojjechuu akka bishaanii dheebotu, hammam ciigga'amaa fi manca'aa haa ta'u ree?
[17] “Ani wantan arge nan dubbadha, isas sitti nan hima dhaggeeffadhu!
[18] Innis wanta namoonni ogeeyyiin abboota isaanii irraa fudhatanii, utuu hin dhoksinis dubbatanii dha.
[19] Lafti isaan duwwaadhaaf kennamee ture, ormis isaan gidduu hin linne.
[20] Namni jal'aan guutummaa bara isaatii rakkinaan dadhabee in jiraata; nama nama sodaachisuufis bara muraasatu kaa'ameefii jira.
[21] Sagaleen nama naasisu gurra isaa irraa in iyya, utuu inni,“Nagaa dha” jedhus saamtonni balaa isatti in buusu;
[22] egaa billaan isa in eeggata, deebi'ee dukkana keessaa akka ba'us hin abdatu;
[23] reeffi isaas irbaata allaattii in ta'a, badiisatti akka dhi'aates in beeka;
[24] rakkinnii fi mudamni akka mootii lolaaf qophaa'eetti isa irra in ba'u, isa in naasisus;
[25] inni harka isaa Waaqayyo irratti waan ol fudhateef, isa hundumaa danda'u irrattis jabaa waan of fakkeesseef,
[26] boqu-jabinaan gaachana isaa isa yabbuu fudhatee isatti in fiiga.
[27] “Innoo fuulli isaa coomaan bobbokokeera, mudhiin isaas coomaan furdateera;
[28] inni mandaroota diigaman, manneen namni keessa hin jiraanne, warra diigamanii tuulamuuf jedhan keessa in taa'a.
[29] Inni hin sooromu, badhaadhummaan isaa jabaatee hin dhaabatu; qabeenyi isaa hundee hin godhatu;
[30] inni dukkana duraa hin ba'u, arrabni ibiddaa damoota isaa in gogsa, hafuura afaan Waaqayyoo keessaa ba'uunis fuudhamee in sokka;
[31] gatiin isaaf kennamu wanta waa'ee hin baafne waan ta'uuf, inni wanta waa'ee hin baafne amanachuudhaan of hin gowwoomsin!
[32] Yeroon isaa utuu hin ga'in in coollaga, dameen isaas hin lalisu;
[33] inni akka muka waynii isa ija isaa isa hin bilchaatin hurgufatuu ti, akka muka ejersaa isa daraaraa isaa harcaafatuu ti.
[34] Kutanni warra Waaqayyoon hin qabnee dhala hin godhatan, godoowwan warra gabbarsuu jaallataniis ibiddatu xaph godha.
[35] Isaan garaatti hammina in yaadu, wanti yaada isaanii keessaa ba'us rakkina in fida; yaada isaanii keessatti gowwoomsaa in qopheessu” jedhe.