[1] “Ani jireenya koo nan jibba, of gad dhiisees gadda koo nan dhageessifadha; isa jireenyi koo keessa ba'ee anatti hadhaa'e nan dubbadha;
[2] ani Waaqayyoo wajjin dubbadhee, “Waanan sitti balleesse anatti himi malee, maaliif anatti faradda”
[3] Maree warra jal'ootaa faara tolaadhaan ilaaltee ana cunqursuun, hojii harka keetiis tuffachuun sitti in tolaa ree”
[4] Ati dhuguma ija foonii qabdaa ree” Akkuma namni ilaaluttis in ilaaltaa ree”
[5] Guyyoonni kee akka guyyoota namaa tii ree” Waggoonni kees akka waggoota namaa tii ree”
[6] Egaa maaliif irra-daddarbaa koo iyyaafattee, cubbuu koos qoratta”
[7] Balleessaa akkan hin qabne, harka kees kan na oolchu akka hin jirre ati in beekta.
[8] “ ‘Duroo harka keetu tolchee na uume, kana keessaa gara galtee ana balleessitaa”
[9] Suphee irraa akka na uumte yaadadhu; amma immoo biyyootti na deebisuuf jettaa ree”
[10] Ati akka aannanii ana hin dhangalaafnee ree” Akka itittuus ana hin itichinee ree”
[11] Gogaa fi foon anatti uffiftee, ribuudhaa fi lafeedhaan walitti na fayyifte.
[12] Ati jireenya anaaf kennitee, gaarummaas na argisiifteetta; eegumsi kee hafuura koo jiraachiseera.
[13] “ ‘Garuu ati kana garaa keessa akka kaa'atte, kunis akeeka kee akka ture ani beeka;
[14] yoon cubbuu hojjedhe ati in argita, yakka koo irrattis akkasumatti gad ana hin dhiiftu.
[15] Jal'aa yoon ta'e anaaf wayyoo! Salphinaan guutamee, gad qabamuudhaanis waanan liqimfameef, utuman nama qajeelaa ta'e iyyuu, danda'ee mataa koo ol hin qabadhu.
[16] Yoon mataa koo ol qabadhe, ati akka leencaa na adamsita; ammaa ammas humna kee isa dinqisiisaa anatti in argisiifta;
[17] dhuga-baatota haaraa ana irratti in kaafta, dheekkamsa kee anatti in baay'ifta, loltuu haaraa anatti in ergita.
[18] “ ‘Gadameessa keessaa maaliif na baafte” Iji nama tokko illee utuu ana hin argin, utuun du'eera ta'ee!
[19] Utuun hin jiraanne ta'ee, gadameessa keessaa gara awwaalaatti geeffameera ta'ee, attam gaarii ture!
[20] Barri jireenya koo muraasa mitii ree” egaa jajjabina xinnoo ishee akkan argadhutti na dhiisii ana irraa deebi'i!
[21] Ani gara lafa deebi'anii hin galle, lafa halkanii fi dukkana sodaachisaa,
[22] gara lafa dukkana quba hin keessifneef dukkana sodaachisaa, lafa toora hin qabne, lafa ifni iyyuu akkuma dukkanaa ta'e utuun hin dhaqin, jajjabina akkan argadhutti na dhiisi!” nan jedha” jedhe.