Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:27

[1] Egaa Iyoob,“Ani nama qajeelaa dha” waan ofiin jedhuuf, jarreen kun sadan isaaf deebii deebisuu in dhiisan.

[2] Eliihuun ilmi Baaraakel Buzichaa inni qomoo Raam keessaa, sababii Iyoob Waaqayyoon qajeelaa gochuu irra ofii isaa qajeelaa of godheef isatti aaree in boba'e.

[3] Firoonni Iyoob sadanis Iyoobumatti faraduu malee, deebii ga'u waan dhabaniif, isaanittis aaree in boba'e.

[4] Isaan hundinuu angafoota isaa waan turaniif, Eliihuun hamma Iyoob dubbatee raawwatutti in eege.

[5] Afaan jarreen kana sadanii keessa deebiin akka hin jirre yommuu arge aaree in boba'e.

[6] Kanaaf Eliihuun ilmi Baaraakel Buzichaa deebisee, “Ani ijoollee dha, isin garuu baay'ee dulloomtaniittu; kanaafan waanan beeku isinitti mul'isuu sodaadhee of qabe;

[7] ani,“Waggoonni in dubbatu, barri baay'eenis ogummaa nama barsiisu” jedheen ture.

[8] Garuu hafuura isa nama keessa jiru, hafuura isa inni hundumaa danda'u itti baafatetu hubannaa namaaf kenna.

[9] Ogummaan gurgudataniif miti, wanta qajeelaa ta'e hubachuunis dulloomaniif miti.

[10] “Kanaafis,“Ana, dhaggeeffadhaa! Anis waanan beeku nan mul'isa!” nan jedhe.

[11] Kunoo, ani hamma isin dubbattanii raawwattanitti nan eege; yommuu isin itti yaaddanii dubbattanis, sababii isin laattan nan dhaggeeffadhe.

[12] Ani ba'eessa godhee isin dhaggeeffadheera, garuu isin keessaa namni Iyoobin balleessaa isaa amansiise, namni dubbii isaatiif deebii kenneefis hin turre.

[13] Isin,“Nuyi ogummaa arganneerra, isa immoo Waaqayyotu of irraa deebisa malee, nama miti” akka hin jennetti,

[14] Iyoob dubbii isaa tarree galchee anatti hin dubbanne, anis dubbii keessaniinan deebii isaaf kenna miti.

[15] “Isaan na'anii walii wallaalaniiru, si'achis deebii hin deebisan, dubbiin isaan harkaa badeera.

[16] Egaa sababii isaan hin dubbanneef, sababii isaan deebii deebisan dhabanii dhaabataniif, ani isaan eeguu ree”

[17] Anis immoo qooda koo deebii nan deebisa, waanan beekus nan mul'isa.

[18] Ani wantan dubbadhu baay'een qaba, hafuurri na keessa jirus na tuttuqa;

[19] garaan koo akka daadhii waynii maragamee ti, akka qalqala buufaa warra sibiila tumu isa bokokaa ti;

[20] akkan furamuuf nan dubbadha, afaan koo saaqqadhees deebii nan deebisa,

[21] ani nama tokkoof iyyuu hin loogu, nama tokkottis hin kuulu!

[22] Ani namatti kuuluu hin beeku, Silaa'oo uumaan koo dafee na balleessa ture.

Macaafa Iyoob — Chapters