Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:28

[1] Ammas Iyoob dubbii isaa isa yaada gad fagoo of keessaa qabu itti fufee,

[2] “Dhugaa Waaqayyo isa jiraataa isa firdii na dhowwatee, isa hundumaa danda'uu, isa jireenya koo anatti hadheessee,

[3] ani hafuurri koo hamma na keessa jirutti, hafuurri Waaqayyoos funyaan koo keessa hamma jirutti,

[4] afaan koo hamaa hin baasu, arrabni koos soba hin dubbatu;

[5] isin,“Dhugaa qabdu” jechuun ana irraa haa fagaatu! Ani immoo hamman du'utti balleessaa malee jiraachuu koo irraa hin deebi'u.

[6] Ani qajeelummaatti nan jabaadha malee, gad hin dhiisu; bara jireenya koottis garaan koo ana hin ceepha'u.

[7] “Diinni koo akka warra hamootaa, inni ana irratti ka'us akka warra jal'ootaa haa ta'u!

[8] Yeroo Waaqayyo isa balleessu, yeroo inni lubbuu isaa keessaa baasus, abdiin nama Waaqayyo malee jiraatu maal ta'inna laata”

[9] Yeroo rakkinni isatti dhufu, Waaqayyo iyya isaa in dhaga'aa ree”

[10] Inni immoo isa hundumaa danda'utti in gammadaa” Yeroo hundumaas Waaqayyoon in waammataa ree”

[11] Ani waa'ee humna Waaqayyoo isin nan barsiisa, wanta isa hundumaa danda'u bira jirus ani hin dhoksu.

[12] Kunoo, isin hundumti keessan iyyuu isa kana argitaniittu, egaa maaliif akkasumaan waan waa'ee hin baafne dubbattu ree?

[13] “Qoodni namni jal'aan Waaqayyo biraa argatu, dhaalli namni cunqursituun isa hundumaa danda'u biraa fudhattu kanatti aanee kan jiru dha;

[14] ijoolleen isaa yoo baay'atan iyyuu billaadhaaf in ta'u, dhalli isaas buddeena quufee hin nyaatu.

[15] Warri baraaraman du'anii in awwaalamu, haadootiin hiyyeessaa isaanii isaaniif hin boo'an.

[16] Inni meetii akka biyyootti yoo tuule, uffatas akkuma xuuphiitti yoo wal irra naqe illee,

[17] kana gochuu in danda'a, garuu isa qajeelaatu isa uffata, warra balleessaa hin qabnetus meeticha hirmata;

[18] manni inni ijaaru akka mann'ee simbirroo, akka gaaddisa eegduun dhaabbatuu tis.

[19] Badhaadhaa ta'ee in ciisa, garuu itti hin deebi'u, ija isaa yommuu banatus badhaadhummaan isaa hin jiru.

[20] Naasuun akka lolaatti isa irra in ba'a, halkanis bubbeen isa fudhatee in sokka.

[21] Qilleensi gara ba'a-biiftuu inni gubaan isa fuudhee in adeema, harees iddoo isaatii isa in baasa; innis in sokka.

[22] Humna qilleensichaa jalaa ba'uudhaaf, ija mataa hin qabneen in baqata, qilleensichis oo'a malee isatti in bubbisa.

[23] Inni isa irratti harka isaa walitti in rurrukuta, iddoo isaatiis isatti in ga'isa” jedhe.

Macaafa Iyoob — Chapters